{"id":4924,"date":"2025-03-09T09:42:13","date_gmt":"2025-03-09T09:42:13","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4924"},"modified":"2025-03-09T09:42:13","modified_gmt":"2025-03-09T09:42:13","slug":"hirmaannaa-dubartootaaf-xiyyeeffannoon-kenname","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/03\/09\/hirmaannaa-dubartootaaf-xiyyeeffannoon-kenname\/","title":{"rendered":"Hirmaannaa Dubartootaaf Xiyyeeffannoon Kenname"},"content":{"rendered":"<p>Hirmaannaa hunda galeessa dubartootaan jijjiirama saffisaafi itti fufinsa qabu fiduuf xiyyeeffannaan akka hojjetamu qabu ibsame.Guyyaan dubartoota idil addunyaa(march 8) jijjiirama saffisaafi itti fufinsa qabu hirmaannaa hunda galeessa dubartootaan ni mirkanaa&#8217;e mata dure jedhuun kabajama. Guyyaan dubartoota idil addunyaa(march 8) naannawa jalqaba jaarraa 20 ffaa damee indaastirii Awurooppaafi Ameerikaatti babal&#8217;ata dhufe keessatti dubartoota hojjeta turan irratti miidhaa saalaa dhaqqaba ture \u00a0balaaleffachuun qabsoo eegalmeedha.<\/p>\n<p>Warraaqsi kun\u00a0 biyyoota Awurooppaa garaagaraatti \u00a0jalqabame gara biyyoota addunyaa birootti babal&#8217;achuu danda&#8217;eera. Guyyaan dubartoota idil addunyaa(march 8) sadarkaa idil addunyaatti yeroo 114 ffaa kabajamu kun, \u00a0jijjiirama saffisaafi itti fufinsa qabu hirmaannaa hunda galeessa dubartootaan ni mirkanaa&#8217;e mata dure jedhu sadarkaa biyyaalessaatti kabajama jira.<\/p>\n<p>Biiroo Dhimma Dubratootaa, Daa&#8217;immaniifi \u00a0Hawaasummaa naannoo Amaaraatti itti gaafatamtuun Hariiroo Uummataa, Mixxin Birhaanuu hirmaannaa hunda galeessaafi itti fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Jijjiiramni osoo dubartoota hin hammachiisiin dhufuu akka hin dandeenye, biyyootni hedduun waliigalteerra gahu kan himan itti gaafatamtun kun, hirmaannaafi fayyadamummaa dubartoota mirkaneessuun, ijaarsa biyyaaf gahee olaanaa qabaachuu himaniiru. Guyyaan dubartoota idil addunyaa(march 8) humna dubartoota cimsuun, miidhaa saala \u00a0irratti bu&#8217;uura taasisan qolachuufi haala haqa qabeessa ta&#8217;een dubartootni \u00a0gahe gaggeessumaa akka qabaatan dandeessisuuf kan kaayyeeffate ta&#8217;u eeraniiru. Hirmaannaafi fayyadamummaa dubartoota gama diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuus, ammallee baanaleen \u00a0heddu jiraachu himaniiru.<\/p>\n<p>Hirmaanna hunda galeessa dubartootaan jijjiirama saffisaafi itti fufinsa qabu fiduuf xiyyeeffannaan akka hojjetamu qabu jedhaniiru. Itti aantuun itti gaafatamtuu biiroo kominikeeshinii naannoo Amaaraa Tiblax Magashaa, dubartootni guyyaa kabajuu irra darbe, misoomaan itti fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Keessattu damee qonnaa magaalaa irratti \u00a0dubartootni hirmaata akka ta&#8217;an xiyyeeffannoo hojjetamu akka qabu hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>Waltajjii Federeeshiniin Dubartoota Amaaraa mata duree &#8220;Hirmaannaa Dubartootan Nagaa fi Dimokiraasii mirkaneessuu\u2019jedhun qophaa\u2019eerratti\u00a0 Bulchaan olaanan naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabadaa akka dubbatanitti, naannichaatti\u00a0 fayyadamuummaa dubartootaa gama\u00a0 dinagdee jiru guddisuuf\u00a0 hojjilee hedduun hojjetamuu akka qaban himaniiru. Mirgaa fi nageenya dubartootaa eeguun hoji\u00a0 dursaatti. &#8221; dubartoonni\u00a0 fayyadamuummaa diinagdee ta\u2019uun\u00a0 Mirga waan ta\u2019eef isaa kan mirkanneessuuf,\u00a0 ciminaan ni hojjenna,&#8221; jedhanii obboo Aragaa Kabada.<\/p>\n<p>Dubartoonni siyaasaa fi dameewwan biroo irratti qixaan akka hirmaatan tattaaffiin ni hojjetama jedhaniiru.Dubartoonni gama damee\u00a0 dinagdee irratti hirmaachuu\u00a0 hin dandeenye, siyaasaa fi damee hawaasummaa\u00a0 biroo irratti bu\u2019a qabeessa ta\u2019ee hirmaachuu hin danda\u2019an. Kanaaf dubartoota faayyadamummaa diinagdeen mirkaneessuun dursa kennamuu akka qabu\u00a0 dubbataniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Hirmaannaa hunda galeessa dubartootaan jijjiirama saffisaafi itti fufinsa qabu fiduuf xiyyeeffannaan akka hojjetamu qabu ibsame.Guyyaan dubartoota idil addunyaa(march 8) jijjiirama saffisaafi itti fufinsa qabu hirmaannaa hunda galeessa dubartootaan ni mirkanaa&#8217;e mata dure jedhuun kabajama. Guyyaan dubartoota idil addunyaa(march 8) naannawa jalqaba jaarraa 20 ffaa damee indaastirii Awurooppaafi Ameerikaatti babal&#8217;ata dhufe keessatti dubartoota hojjeta turan irratti [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4925,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4924"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4924"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4924\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4926,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4924\/revisions\/4926"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4925"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4924"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4924"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4924"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}