{"id":4873,"date":"2025-02-10T08:57:53","date_gmt":"2025-02-10T08:57:53","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4873"},"modified":"2025-02-10T08:57:53","modified_gmt":"2025-02-10T08:57:53","slug":"hojiin-misooma-qabeenya-uumamaa-hirmaannaa-uummata-balaan-gaggeeffamaa-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/02\/10\/hojiin-misooma-qabeenya-uumamaa-hirmaannaa-uummata-balaan-gaggeeffamaa-jira\/","title":{"rendered":"Hojiin Misooma Qabeenya Uumamaa Hirmaannaa Uummata Bal\u2019aan Gaggeeffamaa Jira"},"content":{"rendered":"<p>Qabeenya uumamaa ittifufinsaafi madaallii naannawaa eege mirkaneessuun dhimma filannoof dhihaatu akka hintaane namuu ni hubata. Ta&#8217;us qabeenya uumamaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuu dhiisuu irraan kan ka\u2019e, duraan barootaaf mancaatiin guddaan gahaa tureera. Yeroo dhihoo asitti garuu, mootummaan mancaatii bosonaa hambisuuf galmoota qonna irratti qabate milkeessuuf akkasumas diinagdee magariisaa qormaata jijjiirama qilleensaa dandamatu dhugoomsuuf rakkoolee gama kunuunsaafi eegumsa naannawaan jiran furuun dhimma ijoo ta\u2019uu hubatee socho\u2019uu irratti argama. Bu\u2019uuruma kanaan, misoomni sululaafi kanneen biroo xiyyeeffannoo addaan raawwatamuu irratti argamu. Haala qabatamaa amma jiruun hojiin kunuunsa misooma qabeenya uumamaa bara kanaa bifa qindaa&#8217;aa ta&#8217;een\u00a0 kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti duulaan hojjetamaa jiraachuu mirkaneeffanneerra.<\/p>\n<p>Hojiin duula qabeenya uumamaa akka Bulchiinsa Sablammii Oromootti maal fakkaata? Jiraataan Aanaa Dawaa Caffaa Ganda Garbii, obbo Mahaammad Indiris baroottan kurnan darbaniif hojii misooma qabeenya uumamaa duulaan hojjetamurratti hirmaachaa turuu dubbataniiru. Kan baranaarrattis jiraattota gandichaa waliin duulaan bahanii tokkummaan hojii misoomaarratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. \u2018\u2019Hoj-maata hojichaarratti kan xiyyeeffate ogeessota qonnaan leenjii gahaa arganneerra\u2019\u2019 kan jedhan jiraatichi, leenjicha qabatamaa taasisuuf yeroo ammaa dirree hojiirratti kan argaman ta&#8217;uu kaasaniiru. Jiraataan kun hojiin misoomaa kun faayidaa waloo argamsiisuu bira darbee ooyiruu qonnaa koorra lolaan gannaa dhiqama biyyee akka hingeessisneef na gargaara jedhaniiru. Kana hubachuun akka garee misoomaa isaaniitti gamtaan misoomicharratti hirmaachaa jiraachuudha qonnaan bulaan kun kan himan. Obbo Mahaammad hamma hojichi xumuramutti hirmaannaan isaanii ciminaan kan ittifufu ta&#8217;uus ibsaniiru.<\/p>\n<p>Qajeelcha Qonnaa Bulchiinsichaatti Dursaan Garee Eegumsa Misooma Qabeenya Uumamaa obbo Mangistuu Birihaanuu &#8221;hojii boonsaa gama kanaan waggoottan darban hojjetameen bu&#8217;aawwan jajjabeessoo argamaniiru&#8221; jedhaniiru. Hojiichaan ooyiruun qonnaa, bosonniifi dirreen dheeda horii manca\u2019uun faayidaa ala ta\u2019ee ture tajaajilatti deebi\u2019aa jiraachuu eeraniiru. Kuufamni bishaanii irraafi jalaan dabaluu, burqaawwaniifi harowwan goganii turan bakkatti deebi\u2019uu jalqabuus himaniiru. Sulullan manca\u2019anii turan misoomuun misooma dammaa, nyaata beeyladaa, muduraaleefi kkf&#8217;niin hoj-dhabeeyyiif carraa hojiifi galii ta\u2019aa jiraachuu obbo Mangistuun dubbataniiru.