{"id":4860,"date":"2025-02-10T08:43:56","date_gmt":"2025-02-10T08:43:56","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4860"},"modified":"2025-02-10T08:43:56","modified_gmt":"2025-02-10T08:43:56","slug":"hojiin-misooma-qabeenya-uumamaa-oomishni-akka-dabaluu-taasisaa-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/02\/10\/hojiin-misooma-qabeenya-uumamaa-oomishni-akka-dabaluu-taasisaa-jira\/","title":{"rendered":"Hojiin Misooma Qabeenya Uumamaa Oomishni Akka Dabaluu Taasisaa Jira"},"content":{"rendered":"<p>Hojiin misomaa qabeenya uumama damee qonnaatiif lafee duugdaadha jechuun ni danda&#8217;ama.\u00a0 Biyyootni hedduun gara diinagdee fooyya&#8217;aatti ce&#8217;uu kan isaan danda&#8217;an, hojii kunuunsa qabeenya uumamaa cimsanii misoomsuu isaanii akka ta&#8217;e ragaaleen ni agarsiisu. Hojiin misooma qabeenya\u00a0 uumamaa jaarraa 19 ffaa keessatti akka eegalees ogeessootni damichaa ni dubbatu.<\/p>\n<p>Qabeenya uumamaa kununsuuniifi misoomsuun, gabbina biyyee guddisuun, hammi oomishaa akka fooyya&#8217;uu taasisuun, wabii miidhaan nyaataa ni mirkaneessa. Itoophiyaatti hojii kunuunsa qabeenya uumamaa irratti qorannoo bara 2003 hanga 2014tti\u00a0 sululaawwan 92 irratti taasifameen, fooyya&#8217;insi gabbina biyyee jiraachuufi oomishaafi oomishtummaa daran akka dabalu taasisuu mirkanaa&#8217;eera. Kunis gabbine biyyee eeguun, baasiin xaa&#8217;oo uumamaaf bahaa ture akka gadii xiqqaatu taasisuu qorannichi ni agarsisa.Hojiileen qabeenya uumamaa irratti hojjetaman bu&#8217;aa qabatamaa argamsisuu danda&#8217;uu isaaniin qonnaan bulaa biratti amantaa guddaan akka jiraatu taasiseera. Kunis hojii qabeenya uumamaa irratti hawaasa amansisuun itti fufinsaan hirmaachisuuf haala mijataan akka uumamu taasisera.<\/p>\n<p>Naannoo Amaaraa bulchiinsa sablammii Oromootti, qonnaan bultootni\u00a0 sululaawwan ooyiruu isaanii irratti hojjetaniin fayyadamaa ta&#8217;uu isaanii dubbataniiru. Jiraataan aanaa Dawwaa Caffaa, ganda Garbii, qonnaan bulaa Sayid Indiriis, hojiin misooma\u00a0 qabeenya uumamaa erga eegalame asitti qonnaan bulaan hedduu fayyadamaa ta&#8217;uu dubbataniiru. Keessumaa hojiin qabeenya uumamaa dhiqama biyyee hambisuun; gabbinni biyyee akka fooyya&#8217;u taasisuun; oomishaafi oomishtummaan akka dabalu taasisun qonnaan bulaan wabii midhaan nyaataa isaa akka mirkaneeffatuufi jireenya isaa akka jijjiiru taasisuun bu&#8217;aa guddaa argamsisaa jiraachuu dubbataniiru. Kanaan dura heektaara tokko irraa kuntaala 30 kan argachaa turan yoo ta&#8217;u,\u00a0 yeroo ammaa hojii misoma qabeenya uumamaa hojjetameen, hanga kuntaalaa 60 argachuu dandeenyera jedhaniiru.<\/p>\n<p>Jiraataan aanaa Dawwee Harawaa isaan biroos hojiiwwan misooma sululaa waggoota darban hojjetamaniin oomishaafi oomishitummaa qonnaa dabalatee jijjiramoota gaarii hedduun irraa argameera jedhaniiru. Waajjira qonnaa aanaa Jillee Dhummuugaatti, dursaan garee qabeenya uumamaa obbo Amaara Sisaay, hojii misooma qabeenya uumamaa hojjetamaa tureen bu&#8217;aawwan hedduu mul&#8217;achaa jiraachuu dubbataniiru. Hojiin sululaa eerga hojjetamu eegale, aanichatti sulula Oppee jedhamu irratti bishaan bakkichatti duraan hin turre burquu danda&#8217;uu akka fakkeentatti kaasaniiru.<\/p>\n<p>Itti aanaan itti gaafatamaa qajeelcha qonnaa bulchiinsa sablammii Oromoo, obbo Hasan Sayid,\u00a0 bara kanatti lafa heektaara kuma 20fi 400 ol\u00a0 gandoota adda baafaman irratti misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Humni namaa hojii sululaawwan kana hojjechuu danda&#8217;u kuma 100fi kuma 67 ol ta&#8217;u bobbaasuun gara hojiitti galamuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Kununsi qabeenya uumamaa bu&#8217;aa argamsisaa jiraachuu hubachuun,\u00a0 hawaasni bulchiinsi sablammichaa bifa warraaqsaan hojjechaa jiraachuus himaniiru. Hojiin misooma qabeenya uumamaa dameen qonnaa jijjiirama caasaa akka fidu,\u00a0 burqaawwan bishaanii akka uumaman kan taasisu, carraan hojii akka uumamuu,\u00a0 