{"id":4966,"date":"2025-03-25T06:14:43","date_gmt":"2025-03-25T06:14:43","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4966"},"modified":"2025-03-25T06:14:43","modified_gmt":"2025-03-25T06:14:43","slug":"oomishni-qonna-arfaasaa-xiyyeeffannoon-hojjetamuu-qaba","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/03\/25\/oomishni-qonna-arfaasaa-xiyyeeffannoon-hojjetamuu-qaba\/","title":{"rendered":"Oomishni Qonna Arfaasaa  Xiyyeeffannoon  Hojjetamuu Qaba"},"content":{"rendered":"<p>Oomisha qonnaa biyya keenyaa guddisuurratti waqtiin Arfaasaa shoora olaanaa qaba. Oomishni gahaan akka argamuuf gosoota sanyii waqtiin Arfaasaa barbaadu sirriitti adda baasuun barbaachisaadha. Misoomni waqtii Arfaasaatti raawwatamu akka haala qilleensaafi tessuma lafaatti garaagarummaa qabaachuu ni danda\u2019a. kana jechuun keessumaayyuu ogeessonni qonnaa hojmaata waqtii Arfaasaatti raawwataman adda baasuun qonnaan bulaa gargaaruun irraa eegama. Qonnaan bulaan oomishaawwan waqtii Arfaasaatti oomishamuu danda\u2019an muuxannoo isaa yeroo dheeraatiin kan beeku ta\u2019us hojmaanni ammayyaawaan waan isa barbaachisuf gorsa ogeessaa dhagahuun hojiirra oolchuu qaba.<\/p>\n<p>Gama birootiin qonna Arfaasaa galmaan geessisuuf galteewwan qonnaa barbaachisaa ta\u2019an hunda guutuun barbaachisaadha. Qonnaan bulaaf leenjii barbaachisaa laachuu, sanyii filatamoo qopheessuu, xaa\u2019oo haala barbaadameen dhiheessuufi yerootti qonnaan bulaaf raabsuun hojiin waqtichaa galmaan akka gahuuf gumaacha olaanaa qabu. Asirratti qonnaan bulaan aadaa xaa\u2019oo uumamaa gabbisuu isaa cimsee akka itti fuufuufi akka itti fayyadamu gochuurratti xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba.<\/p>\n<p>Naannoon Amaaraa bal&#8217;ina lafaa qabunis ta&#8217;e,\u00a0 qabeenya kufama qonnaaf ta&#8217;uu qabaachuun, hojii qonnaa biyyattif gumaacha olaanaa taasisa jira. Itoophiyaan galii\u00a0 oomisha qonnaa akka biyyaatti argattu\u00a0 irraa\u00a0 dhiibbantaan 40 ta&#8217;u naannoo Amaaraa irra akka argamus ragaan biiroo qonnaa\u00a0 naannicha irraa\u00a0 argame ni mul&#8217;isa. Kana jechuun misooma qonna Arfaasaa naannoo Amaaraatiif xiyyeeffannoon olaanaa yoo laatame tumsa midhaan nyaataatiin of danda\u2019uu taasifamaa jiru galmaan gahuun ni danda\u2019ama jechuudha. Walumaagalatti oomishni waqtii Arfaasaa diinagdee biyyaa guddisuurratti shoora olaanaa waan qabuuf dame kanaafis xiyyeeffannoo olaanaan laatamuu qaba kan jedhu ibsa ejjannoo keenya har\u2019aati.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Oomisha qonnaa biyya keenyaa guddisuurratti waqtiin Arfaasaa shoora olaanaa qaba. Oomishni gahaan akka argamuuf gosoota sanyii waqtiin Arfaasaa barbaadu sirriitti adda baasuun barbaachisaadha. Misoomni waqtii Arfaasaatti raawwatamu akka haala qilleensaafi tessuma lafaatti garaagarummaa qabaachuu ni danda\u2019a. kana jechuun keessumaayyuu ogeessonni qonnaa hojmaata waqtii Arfaasaatti raawwataman adda baasuun qonnaan bulaa gargaaruun irraa eegama. Qonnaan bulaan oomishaawwan [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4967,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[46],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4966"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4966"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4966\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4969,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4966\/revisions\/4969"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4967"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4966"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4966"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4966"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}