{"id":4915,"date":"2025-02-22T14:16:35","date_gmt":"2025-02-22T14:16:35","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4915"},"modified":"2025-02-22T14:16:35","modified_gmt":"2025-02-22T14:16:35","slug":"aangaoonni-mootummaa-yuunayitid-isteetiifi-raashiyaa-riyaaditti-wal-arguun-mariatan","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/02\/22\/aangaoonni-mootummaa-yuunayitid-isteetiifi-raashiyaa-riyaaditti-wal-arguun-mariatan\/","title":{"rendered":"Aanga\u2019oonni Mootummaa Yuunayitid Isteetiifi Raashiyaa Riyaaditti Wal Arguun Mari&#8217;atan"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n<p>Aangawoonni olaanoon mootummaa Yunaayitid Isteetisiifi mootummaan Raashiyaa Sa\u2019ud Arabiyaa keessatti wal arguun walitti dhufeenya biyyoota lamaaniifi akkaataa walwaraansaa Yuukireeniifi Raashiyaa giduutti taasifamaa jiru xumuruun danda\u2019amu irratti marii yeroo dheeraa\u00a0 taasisaniiru. Gama Yunaayitid Isteetsiin gareen ministira dhimmaa alaa Markoo Ruubiyootiin durfamu kan gorsaa dhimma nageenyaa motummaa Yunaayitid Isteetis Mike Waaltiiziifi walakeessa bahaatti jila addaa Yunaayitid Isteetis kan ta\u2019an Stiiv Wiitkoof kan of keessaa qabudha.<\/p>\n<p>Gareen Raashiyaa immoo ministira dhimma alaa Sargeey Lavarooviifi gargaara pirezidaanti Vilaadimiir Puutiin Yuurii Ushakoov kan of keessa qabu ta&#8217;uun gabaafameera. Mariin isaanii inni ammaa marii fuulduratti pirezidaantiin Yunaayitid Isteets Doonald Traampiifi Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadimiir Putiin kallatiidhaan taasisaniif haala mijeesuudhaaf ajandaa tolchuuf akka ta\u2019e bakka bu\u2019oonni gareewwan lamaanii beeksisaniiru. Dhimma Yuukireen irratti walitti dhufeenyi Yunaayitid Isteetisiifi Raashiyaa kan isaan yaaddessee hoggantoonni biyoottan Awurooppaa dhimma marichi Yukireeniin hirmaachisuu qaba jedhuufi dhimma hegeree nageenyaa isaanii irratti magaalaa Paaris keessatti wal arganii marii taasisaniiru. Walgahii biyyoottan Awurooppaa kanarratti dhimma humna naga-eegdota Awurooppaa Yuukireen keessatti bobbaasuu irratti mootummaan Biriteeniifi mootummaan Saawidii yaada kan dhiheessan yommuu ta\u2019u, hogganaan mootummaa Jaarman Chaansileer Olaaf Shuulz, dhimmaa kana irratti marii taasisuun waan yeroon isaa hin geenyeedhaa jedhaniiru.<\/p>\n<p>Dhimaa Raashiyaafi Yuukireen ilaalchisee haasa kan taasisan Pirezidaantiin biyya Faransaay Imaanu\u2019eel Maakroon, &#8221;Yuukireen keessatti nagaa cimaafi waaraa barbaanna; kana galmaan ga\u2019uuf immoo Raashiyaan weerarashee xumuruu qabdi, kunis wabii nageenyaa cimaafi amanamaa Yuukireenotaaf kennuudhaa wajjin ta\u2019uu qaba,\u201d jedhaniiru. Walgahii Paarisii booda Pirezidaantiin Yunaayitid Isteetis Doonald Traampii wajjin haasa\u2019uu isaanii kan ibsan pirezidaantiin Faraansaay Imaanu\u2019eel Makaroon, waliin hojjannaan Yunaayitid Isteetsiifi Yuukireen Awuroopaadhaaf barbaachisaa akka ta\u2019e ibsuu isaanii beeksisaniiru. Prezidaantiin Yuukireen Velodemiir Zeleniskii gamasaaniin wabiin nageenyaa cimaan jiraachuu baannaan, Raashiyaan irraa deebitee Yukireeniifi biyyoottan Awurooppaa biro weeraruuf deemti jedhaniiru. &#8221;Nageenya cimaafi waaraa mirkaneessuun dirqama akka ta\u2019e kan ibsan prezidaantiin Yukireen sunis kan fiixaan bahuu danda\u2019u yoo wabiin nageenyaa cimaan jiraate qofa akka ta\u2019e akeekkachiisuu isaanii maddeen adda addaa gabaasaniiru.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Guddinaa Asaffaatiin Aangawoonni olaanoon mootummaa Yunaayitid Isteetisiifi mootummaan Raashiyaa Sa\u2019ud Arabiyaa keessatti wal arguun walitti dhufeenya biyyoota lamaaniifi akkaataa walwaraansaa Yuukireeniifi Raashiyaa giduutti taasifamaa jiru xumuruun danda\u2019amu irratti marii yeroo dheeraa\u00a0 taasisaniiru. Gama Yunaayitid Isteetsiin gareen ministira dhimmaa alaa Markoo Ruubiyootiin durfamu kan gorsaa dhimma nageenyaa motummaa Yunaayitid Isteetis Mike Waaltiiziifi walakeessa bahaatti jila [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4895,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[42],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4915"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4915"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4915\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4916,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4915\/revisions\/4916"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4895"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4915"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4915"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4915"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}