ashaaraan magariisaa akka babal&#8217;atuufi gabbinni biyyee akka dabalu taasisuu keessatti faayidaa olaanaa qabachuu dubbataniiru. Uwwisni bosonaa akka dabalu taasisuu, egumsa biyyeefi bishaan irratti hojjetaman bu&#8217;aa argamsisuu, bishaan bakka hin eegamne osoo hin hafin akka burqaniifi oomishaafi oomishitummaan daran akka dabaluu taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Sababa hojii misooma qabeenya uumamaa hojjetameen, filannoon bishaan hedduun uumamuu kan kaasan obbo Hasan, kun immoo jallisii, bishaan dhugaatiifi tajaajila adda addaaf akka oolu taasisuun hawaasa bulchinsa sablammichaaf faayidaa guddaa argamsisuu hubachisaniiru. Dargaggoota hojii dhabbeeyyi hedduuf,\u00a0 Kuduraaleefi muduraalee adda addaa dhaabuun, horsiisa kannisaa, horsisaa lukkuufi furdisa loon irratti gurma&#8217;aani akka hojjetan carraan umameeraafis jedhaniiru.<\/p>\n<p>Gidduu galli qorannoo\u00a0 naannoo Amaaraafi Yuunvarsiitiin Baahir Daar hojii misoomni qabeenya uumama oomishaafi oomishitummaa dabaluuf faayidaa qabu irratti Qorannoo taasisaniin, jijjiramni guddaan jiraachuu mirkaneessaniiru. Bakkarraa bakkatti garaagarummaa qabaatus misoomni qabeenya uumamaa erga hojjetameen booda, oomishaawwan irratti hanga dhiibbantaa 200 ol\u00a0 kan dabalu ta&#8217;uu akka mirkaneeffame obbo Hasan himaniiru. Inni gadii aanaan immoo oomishni dhiibbantaa 86 dabaluu akka danda&#8217;uu himaniiru. Kanaafuu hojiin qabeenya uumamaa oomishaafi oomishitummaan akka dabalu qabatamaan qorannoon mirkanaa&#8217;uu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Hojiin kununsa bishaaniifi biyyoo sagantaa ashaaraa magariisaa deeggaruun lafti bosonnii irraa dhumee ture akka bayyanatu akkasumas maddeen laggeenii goganii turan akka deebi&#8217;anii maddan taasisuun danda&#8217;amuu himaniiru. Kanaanis hangi bishaan naannichaa kan lafa jalaafi lafa irraa dabaluu eeraniiru. Hojiin kun hojii aadaa,\u00a0 hojii qonnaan bultootaa jijjire ta&#8217;uus himaniiru. Hojii hubannoo uumuu hojjetameen hirmaannaan uummataa eegumsa misooma qabeenyaarratti taasisuu baay&#8217;ee olaanaa ta&#8217;uu kaasaniiru.\u00a0 Kanaaf hawaasni hojii kunusaa biyyeefi bishaanii jalqabe sagantaa ashaaraa magariisaa waliin qindeessuun cimsee itti fufuu akka qabus dhaamaniiru.<\/p>\n<p>Addunyaarratti sababa\u00a0 rooba cimaafi balaa\u00a0 lolaatiin dhiqama biyyee olaanaa muudachuun waggaa waggaadhaan doolaara biliyoonaan lakkaa&#8217;amu akka dhabamu qorannoon ni agarsisa. Kunis oomishaalee dhiibbantaa 34 yookiin oomisha kuntaalaa miliyoona 34 ta&#8217;u akka dhabamu taasiseera jechuun ni danda\u2019ama. Kunis daballii gatii dhibbantaa 3.7 dabaluun qaala&#8217;insi jireenyaa akka mudatu taasisa jechuun qorattootni mirkaneessuu ragaaleen ni agarsiisu.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Hojiin misomaa qabeenya uumama damee qonnaatiif lafee duugdaadha jechuun ni danda&#8217;ama.\u00a0 Biyyootni hedduun gara diinagdee fooyya&#8217;aatti ce&#8217;uu kan isaan danda&#8217;an, hojii kunuunsa qabeenya uumamaa cimsanii misoomsuu isaanii akka ta&#8217;e ragaaleen ni agarsiisu. Hojiin misooma qabeenya\u00a0 uumamaa jaarraa 19 ffaa keessatti akka eegalees ogeessootni damichaa ni dubbatu. Qabeenya uumamaa kununsuuniifi misoomsuun, gabbina biyyee guddisuun, hammi oomishaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4861,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4860"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4860"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4860\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4862,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4860\/revisions\/4862"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4861"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4860"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4860"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4860"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}