{"id":4851,"date":"2025-02-10T07:58:43","date_gmt":"2025-02-10T07:58:43","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4851"},"modified":"2025-02-10T07:58:43","modified_gmt":"2025-02-10T07:58:43","slug":"aadaa-walgargaarsaa-hawaasicha-walitti-hidhaa-jiru","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/02\/10\/aadaa-walgargaarsaa-hawaasicha-walitti-hidhaa-jiru\/","title":{"rendered":"Aadaa Walgargaarsaa Hawaasicha Walitti Hidhaa Jiru"},"content":{"rendered":"<p>Mammaaksi Oromoo \u201charki dabareen wal dhiqa\u201d jedhee makmaake akkasumaan miti. Harki inni tokko harka isa biraa tumsuu deggaruufi gargaaruu isaa, caalaa dhumatti ammoo yoo waliin ta\u2019uun wal gargaaran wal miidhagsuufi jaalala qabaachuu akka danda\u2019an mammaaksa akeektuu nuuf ta\u2019u maludha.<\/p>\n<p>Nutis akkasumaan dhimma kana hin tuqne. Bulchiinsa sab-lammii Oromoo Aanaa Baateetti yaadaan isin imalchiisuuf qophoofneerra. Waamalees bakka sanatti isin hin geessinu; aadaa jabee hawaasicha keessa jiru, duudhaa wal gargaarsaa irratti waan qindeeffamnne waan qabnuufi dubbisa gaarii isiniif haa ta\u2019u!<\/p>\n<p>Aadaan wal gargaarsaa hawaasa Itoophiyaa kutaalee adda addaa keessa jiraatan sirnootaafi taateen inni ittiin gaggeeffamu garaagarummaa haa-qabaatu malee, miirri hawaasichi duudhaa wal gargaaruuf qabu wal-fakkaataadha. Aadaan wal-gargaarsaa kunis bulchiinsa sab-lammii Oromoo biratti aadaa jabaadha. Baroota durii irraa eegaluun hanga ammaatti aadaan kun sadarkaa bulchinsichaatti duudhaalee cimee itti fufee jiru keessaa isa angafaati. Waqtiilee adda addaatti aadaan kun haa-gaggeeffamu malee, waqtiin gaddaafi gammachuu, argachuufi dhabuutti aadaan kun kan taasifamu isa muraasadha.<\/p>\n<p>Aadaan wal-gargaarsaa kanneen keessaa daboon (guuzni) isa tokkodha. Daboon ija jiraattoota bulchiinsa sablammii Oromoo biratti akkamitti ilaalama? Barsiisaa Ahimad Muhee, aanaa Baateetti jiraataa ganda Birraati. Gandi isaanii dur irraa eegaluun aadaa wal gargaarsaa kanaan akka beekamu, isaanis argaa kan guddatan ta\u2019uu dubbataniiru. \u201cYeroo midhaan calleeffamuuf gahutti hawaasni naannoo keenyaa mana irra deemuun daboo wal waammata kunis nama hunda bira dabareen kan gahu waan taheef hanga namoota 10 fi isaa ol ta\u2019uun daboo tokko irratti bobbaana\u201d jedhaniiru. Akka barsiisaan kun jedhaniitti, wayita midhaan calleeffamuuf jedhutti mana nama midhaan calleeffatu sanaatti bifa cidha irraa adda hin taaneen qophiin ni qopheeffama. Dargaggootni hojii bakkeetti hojjetamuuf yoo of qopheessan shamarran ammoo hojiilee mana keessaaf dursanii of qopheessu, jechuun adeemsa daboof taasifamu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Obbo Huseen Abduunis jiraatuma ganda kanaa yoo ta\u2019an \u201cdur irraa eegaluun hawaasni naannawa kanaa qofaa hin hojjetu, tokkummaani jiruuf jireenya isaa kan gaggeeffatu. Hawaasichi yeroo midhaan isaa calleeffatus ta\u2019e yeroo hojiilee adda addaatti ganama irraa eegaluun wantoota barbaachisoo hunda hojjeta. Midhaan dirree irratti tumamu irrattis fiduun sirbinee wal onnachiisaa taphannee hojii keenya hojjena; yeroo midhaan calleeffamu, hanga midhaan sun qulqullaa\u2019ee galutti fe\u2019amee mana gahutti tumsi keenya wal biraa hin hafu\u201d jechuun obbo Huseen yaada isaanii nuuf qoodaniiru. Taateen nuti ganda kanatti argines hojiif kan nama kakaasu jiruuf jireenya hawaasa kana keessatti dhimma baratamaa ta\u2019eefi faayidaa guddaa irraa argachaa jiraachuu isaanii hubannee jirra. Jaalalli hawaasni kun walii isaaf qabu ammoo bu\u2019aa daboon wal gargaaruun fideefi faayidaa inni jiruuf jireenya hawaasummaa keessatti qabu hubachuun dinqisiifachuuf dirqamneerra.