{"id":4901,"date":"2025-02-22T13:14:13","date_gmt":"2025-02-22T13:14:13","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4901"},"modified":"2025-02-22T13:14:13","modified_gmt":"2025-02-22T13:14:13","slug":"nageenya-keenya-waaressuuf-ammas-hirmannaa-uummataafi-xiyyeeffannoo-mootummaa-barbaada","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/02\/22\/nageenya-keenya-waaressuuf-ammas-hirmannaa-uummataafi-xiyyeeffannoo-mootummaa-barbaada\/","title":{"rendered":"Nageenya Keenya Waaressuuf Ammas Hirmannaa Uummataafi Xiyyeeffannoo Mootummaa Barbaada"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Nageenyi bu&#8217;uura jiruufi jireenya dhala namaa hundaati. Dhala namaaf qofa osoo hintaane lubbuu qabbeeyyii hundaaf illee bu\u2019uuradha kan jedhanis hedduudha.&#8221;Fayyaafi nageenyi gaafa dhabamu namatti beekama\u2019\u2019 jechuun barbaachisummaa nageenyaa kan ibsanis ni jiru. Walumaagalaatti nageenyi dachee kanaaf waan hundaadha. Biyya keenya keessatti rakkoo nageenyaa waggoottan darban mudate hordofee lubbuu lammiilee nagaa hedduu galaafateera, qabeenya biyyattii irrattis miidhaa guddaa dhaqqabsiiseera. Dhabamuu nageenyaan walqabatee sochii siyaasa dinagdee uummataafi hojii mootummaa sirnaan gaggeessuuf danqaa ta\u2019e jira. Kanaan walqabatees sochiin gabaafi daldalaa danqamuudhaan qaala\u2019insi jireenyaa hammaataa jira. Damee barnootaa irratti immoo miidhaa guddaa geessisee jira. Nageenya biyyattii waaressuuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiru. Waamicha nageenya taasifameen qaamoleen hidhatanii bosona turan gara uummataatti nagaan galani jiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Nageenya biyyattii yeroo gabaabaa keessatti kana caalaa fooyyessuuf, hojiileen hedduu hojjetamaa jiraatanis ammas hirmannaa uummataafi xiyyeeffannoo mootummaa barbaada. Misooma dinagdeefi hojii siyaasaaf nageenyi bu\u2019uura erga ta\u2019ee, mootummaan dursa nageenyaaf kenne hojjechuu qaba.<\/p>\n<p>Rakkoo nageenyaa nu mudate sirreessuuf, madda rakkichaa gadi fageenyaan beekuufi irratti mari\u2019achuun waliigaluu barbaada. Rakkoo mudate furuuf madda rakkoorratti waliigaluu barbaachisa. Dhimma nageenya biyyattii irratti uummatni mirga odeeffannoo haqaafi waayitawaa argachuu mirkaneessuun fala. Uummatni odeeffannoo madaalawaa qabu gahee isaa bahachuuf ni dandeessisa. Maraamartoo walitti bu\u2019insaafi rakkoo nageenya biyya keenyaa mudachaa jiru waaraan furuuf yoomiyyu caalaa dirqama lammummaa hunda keenyaati. Rakkoo kana mariif marabbaan, wal amanuufi wal dhaggeeffachuun haala fedhiifi faayidaa biyyattii hundaa mirkaneessuu danda\u2019urratti furmaata waaraa fiduuf hojii haqaafi iftoomina qabu barbaada.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; &nbsp; Nageenyi bu&#8217;uura jiruufi jireenya dhala namaa hundaati. Dhala namaaf qofa osoo hintaane lubbuu qabbeeyyii hundaaf illee bu\u2019uuradha kan jedhanis hedduudha.&#8221;Fayyaafi nageenyi gaafa dhabamu namatti beekama\u2019\u2019 jechuun barbaachisummaa nageenyaa kan ibsanis ni jiru. Walumaagalaatti nageenyi dachee kanaaf waan hundaadha. Biyya keenya keessatti rakkoo nageenyaa waggoottan darban mudate hordofee lubbuu lammiilee nagaa hedduu galaafateera, qabeenya [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4893,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[46],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4901"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4901"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4901\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4902,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4901\/revisions\/4902"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4893"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4901"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4901"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4901"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}