<\/p>\n<p>\u2018\u2019Bara darbe boora&#8217;uu nageenyaan hojii misooma qabeenya uumamaa bifa warraaqsaan hojjetamu akkaataa barbaadameen kutaalee bulchiinsichaa hunda keessatti haala walfakkaatuun akka hin deemsifneef danqamnee turre\u2019\u2019 kan jedhan dursaan garee kun kanaan walqabatee ogeessonni qonnaa hawaasaatti gadi bu&#8217;anii leenjii barbaachisaa hojmaata misoomichaa deggaruuf oolu kennuu dhabuu isaanii akka rakkootti kaasaniiru. Ta&#8217;us qormaaticha dandamachuun hojiin gama kanaan hojjetame laayyoo ta&#8217;u dhabuusaa mirkaneessaniiru. Gufuuwwan bara darbe adeemsa hojichaa keessatti isaan mudataniifi muuxannoowwan gonfatan akka galteetti fayyadamuun hojii misooma qabeenya uumamaa bara kanaaf qophii dursaa gahaa taasisuun hojiitti galanii jiraachuu himaniiru.<\/p>\n<p>Akkasaan jedhanitti, karoora karoorsuu, bakkeewwan misooman adda baasuu, humna namaa misoomicharratti hirmaatu ijaaruu, ogeessotaafi hawaasaaf hubannoo uumuu, meeshaalee misoomichaaf oolan qopheessuun walqabatee hojiin dursaa raawwatamee hojiitti senameera. Haala qindaa&#8217;aa ta&#8217;een bara kana bakkeewwan hin misoomiin turan haarawaa hektaara kuma 15 oliifi kanneen baroota darbanitti hojjetamanii sababoota garaagaraan manca&#8217;an hektaara kuma shan warraaqsa uummataan deebisan suphuufi misoomsuuf karoorsuu eeraniiru. Hojii misoomaa kanarratti humna namaa kuma 167 ol hirmaachisuuf karoorsanii, hanga ammaatti namoota kuma 146 fi 705 adda baasuu danda&#8217;uu himaniiru.<\/p>\n<p>Obbo Mangistuun &#8221;humna namaan walqabatee karoorri keenya dhibbantaan 83 milkaa&#8217;eera&#8221; jedhaniiru. Kutaalee bulchiinsichaa hunda keessatti hojiin misooma qabeenya uumamaa bara kanaa bifa qindaa&#8217;aa ta&#8217;een hojjetamaa jiraachuudha dursaan garichaan kun kan himan. Hubannoon bal&#8217;aa waan uumameef hawaasichi kutannoo cimaan hojicharratti hirmaachaa akka jiru kaasaniiru. Akkasaan jedhanitti, hojicha yeroon waan jalqabaniif qonnaan bultoonni hojicha dafanii xumuruun gara hojii idileesaanii qonna Arfaasaatti yeroon akka deebi&#8217;aniif kan gargaarudha. Hojiin bal&#8217;aafi humna guddaa barbaadu kun hirmaannaa uummata\u00a0 malee kan milkaa\u2019u miti waan ta&#8217;eef qooda fudhattoonni misoomicharratti hirmaatan hunduu hojicha milkeessuuf kutannoon hojjechuun dhimma ijoo ta&#8217;uu addeessaniiru. Barana muuxannoofi\u00a0 jijjiirama baroottan darban gonfataman\u00a0cimsuun, biyya magariituu dhaloota aanuuf ceetu ijaaruuf qabeenya uumamaa eeguun, Kunuunsuufi sirnaan dhimma itti bahuun barbaachisaa ta&#8217;uusaa hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>Hojii babra baraan hojjetamaa tureen qonnaan bulaan hojii isaarraa bu\u2019aa gaarii haala qabatamaan waan argeef fedhii isaatiin gara duulichaatti akka seenu kan kaasan obbo Mangistuun fudhatamummaan hojichaa olaanaa ta\u2019uu dubbataniiru. Gama kanaan keessumaayyuu hubannoon qonnaan bulaa olaanaa ta\u2019uusaati dursaan garichaa kan kaasan. Bulchaan olaanaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo, obbo Ahimad Alii &#8221;Hojiin eegumsaafi misooma qabeenya uumamaa barottan darban hojjetaman akka bulchinsichaatti jijjiirama guddaa kan fideefi qonnaan bultoota baay&#8217;ee fayyadamoo kan taasisedha&#8221; jedhaniiru. Bara baajataa kanatti aanoleefi gandoota hunda keessatti misoomicharratti hawaasaa\u00a0hirmaachisuun hektaara kuma 20 ol ta&#8217;u misoomsaa