{"id":4886,"date":"2025-02-22T12:50:11","date_gmt":"2025-02-22T12:50:11","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4886"},"modified":"2025-02-22T12:55:42","modified_gmt":"2025-02-22T12:55:42","slug":"barri-hojii-komishinii-marii-biyyaalessaa-dheereffamuun-himame","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/02\/22\/barri-hojii-komishinii-marii-biyyaalessaa-dheereffamuun-himame\/","title":{"rendered":"Barri Hojii Komishinii Marii Biyyaalessaa Dheereffamuun Himame"},"content":{"rendered":"<h1 style=\"text-align: center\"><\/h1>\n<p>Miseensonni Mana Maree Bakka Bu&#8217;oota Uummataa Komishiniin Marii Biyyaalessaa bara hojii isaa akka dheeressuuf gaafatanii turuun ni yaadatama. Miseensonni kunneen waggoota sadan darbanitti komishinichi dhimmoota marii biyyaalessaaf gargaaran ajandaa walitti qabuu dabalatee hojiiwwan baay&#8217;ee hojjechuu isaaf galanni kan maluuf ta&#8217;uu isaa ibsaniiru.<\/p>\n<p>Komishinichi haalota rakkisoo keessatti hojiiwwan milkaa&#8217;ina qaban baay&#8217;ee kan hojjete ta&#8217;uun ibsameera. Kun akkuma jirutti ta&#8217;ee Komishinichi hojiiwwan ijoo ta&#8217;an ammatti waan hin xumuriin jiruuf bara hojii isaa dheeressuun biyyaafi uummataaf faayidaa guddaa waan qabuuf manni marii bakka bu&#8217;oota uummataa kana bu&#8217;uureffachuun gaaffii kan dhiheesseef ture. Dabalataan naannoowwan rakkoon nageenyaa qaban tokko tokko keessatti hojiiwwan hin hojjetamiin hafan yeroon akka xumuru qabu gaaffiin komishinichaaf dhihaateera.<\/p>\n<p>Haaluma walfakkaatuun garaagarummaa yaadaa uumameen meeshaa waraanaa qabatanii qaamoleen bosona galan maricha keessatti hirmaachuun rakkoo isaanii karaa nagaatiin mootummaa waliin dubbatanii akka furatan taasisuufi kanaaf immoo mootummaan kutannoo qabaachuun isaa agarsiifamuu akka qabu manni marichaa kaaseera.<\/p>\n<p>Naannoo Amaaraatti hayyoonni hedduun baay&#8217;inaan hidhamanii osoo jiranii mariin adeemsifamu hammam bu&#8217;a qabeessa ta&#8217;a kan jedhuufi wal waraansi naannoo Amaaraafi Oromiyaatti deema jiru, komishiniichi waliigaltee waraanaa dhaabuu akka \u00a0taasifamu \u00a0qabu ibsanii, rakkoowwan jiran mariifi waliigalteen furuun walqabatee banaaleen jiraachuu miseensonni mana marichaa tokko tokko kaasaniiru. Komishinarri komishinii marii biyyaalessaa professar Masfin Araayaa, komishinich naannoo Amaaraatti hojiin hirmaattoota adda\u00a0 baasu akka taasiseefi kan hafan aanaalee saddeet qofa ta&#8217;u deebii kennaniiru. \u00a0Qaamoleen bosona jiran ajandaa hin dhiyeessine jedheen hin yaadu, kilaastara Baahir Daar, Dabra Birhaaniifi Gondaritti rakkoolee uummataa hedduun dhiyaachuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Bu&#8217;uuruma kanaan, Manni Maree Bakka Bu\u2019oota Uummataa walga\u2019ii ariifachiisaa 1ffaa bara hojii 4ffaa\u00a0 taa\u2019een gabaasa raawwii waggoota sadii Komishinii Marii Biyyaalessaa qorachuun barri hojii komishinichaa dabalataan waggaa tokkoof akka dheeratu murteesseera. Koreen Dhaabbii Dhimmoota Seeraa mana marichaa raawwii komishinichaa erga gamaaggameen booda, komishinichi hojii isaa waliigalaa akka xumuruuf barri hojii isaa waggaa tokkoon akka dheeretu gaaffiin dhiheesse deebii argateera. Komishinichi hojiilee ijoo hafan qabaachuu irraan barri hojii isaa waggaa tokkoon akka dheeratu sagalee mormii 3\u2019n sagalee caalmaan raggaasifameera. Bara hojii dabalataan kennameef keessatti komishinichi hojiilee irraa eegaman hafan akka xumuru gaafataniiru. Barri hojii komishinichaa barbaachisa ta\u2019ee wayita argamu Mana Maree Bakka Bu\u2019oota Uummataan barri hojii isa akka dheereffamu labsiin hundeeffama komishinichaan tumameera.<!--more--><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Miseensonni Mana Maree Bakka Bu&#8217;oota Uummataa Komishiniin Marii Biyyaalessaa bara hojii isaa akka dheeressuuf gaafatanii turuun ni yaadatama. Miseensonni kunneen waggoota sadan darbanitti komishinichi dhimmoota marii biyyaalessaaf gargaaran ajandaa walitti qabuu dabalatee hojiiwwan baay&#8217;ee hojjechuu isaaf galanni kan maluuf ta&#8217;uu isaa ibsaniiru. Komishinichi haalota rakkisoo keessatti hojiiwwan milkaa&#8217;ina qaban baay&#8217;ee kan hojjete ta&#8217;uun ibsameera. Kun [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4894,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4886"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4886"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4886\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4897,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4886\/revisions\/4897"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4894"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4886"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4886"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4886"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}