<\/p>\n<p>Itti gaafatamtuun waajjira Aadaaf Tuurizimii aanaa Baatee, aadde Hawwaa Umar, aadaan wal gargaarsaa kun jiraattotaaf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. \u201cDhiirotaafi shamarreen jechuun osoo saala adda hin qoodin, hunduu daboon wal gargaara. Shamarran bishaan waraabuun \u2018lee holillehee\u2019 jechuun bakka midhaan itti calleeffamu tolchuu irraa eegalanii, nyaata qopheessuun wal gargaaru\u201d jedhaniiru. Akka itti gaafatamtuun tun jedhaniitti, daboon hojjechuun, waan namni tokko qofaa raawwachuu hin dandeenye ni raawwatama, \u00a0yeroofi humni ni qusatama, baasii irraas bilisa nama taasisa. Caalaatti ammoo daboon hojjechuun, jaalala hawaasummaa cimsuun hariiroo sabni kun jiruuf jireenya isaa keessatti qabuus ni jabeessa jedhaniiru.<\/p>\n<p>Aadaa walgargaarsaa kana keesatti wantoota hedduutu taasifama, hojii tokkummaan hojjechuun cinatti aadaa sirbaa dhiichisaafi bifa geerarsaan wal faarfatu. Fakkeenyaaf shamarri bakka midhaan itti calleeffamuttilee \u2018holillehee\u2019 jechuun yeroo sirban wal onnachiisuu wal faarfatu, jaalala waliif qaban, hawwii garaa isaanii baasanii himatu jedhaniiru. Dargaggootnis wayita midhaan tumanitti, \u201cyaa\u2026 hoo! jechuun waliin lafa hoo\u2019isanii sirbaa hojjetu, kun faayidaan isaa dachaadha\u201d jechuun yaada isaanii nuuf qoodaniiru. Aadaan walgargaarsaa kun ammayyuu cimee itti fufuun isaa ammoo abdii kan namatti horu ta\u2019uu kaasuun hawaasichi aadaa isaa ganamaa kana cimsee itti fufuu qaba jechuunis dhaamaniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamaan Qajeelcha Aadaaf Tuurizimii Bulchiinsa Sablammii Oromoo, obbo Ahimad Ibraahim, aadaan walgargaarsaa jajjaboon akkanaa akka hin badneef hojjechaa akka jirtan himaniiru.\u00a0 \u201cYeroo ammaa akka waajjira keenyatti aadaa keenya kana mullisuuf caalaatti addunyaaf argisiisuuf hojiilee beeksisuu hojjechuuf waan karoorfanne qabna\u201d jechuun yaada isaanii nuuf qoodaniiru. Obbo Ahmad hawaasni aadaaf duudhaa isaa ganamaa kanneen hiika guddaa qaban jabessee kunuunsuufi itti fayyadamuu akkasumas dhaloota dhufuuf barsisuu akka qabu dhaamsa isanii dabarsaniiru.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Mammaaksi Oromoo \u201charki dabareen wal dhiqa\u201d jedhee makmaake akkasumaan miti. Harki inni tokko harka isa biraa tumsuu deggaruufi gargaaruu isaa, caalaa dhumatti ammoo yoo waliin ta\u2019uun wal gargaaran wal miidhagsuufi jaalala qabaachuu akka danda\u2019an mammaaksa akeektuu nuuf ta\u2019u maludha. Nutis akkasumaan dhimma kana hin tuqne. Bulchiinsa sab-lammii Oromoo Aanaa Baateetti yaadaan isin imalchiisuuf qophoofneerra. Waamalees [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4852,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4851"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4851"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4851\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4853,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4851\/revisions\/4853"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4852"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4851"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4851"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4851"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}