{"id":4957,"date":"2025-03-25T06:06:44","date_gmt":"2025-03-25T06:06:44","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4957"},"modified":"2025-03-25T06:06:44","modified_gmt":"2025-03-25T06:06:44","slug":"oomisha-qonnaa-arfaasaaf-qophiin-gahaa-taasifamaa-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/03\/25\/oomisha-qonnaa-arfaasaaf-qophiin-gahaa-taasifamaa-jira\/","title":{"rendered":"Oomisha Qonnaa Arfaasaaf Qophiin Gahaa Taasifamaa Jira"},"content":{"rendered":"<p>Dinagdeen Itoophiyaa dhiibbantaan 90 ta&#8217;u qonna irratti kan hundaa&#8217;e akka ta&#8217;e ni amanama. Jireenyi Itoophiyanoota harka caaluus hojii \u00a0qonnaarratti kan bu&#8217;uureeffatedha. Yeroo ammaa Itoophiyaan oomishaafi oomishtummaa guddisuun hojii midhaan nyaataa mirkaneessuu danda\u2019u hojjechaa jirti. Kana galmaan ga\u2019uuf qonna ammayyeessuu, sirna oomisha ammayyaa ta&#8217;e hordofuu, oomishaafi oomishitummaa guddisuufi waggaatti marsaa lamaafi\u00a0 sadiin oomishuun akka danda&#8217;amuu xiyyeeffannoon hojjechuu irratti argamti.\u00a0 Kanaanis, biyyattin waggoottan muraasa darbanitti oomishaawwan biyya alarraa galan hambisuun oomisha biyya keessaan bakka buusuuf tattaaffii olaanaa taasisaa jirti. Milkaa&#8217;inni gaariinis argamu danda&#8217;era. Keessattuu, qamadii biyya alaa irraa galu hambisuuf kallatti kaa&#8217;uun\u00a0 hojiin bu&#8217;aa qabeessa hojjetameen, qamadii guutummaan guutuutti alarra galuu hambisuun danda&#8217;ameera.<\/p>\n<p>Bu&#8217;aa qabatamaa damee qonnaan argamee daran cimsanii itti fufsisuuf, qabeenya\u00a0 biyyattiin qabdu;\u00a0 lafa, humnaafi yeroo haalaan fayyadamuun, oomishaafi oomishtummaa guddisuuf naannooleen hedduun haala qabatamaa jiru irraa ka&#8217;uun tumsa barbaachisuu taasisaa jiru. Gama kanaan, galma misoomaa akka biyyaatti qabame, milkeessuuf sadarkaa naannootti hojiileen hedduu naannoolee itti raawwataman keessaa naannoon Amaaraa isa tokkodha.<\/p>\n<p>Naannichi bal&#8217;ina lafaa qabunis ta&#8217;e,\u00a0 qabeenya kufama qonnaaf ta&#8217;uu qabaachuun, hojii qonnaa biyyattif gumaacha olaanaa taasisa jira. Itoophiyaan galii\u00a0 oomisha qonnaa akka biyyaatti argattu\u00a0 irraa\u00a0 dhiibbantaan 40 ta&#8217;u naannoo Amaaraa irra akka argamus ragaan biiroo qonnaa\u00a0 naannicha irraa\u00a0 argame ni mul&#8217;isa. Nutiis,Naannoo Amaaraa bulchiinsa sablammii Oromootti rooba waqtii Arfaasaa fayyadamuun oomishaafi oomishtummaa guddisuun\u00a0 wabii midhaan nyaata hawaasaa\u00a0 mirkaneessuuf qophii taasifamaa jiru, balballoomii oduu keenyaan sakattaaneerra. Bulchinsa sablammichaatti waqtii Arfaasaa seenuun walqabatee qonnaan bultootni ooyiruu isaanii qulqulleessuufi qonnaaf mijataa taasisuun qophii gahaa taasisa jiraachuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Jiraataan aanaa Dawaa Caffaa ganda Taraf kan ta&#8217;an qonnaan bulaa Jamaal Daawud, ooyiruu isaan qulqulleessuun, qootanii qopheessuun sanyiidhaan\u00a0 uuwwisuuf rooba Arfaasaa eeggachaa jirraachuu\u00a0 himaniiru. &#8220;Muxannoo baroottan darban irraa\u00a0 arganneen\u00a0 Lafa keenya irra deddeebiin qonnee, akkuma roobni buusee sanyiidhaan uwwisuuf qophii taasisnee jirra&#8221; jedhaniiru. Oomishaafi oomishtummaa dabaluun wabii midhaan nyaataa mirkaneeffachuuf qonnaan bulaan humna qabu hundaan ooyiru isaa qopheessaa jiraachuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Jidhiinsa kanaan dura qabameen garbuu, boqqoloofi qamadii facaasuu danda&#8217;u isaanii ibsaniiru. Qonnaan bulaan ooyiruu isaa yeroodhaan qootee akka qopheessuufi lafa qabu hunda waqtii isaa eege sanyiin akka uwwisuu deeggarsaafi hordoffiin ogeessootni qonnaa taasisan olaanaa ta&#8217;uu