akka jiran dubbataniiru. Obbo Ahimad gaarreen misoomsuun faalama qilleensa hir&#8217;isuun oomishaafi oomishtummaa guddisuun cehumsa diinagdeefi hawaasummaa uumuuf faayidaa olaanaa qabaachuu hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>Hojii eegumsa misooma qabeenya uumamaa bu\u2019a qabeessa taasisuuf ogeessota qonnaafi hawaasa hirmaachisuun xiyyeeffannoon hojjechuun kan barbaachisuu ta&#8217;uu Biiiroo Qonnaa Naannoo Amaaraa ibseera. \u2018\u2019Misooma sululaa qinda&#8217;aa oomishtummaafi guddina ittifufaaf&#8221; mata duree jedhuun naannawa Bahaa Amaaraatti hoggantoota godinaalee, aanoleefi abbootii adeemsaaf hojii kunuunsa misooma qabeenya uumamaa bara 2017 hojjetamu ilaalchisee mariin taasifameera.<\/p>\n<p>Ittaanaan ittigaafatamaa Biiroo Qonnaaa Naannoo Amaaraa obbo Darajjee Maandafroo qabeenya uumamaa sirnaan fayyadamuuf hojiiwwan hojjetamaa jiranirraa bu\u2019aan argamuu ibsaniiru. Keessattuu bara 2003 asitti xiyyeeffannoo hojichaaf kennameen hirmaannaan hawaasaa daran cimaa ta&#8217;uusaas eeraniiru. Qabeenya uumamaa naannichi qabu sirnaan dhimma itti bahuufi dhiqama biyyee hir&#8217;isuuf qabeenya uumamaa misoomsuun furmaata ta&#8217;uusaa ittaanaan biirichaa kan himan. Eegumsi qabeenya uumamaa asiidummaa biyyee hir&#8217;isuuf kan gargaaru waan ta&#8217;eef hoggantoonniifi ogeessonni qonnaa hojii bara kana hojjetamurratti hawaasni akka hirmaatuuf xiyyeeffannoo itti kennuu akka qaban eeraniiru.<\/p>\n<p>Biiroo Qonnaa Naannoo Amaaraatti\u00a0 Daayirektaarri Eegumsaafi Misooma Qabeenya Uumamaa Ismala\u2019alam Mihirat hojii eegumsaafi misooma qabeenya uumamaa bara kana hojjetamuuf humna namaa, bakkeewwan misooman adda baasuufi hojiiwwan biroof qophiin taasifamuu akeekaniiru. Hamma gabaasni kun qindaa&#8217;etti, naannichatti meeshaaleen misoomichi ittiin hojjetamu miiliyoonni afur adda bahaniiru. Bara baajataa kanatti naannichatti sulullan Kuma sagaliifi 87 lafa hektaara Kuma 366 fi 649 irratti hojiin misooma kunuunsa qabeenya uumamaa ni raawwatama. Akka naannichatti hojicharratti humni namaa miiliyoona 4.5 ol ni hirmaata jedhamee eegama.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Qabeenya uumamaa ittifufinsaafi madaallii naannawaa eege mirkaneessuun dhimma filannoof dhihaatu akka hintaane namuu ni hubata. Ta&#8217;us qabeenya uumamaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuu dhiisuu irraan kan ka\u2019e, duraan barootaaf mancaatiin guddaan gahaa tureera. Yeroo dhihoo asitti garuu, mootummaan mancaatii bosonaa hambisuuf galmoota qonna irratti qabate milkeessuuf akkasumas diinagdee magariisaa qormaata jijjiirama qilleensaa dandamatu dhugoomsuuf rakkoolee gama kunuunsaafi [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4874,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4873"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4873"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4873\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4875,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4873\/revisions\/4875"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4874"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4873"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4873"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4873"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}