{"id":4905,"date":"2025-02-22T13:33:24","date_gmt":"2025-02-22T13:33:24","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4905"},"modified":"2025-02-22T13:33:24","modified_gmt":"2025-02-22T13:33:24","slug":"birreensaa-qorii-qoorsituu-dhiigaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/02\/22\/birreensaa-qorii-qoorsituu-dhiigaa\/","title":{"rendered":"BIRREENSAA QORII Qoorsituu Dhiigaa"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p><u>Abdulsaamii Aliyyiin<\/u><\/p>\n<p>Ilmi namaa haala jiruufi jireenya fooyyeffachuuf tattaaffii taasisu keessatti walitti bu\u2019uun isaa kan ooluu miti. Haalli walitti bu\u2019insa ilma namaa kun haala aadaa ummanni tokko jireenya hawaasummaa ofii yeroo dheeraaf adeemsisaa tureeni. Waldhabbiin namoota dhuunfaarraa eegalee hanga sadarkaa biyya guutuutti deemu danda\u2019aa.<\/p>\n<p>Uummanni tokko haala jiruu fi jireenya isaa gaggeessu keessatti, akkuma nageenyaan waliin jiraatu, sababa adda addaatiin waldhabiinisi jidduu isaanitti ni uumama. Yeroo baay\u2019ee waldhabbii uumamu kanas, haala aadaa ta\u2019een sirna araara ittiin buusan kan qabu yoo tahu, kunis hundee waliigaltee nageenyaa ta\u2019uun tajaajila.<\/p>\n<p>Dhaabbileen amantaa lammiin amalaa fi naamusa gaarii qabu akka uumamuuf shoorri gumaachan ol-aanaadha.<\/p>\n<p>Sirna araaraa hawaasichi nageenya ittiin buusu kunis, sirna araaraa hin didamne akka ta\u2019e ni himama. Keessattuu sirni araaraa Birreensaa qoriitti taasifamu waldhabbii uumame araarsuuf, aangoo guddaa kan qabudha. Sirni araaraa kun hanga yeroo ammaatti, hawaasa aanaa Dawwe haarawaa biratti bal\u2019inaan tajaajilarra oolaa kan jirudha.<\/p>\n<p>Aanaa Dawwee haarawaatti akkaataa aadaa fi amantaa qabuun bakka araaraa seenaa qabeessa Birreessatti abbootti amantaa , abbootti aadaa , abbaa Bokkuu, kaawunsilii nageenyaa araara sirna aadaan taasifamu hawaasa biratti hangam fudhatama qaba kan jedhu tibbana yaaddoo rakkoo nageenyaa aanichaa ta\u2019ee kan ture waldhabdee gosoota lama jidduutti\u00a0 ture qoorsuu danda\u2019e\u00a0 odeeffannoo qindeeffanne akkuma itti aanutti dhiheessineerraa dubbisa gaarii.<\/p>\n<p>Masjiidni Birreensaa qorii sirni\u00a0 araaraa itti raawwatamaa turedha. Sirni araaraa kun namoota sababoota adda addaan walitti bu\u2019an itti waamamanii araarri iddoo itti raawwatamuudha. Bakka araaraa kanatti waggoota dheeraaf araarri kan bu\u2019e yoo ta\u2019u meeshaaleen sirna kanaaf qophaa\u2019an rakaboota, misbahaa fi meeshaaleen biroos akka argaman ragaan komiyunikeeshiinii\u00a0 aanichaarraa arganne ni mulisa.<\/p>\n<p>Naannawichatti sababoota adda addaan kan wal ajjeesan, miidhaa namarraan geessise, haaloo bahachuuf qaamonni qophaa\u2019an hundi sirna araara wal jibbaan jidduu isaanitti uumame dhabamee araarri bu\u2019ee nageenyaan waliin jiraachuu danda\u2019an taasisuudha. Sirni kunis naannawichatti fudhatama guddaa kan qabuu fi seeraanis deeggarsa argatee ammas tajaajila kennuurratti kan argamuudha.<\/p>\n<p>Sababa tokkoonis haa ta\u2019uu sababa biraatiin inni tokko dhiiga isa biraa ni dhangalaasa, inni miidhaa geessise waan garaa isaa raawwatee ni dhokata miidhamaanis dhiiga isaa deebifachuuf qophaa\u2019ee yeroo eeggata. Riphees adamsa. Sababa kanaan jibbaafi hammeenyi, haaloon hawaasa keessatti bal\u2019atee waliin jireenyi fi nageenyi naannawichaa ni boora\u2019a. Madaa miidhamaa haaloo qabate seerri addunyaa isa hin fayyisu. Birreensi qorii garuu, madaa miidhamaa fayyisuu kan danda\u2019u sirni araaraa sheekotaan raawwatamu humna jabaa qaba.<\/p>\n<p>Bulchiinsa sablammii Oromoo aanaa Dawwee Harawaatti waggootaaf sababoota adda addaatiin gosootni waldhabdee keessa turan abbootii amantaafi maanguddootaan araara buusaniiru<\/p>\n<p>Mahaammad Ibraahimii fi Mahaammad Yasuuf walitti fiduun dhiigni isaan jidduutti dhangala\u2019aa ture akka qooruuf wal hammachisuun akka araarri bu\u2019u taasifameera.