{"id":4963,"date":"2025-03-25T06:11:09","date_gmt":"2025-03-25T06:11:09","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4963"},"modified":"2025-03-25T06:11:09","modified_gmt":"2025-03-25T06:11:09","slug":"dhaloota-naamusa-gaarii-qabu-horachuu-keessatti-gaheen-miidiyaa-olaanaa-tauun-ibsame","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/03\/25\/dhaloota-naamusa-gaarii-qabu-horachuu-keessatti-gaheen-miidiyaa-olaanaa-tauun-ibsame\/","title":{"rendered":"Dhaloota Naamusa Gaarii Qabu Horachuu Keessatti Gaheen Miidiyaa Olaanaa Ta\u2019uun Ibsame"},"content":{"rendered":"<p>Lammiileen naamusa gaarii akka qabaatan barsiisuun dhaabbilee miidiyaa irraa eegama. Komishiniin naamusaafi farra malaanmaltummaa naannoo Amaaraa gahee dhaabbileen miidiyaa ijaarsa naamusaafi ittisa malaanmaltummaa irratti qaban ilaalchisuun mariin adeemsifameera. Maricha irratti argamun ergaa kan dabarsan, itti gaafatamaan biiroo kominikeeshinii naannoo Amaaraa Mangashaa Fantaaw (Dr) malaanmaltummaan jijjiirama hunda galeessa akka biyyaatti qabame gara duubatti kan harkisuu hojmaata badaa ta&#8217;u hubachuun, waloon ittisuuf hojjetamuu qaba jedhaniiru.<\/p>\n<p>Malaanmaltummaan guddina biyyaafi fayyadamummaa uummataa irratti miidha kan dhaqqabsisuu gocha namoota muraasaan raawwatamuu ta&#8217;u himaniiru.\u00a0\u00a0 Gocha badaa kana sirreessuuf gaheen dhaabbilee miidiyaa olaanaa ta&#8217;uus ibsaniiru. AMECO dabalatee dhaabbileen miidiyaafi ogeessootni hundi\u00a0 hojmaata dhaabbilee tajaajilaa kennan\u00a0 sakataa&#8217;uufi saaxiluu akka qaban hubachisaniiru.\u00a0 Hoggantootni mootummaa itti gaafatamummaa isaanii haala kamiin bahachaa akka jiran, uummataaf beeksisuufi dogoggora uuman yoo jiraate immoo akka itti gaafatamaniif saaxiluun barbaachisadha jedhaniiru.<\/p>\n<p>Muuxannoo namoota kanneen\u00a0 naamusa gaarii qaban, jaalalaafi amanamummaan beekamoo ta&#8217;an gara miidiyaatti dhiheessuun dhalootni dhufu naamusa gaarii akka qabaatu gochuuf murteessaa ta&#8217;uu eeraniiru. Hojii raawwachisaan olaanaa Amaaraa Miidiyaa Korpooreeshinii obbo Muluqan Saxxiyee, malaanmaltummaa waloon ta&#8217;ani ittisuu irratti banaaleen hedduu jiraachuu kaasanii, hojmaata badaa kana waliin ta&#8217;anii ittisuun hojii boriif hin jedhamne ta&#8217;uu himaniiru.<\/p>\n<p>AMECO&#8217;n\u00a0 dhaloota naamusa gaarii qabu horachuuf\u00a0 kutannoon kan hojjetu ta&#8217;uus hubachisaniiru. Komishinarri itti aanaa komishinii naamusa gaariifi farra malaanmaltummaa naannoo Amaaraa Maaruu Chakkool, malaanmaltummaafi hojmaata badaa ittisuuf gaheen dhaabilee miidiyaa olaanaa ta&#8217;u himaniiru. Keessattuu dhaloota malaanmaltummaafi hojmaata badaa balaaleeffatu uumuu keessatti dhaabbileen miidiyaa xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban ibsaniiru.Dhaabbileen barnootaa, dhaabbileen amantaa, civiliin hawaasaafi dhaabbiileen biroo naamusa gaarii dhaloota itti aanuuf dabarsuuf\u00a0 hojii hojjetamu miidiyaan deeggaruu akka qabanis hubachisaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Lammiileen naamusa gaarii akka qabaatan barsiisuun dhaabbilee miidiyaa irraa eegama. Komishiniin naamusaafi farra malaanmaltummaa naannoo Amaaraa gahee dhaabbileen miidiyaa ijaarsa naamusaafi ittisa malaanmaltummaa irratti qaban ilaalchisuun mariin adeemsifameera. Maricha irratti argamun ergaa kan dabarsan, itti gaafatamaan biiroo kominikeeshinii naannoo Amaaraa Mangashaa Fantaaw (Dr) malaanmaltummaan jijjiirama hunda galeessa akka biyyaatti qabame gara duubatti kan harkisuu hojmaata [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4964,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4963"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4963"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4963\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4965,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4963\/revisions\/4965"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4964"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4963"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4963"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4963"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}