{"id":4921,"date":"2025-03-09T09:34:04","date_gmt":"2025-03-09T09:34:04","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4921"},"modified":"2025-03-09T09:34:04","modified_gmt":"2025-03-09T09:34:04","slug":"loltoota-itoophiyaa-akka-kannisaatti-gurmaaanii-dugda-dhiisuun-addasaanii-rasaasaaf-kennan","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/03\/09\/loltoota-itoophiyaa-akka-kannisaatti-gurmaaanii-dugda-dhiisuun-addasaanii-rasaasaaf-kennan\/","title":{"rendered":"Loltoota Itoophiyaa Akka Kannisaatti Gurmaa\u2019anii Dugda Dhiisuun Addasaanii Rasaasaaf Kennan"},"content":{"rendered":"<p>Sirnicharratti loltoota Itoophiyaa duraanii dabalatee Waldaan Itiyoo-Kuubaafi miseensonni dippiloomaasii Kuubaa hirmataniiru.Mahaammad Ziyaad Baaree hogganaa Somaaliyaa ture. Bara 1962 fonqolchaan aangoo mootummaa Somaaliyaa dhuunfachuu isaatu himama. Namichi &#8216;Somaaliyaa Guddittii hundeessuuf&#8217; kutatee waan ka&#8217;e fakkaata. Kanaafis, meeshaa waraanaa Gamtaa Sooviyeetiifi biyyoota guddatan biroo irraa walitti qabate. Loltoota Kumoota dhibbaan lakkaawwaman leenjise. Jaldeemtota hiriirse.<\/p>\n<p>&#8221;Daangaa keenya hamma Awaas [Awaash] ti&#8221; jechuun bara 1969 ifatti weerara Itoophiyaa irratti banan. Bara1970 Guraandhala 26 ganama gootichi waraana Itoophiyaa dahannoo waraanaa\u00a0 Karra maarraa cabsuun injifannoo galmeessee birmadummaa Itoophiyaa mirkaneessuu danda&#8217;eera. Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Kuubaa Maareen Suwaareez Alvaareez, kun gootonni biyyoota lamaanii waliin ta&#8217;uun gatiisaan nageenya buusuuf kaffalanidha jedhaniiru.<\/p>\n<p>Guyyaan kun injifannoo Karra maarraan cinaatti injifannoo dippiloomaasii biyyoota lamaanii waggoota 50 ta&#8217;uu himaniiru. Walitti dhufeenyi Kuubaafi Itoophiyaa kaleessa jalqabee har\u2019as itti fufee jiru kun,\u00a0 hariiroo biyyoota lamaanii gara fuulduraattis miira obbolummaan itti fufa jedhaniiru.Pirezidaantiin Waldaa Gootota Durii Lij Daani&#8217;eel Jootee Injifannoon Karra-maarraa ibsituu gootummaa Itoophiyaanotaa kaleessaa hamma har&#8217;aatti jiru ta&#8217;uu dubbataniiru.<\/p>\n<p>&#8221;Yaadannoo injifannoo Karra-maarraa baranaa waanti adda isa taasisu raayyaan poolisii kaleessaafi humni raayyaa ittisaa waliin ta&#8217;uun kabajuu isaaniiti. Hundinuu raayyaa ittisaa Itoophiyaati; nuuf lamaanuu ijoollee keenyadha&#8221; jedhaniiru.Biyyoonni kanneen akka: Kuubaa, Jarman, Ruusiyaafi Yaman lola kanarratti hirmaachuun Itoophiyaa gargaaruu isaanii kan kaasan Lij Daani&#8217;eel, har&#8217;as Itoophiyaanonni waloon dhaabbachuun diina qaanessuu\u00a0 qabu jedhaniiru.<\/p>\n<p>Walitti Qabaan Raayyaa Ittisa Biyyaafi Waldaa Gamtaa Poolisii Itoophiyaa duraanii Birgaadeer Jeneraal Wubatuu Tsaggaayee Ziyaadbaaree qophii baay&#8217;ee cimaa taasisaa turee kallattii bahaan kiilo meetira 700, kibbaan kiiloo meetira 300 yeroo haleelaa taasise gama Itoophiyaan qophiin tokkoyyu kan hin turre ta&#8217;uu yaadataniiru. &#8221;Haa ta&#8217;u malee, injifatamuurraa ooluuf yaada waan tokkoyyu hin qabnu jedhu qabannee\u00a0\u00a0 Itoophiyaanota hunda qindeessuun injifachuu dandeenyeerra&#8221; jedhaniiru. Itoophiyaan Galaana Diimaa irraa haala teessuma lafaa tarsiimawaa qabaachuu ishee hordofee waraanni baay&#8217;een taasifamuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Haa ta&#8217;u malee, waamicha biyya baraaruu Pirezidaantiin Itiyoophiyaa yeroo sanaa Mangistuu Haayilee Maariyaam taasisaniin, yeroo gabaabaa keessatti waraana hidhate qopheessuun lola rakkisaa taasisuu kaasaniiru. Ta&#8217;us waraanichi gootummaafi tooftaa loltonni Itoophiyaa taasisaniin waraanni Somaaliyaan bante injifannoo Itoophiyaan goolabamuu addeessaniiru. Yeroo sanatti gootota waraanaa kanneeniif kabajniifi kunuunsi barbaachisaa hin taasifamneef jechuun qeeqa dhiheessaniiru.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Sirnicharratti loltoota Itoophiyaa duraanii dabalatee Waldaan Itiyoo-Kuubaafi miseensonni dippiloomaasii Kuubaa hirmataniiru.Mahaammad Ziyaad Baaree hogganaa Somaaliyaa ture. Bara 1962 fonqolchaan aangoo mootummaa Somaaliyaa dhuunfachuu isaatu himama. Namichi &#8216;Somaaliyaa Guddittii hundeessuuf&#8217; kutatee waan ka&#8217;e fakkaata. Kanaafis, meeshaa waraanaa Gamtaa Sooviyeetiifi biyyoota guddatan biroo irraa walitti qabate. Loltoota Kumoota dhibbaan lakkaawwaman leenjise. Jaldeemtota hiriirse. &#8221;Daangaa keenya hamma Awaas [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4922,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4921"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4921"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4921\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4923,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4921\/revisions\/4923"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4922"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4921"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4921"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4921"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}