\u00a0 Dhiiga walii dhangalaasuun nu haagahu jechuun dursitoonni gosa lameenii kan darbe dhiisuun araaratti dhufnee jirra jedhuun dubbataniiru.<\/p>\n<p>Gosootni araara buusan kunneen sababa quubsaa hin taaneen dhiiga wal dhangalaasaa qe\u2019ee qabeenyaafi maatii horatanirraa buqqa\u2019aa wal adamsaa wal eeggachaa jiraataniiru. Ammarratti kan darbe dhiisuun araaratti dhufuu dubbatu.<\/p>\n<p>Sirna araaraaf namoonni birreensaa qoriitti waamaman hawaasa naannawichaan kan sheekkotaa akka ta\u2019e waan beekkamuuf hin didamu. Akka hawaasni naannawichaa amanutti namni araara kana dide balaan ykn miidhaan irra gaha jedhamee waan amanamuufi. Araaraaf yeroo dhufu maanguddoota araara kanarratti argamuu danda\u2019an filachuun araarri akka bu\u2019u kan godhamu.<\/p>\n<p>Waldhabbilee nama dhuunfaa,\u00a0 maatii, garee, gosaafi biyya uumamaa tureera ammas uumamaa jira. Waldhabbiilee karaa aadaatiin furuu akka danda\u2019amu heerri biyya keenyaas ni deeggara.\u00a0 Kanumarraa ka\u2019uun haala yeroo ammaa biyyattii keessatti mudachaa jiruun araarri biyyoolessaa akka nu barbaachisu wal nama hin gaafachiisu.<\/p>\n<p>Kanumaaf waldhabdeen fala argachuu akka qabu nageenya buusuu keessatti qaamoleen adda addaa sochii taasisaa jiran keessaa kaawunsiliin nageenyaa gahee isaa bahachaa akka jiru barreessaan kaawunsilii nageenyaa bulchiinsa sablammii Oromoo kan ta\u2019an Ahimad Juhaar araarri biyyoolessaa kan dhufuu danda\u2019u\u00a0 waldhabbii uumaman osoo hin babal\u2019atin aadaa uummanni itti amanuun bakka ulfina qabutti argamuun araarri raawwatame kun abdachiisaadha jedhaniiru<\/p>\n<p>Araarri godhamu kun ragaaf akka ooluuf barreeffamaan qopheeffamaa qaama seeraatifis araarri bu\u2019uu isaa kan ittiin beeksifamu ta\u2019a. Araarri bu\u2019u gama seeraatiin fudhatama akka qabaatuuf qindoominaan hojjachuu fi beekkamtii qabaachuu isaa ilaalchisee itti aanaan bulchaafi itti gaafatamaan qajeelcha nageenyaafi callisaa bulchiinsa sablammii oromoo obbo Abduu Jamaal ibsaniiru.<\/p>\n<p>Sirna araara aadaa\u00a0 kanaan dhiyaatanii isaan araaraman araara booda gara jibbaa fi waldhabbiitti hin deeman, obbolummaan waliin jiraatan malee. Kun kan hin taane taanaan seeraanis kan gaafataman ta\u2019uu obbo Abduu Jamaal himaniiru.<\/p>\n<p>Masjiida Birreensaa qoriitti namoonni wal ajjeesuuf dhiiga deebifachuuf walbarbaadan hedduun araaramanii nageenyaan waliin jiraachuu danda\u2019uu isaanii bulchaan aanaa Dawwee Harawaa obbo Mahaammad Suwaabiir ibsuun nageenya aanichaa amansiisaa gochuuf aadaafi amantaa uummataa kabajuun Masjiidni Birreensa qoriis qoorsituu dhiiga ta\u2019uu isaas ibsaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Abdulsaamii Aliyyiin Ilmi namaa haala jiruufi jireenya fooyyeffachuuf tattaaffii taasisu keessatti walitti bu\u2019uun isaa kan ooluu miti. Haalli walitti bu\u2019insa ilma namaa kun haala aadaa ummanni tokko jireenya hawaasummaa ofii yeroo dheeraaf adeemsisaa tureeni. Waldhabbiin namoota dhuunfaarraa eegalee hanga sadarkaa biyya guutuutti deemu danda\u2019aa. Uummanni tokko haala jiruu fi jireenya isaa gaggeessu keessatti, akkuma [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4891,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4905"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4905"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4905\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4906,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4905\/revisions\/4906"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4891"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4905"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4905"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4905"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}