{"id":4846,"date":"2025-02-07T09:52:15","date_gmt":"2025-02-07T09:52:15","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4846"},"modified":"2025-02-10T13:37:53","modified_gmt":"2025-02-10T13:37:53","slug":"lafa-seeraan-ala-saamame-ture-gara-baankii-lafa-moo1tummaatti-deebisiisu-qajeelchi-bulchiinsa-lafaa-bulchiinsa-sablammii-oromoo-beeksise","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/02\/07\/lafa-seeraan-ala-saamame-ture-gara-baankii-lafa-moo1tummaatti-deebisiisu-qajeelchi-bulchiinsa-lafaa-bulchiinsa-sablammii-oromoo-beeksise\/","title":{"rendered":"Lafa Seeraan Ala Saamame Ture Gara Baankii Lafaa Mootummaatti Deebisiisu Qajeelchi Bulchiinsa Lafaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo Beeksise"},"content":{"rendered":"<p>Bulchiinsi sablammii Oromoo bara baajataa 2017 kurmaanaa 2ffaatti lafa seeraan alaa weeraramee ture heektaara 713 deebisisuuf karoorse hanga ammaatti lafa heektaara 321 deebisisuu qajeelcha bulchiinsa lafaa bulchiinsa sablammii Oromootti, Dursaan garee bulchiinsa lafaa, obbo Siraaj Mohaammad himaniiru. Kana keessaa lafti heektaara 33.9 lafa magaalaa ta&#8217;uus hubachisaniiru. Namootni 222 weerara lafa karaa seeraan alaa taasisuu kaasaniiru. Yeroo itti aanuttis hojiin seeraan alummaa irratti hojjetamu cimee kan itti fufu ta&#8217;uus ibsaniiru. Lafa seeraan alaa weeraramee jiru hunda deebisisuufis kallattiin kaa&#8217;ame hojjetamaa jiraachuu obbo Siraaj himaniiru.<\/p>\n<p>Birroon Haqaa Naannoo Amaaraa lafa seeraan alatti saamamaa ture deebisisuu Beeksiseera. Koreen dhaabbii dhimmoota seeraa, haqaafi bulchiinsaa\u00a0 mana maree naannoo Amaaraa, raawwii hojii dhaabbilee inni hordofu gamaaggameera. Itti gaafatamaan biiroo haqaa naannichaa obbo Birihaanuu Goshiim, biriichi karoora tiraansformashinii karoorsee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiilee\u00a0 teknolojii ammayyeessuu dandeessisan raawwachaa jiraachuus kaasaniiru.\u00a0\u00a0 Sirna haqaa mirkaneessuufis biriichi hojjechaa jiraachuu kan eeran itti gaafatamtichi, itti fayyadamummaa uummataafi mootummaa kabachisuufis hojjetamaa jiraachuu hubachisaniiru.<\/p>\n<p>Malaanmaltummaafi seeraan alummaa ittisuuf,\u00a0 hojiin bal&#8217;aan hojjetamaa jiras jedhaniiru.\u00a0 Dhaabbilee haqa dhaqqabamaa taasisuuf tattaaffiin guddaa taasifamuu kan kaasan obbo Birihaanuun, hawaasni sirna haqaaf deeggaraa akka ta&#8217;u hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Obbo Birhaanuun akka jedhaniitti, hirmaannaan hawaasaa haqni akka mirkanaa&#8217;uuf gahee guddaa qaba. Yakka ittisuufis hojiin qindaa&#8217;aa ta&#8217;e hojjetamaa jiraachuu eeranii,\u00a0 kanaanis birrii miliyoona 337.5 ol malaanmaltummaan qisaasa&#8217;uuf ture deebisisuu isaanii ibsaniiru.<\/p>\n<p>Lafa magaalaa seeraa alaan dabarfamee ture, deebisuun danda&#8217;aamuus hubachisaniiru. Bara baajatichaa kurmaana 2ffaatti\u00a0 galmeewwan hedduu irratti murtoon kennamu isaa dubbataniiru. Dubartootni, daa&#8217;imman, dargaggootni, jaarsooliifi qaama miidhamtootni hedduun haqa akka argatan taasifamuus ibsaniiru.\u00a0 Sababa haala waqtaawaa naannicha keessa jiruun lammiileen mana sirreessaa haalli qabinsa isaanii fooyya&#8217;aa akka ta&#8217;u hojjetamu itti gaafatamtich himaniiru.\u00a0 Dhaabbatichaatti hojiin itti gaafatamummaa mirkaneessuu hojjetamuu kan himan obbo Birhaanuun, kanaanis, ogeessootaafi hoggantoota damee haqaa qulqulleessuuf hojjetamaa akka jiru himaniiru. Sababa rakkoo nageenyaa naannichatti muudateen hojii barbaadamu hojjechuuf gufuu guddaa akka ta&#8217;es ibsaniiru. Rakkooleen biiroo haqaa naannichaa akka hiikaman manni marichaa deeggarsa taasisuu akka qabus waamicha dhiheessaniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Bulchiinsi sablammii Oromoo bara baajataa 2017 kurmaanaa 2ffaatti lafa seeraan alaa weeraramee ture heektaara 713 deebisisuuf karoorse hanga ammaatti lafa heektaara 321 deebisisuu qajeelcha bulchiinsa lafaa bulchiinsa sablammii Oromootti, Dursaan garee bulchiinsa lafaa, obbo Siraaj Mohaammad himaniiru. Kana keessaa lafti heektaara 33.9 lafa magaalaa ta&#8217;uus hubachisaniiru. Namootni 222 weerara lafa karaa seeraan alaa taasisuu kaasaniiru. [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4847,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4846"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4846"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4846\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4877,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4846\/revisions\/4877"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4847"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4846"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4846"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4846"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}