kaasaniiru. Haata&#8217;u malee xaa&#8217;oon hanga ammaa harka isaanii akka hin geenyee ta&#8217;uufi\u00a0 hanqinni jiraachuu himaniiru. Kunis oomishaafi oomishtummaa guddisuu keessatti gufuu nutti ta&#8217;a jechuun \u00a0sodaa akka qaban kaasaniiru. Kanaan alattis, naannawichatti rakkoon nageenya darbee darbee jiraachuu kaasanii,\u00a0 harka tokkon nageenya tikfachaa, harka biraan immoo hojii qonnaa finiinsaa\u00a0 jirra jedhaniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamaan qajeelcha qonnaa bulchiinsa Sablammii Oromoo obbo Hasan Sayid, bara bajataa 2017tti qonna Arfaasaatiif lafa heektaara kuma 10 fi 300 ol ta&#8217;u akka bulchiinsa sablammichaatti qophaa&#8217;uu dubbataniiru.\u00a0 Kana keessaa lafti hektaara kuma 5 fi 550 qotamee qophaa&#8217;eera jedhaniiru. Kunis yeroo roobni\u00a0 gahaan argamu gosoota sanyii garaagaraan kan uwwifamu ta&#8217;u dubbataniiru. Jidhiinsa kanaan dura qabameen lafti heektaara 138 ta&#8217;u sanyiwwan gosa garaagaraan haguugameera jedhaniiru. Oomishaafi oomishitummaa dabaluun hawaasni bulchiinsa sablammichaa wabii midhaan nyaataa mirkaneeffachuun bira darbe, oomisha isaa gabaaf akka dhiyyeessuu taasisuuf bara kana xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eraniiru.<\/p>\n<p>Qaala&#8217;insa gabaa garmalee dabalaa jiru furuufis oomishaafi oomishitummaa qonnaa dabaluun murteessaa ta&#8217;uu kaasanii kana gochuuf immoo qonnaan bulaaf hubannoo uumuufi hordoffii taasisuun barbaachiisadha jedhaniiru. Gama kanaan hojiin bulchiinsa sablammichaatti hojjetamaa jiru gaarii ta&#8217;uu kaasanii, uummatni beekumsaafi hubannoo qabaate, ooyiruu isaa qonna Arfaasaaf akka qopheessuu hojiin hubannoo uumuu gama ogeessoota qonnaan kennamaa jiraachuu ibsaniiru. Hubannoo uumameenis waggaa irra gara waggaatti hirmaannaafi qophiin qonnaan bultootni waqtii Arfaasaaf taasisan daran dabalaa jiraachuu himaniiru.<\/p>\n<p>Dhiheessin xaa&#8217;oo bara kanaa seenaa bulchiinsa sablammii Oromoo keessatti isa olaanaa ta&#8217;u mirkaneessaniiru. Bara darbe xaa&#8217;oo bulchiinsa sablammiichaaf dhiyaate kuntaala kuma 31 yoo ta&#8217;u bara kana immoo xaa&#8217;oon kuntaala kumni 50 dhiyaachuu dubbataniiru. \u00a0Yeroo gabaabaa keessattis qonnaan bultootaaf kan raabsamu ta&#8217;us hubachiisaniiru. Bara kana oomisha Arfaasaatiin oomishinii kuntaala kuma 250 ol argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu obbo Hasan hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dinagdeen Itoophiyaa dhiibbantaan 90 ta&#8217;u qonna irratti kan hundaa&#8217;e akka ta&#8217;e ni amanama. Jireenyi Itoophiyanoota harka caaluus hojii \u00a0qonnaarratti kan bu&#8217;uureeffatedha. Yeroo ammaa Itoophiyaan oomishaafi oomishtummaa guddisuun hojii midhaan nyaataa mirkaneessuu danda\u2019u hojjechaa jirti. Kana galmaan ga\u2019uuf qonna ammayyeessuu, sirna oomisha ammayyaa ta&#8217;e hordofuu, oomishaafi oomishitummaa guddisuufi waggaatti marsaa lamaafi\u00a0 sadiin oomishuun akka danda&#8217;amuu xiyyeeffannoon [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4958,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4957"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4957"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4957\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4959,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4957\/revisions\/4959"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4958"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4957"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4957"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4957"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}