{"id":4973,"date":"2025-03-25T06:20:26","date_gmt":"2025-03-25T06:20:26","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4973"},"modified":"2025-03-25T06:20:26","modified_gmt":"2025-03-25T06:20:26","slug":"mirga-itti-fayyadama-ulaa-galaanaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/03\/25\/mirga-itti-fayyadama-ulaa-galaanaa\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Mirga itti fayyadama Ulaa galaanaa"},"content":{"rendered":"<p>Hulaan galaanaa Itoophiyaaf dhimma jiraachuufi jiraachu dhabuuti. Hulaan galaanaa biyyi tokko,\u00a0 biyya ollaa jirtu waliin yookiin ardii biroo waliin karaa qaama bishaaniin ittiin qunnamtudha. Hulaan galaanaa\u00a0 biyyoota addunyaa wal qunnamsisuuf faayidaa olaanaa qaba. Itoophiyaan hanga bara 1991 akka lakkoofsa Awurooppaatti biyya hulaa galaanaa mataa ishee kan qabdu akka turte, seenaan ni agarsiisa. Haata&#8217;u malee Eritraa bara 1993tti riifrandamii uummataa gaggeessuun biyya walabaa ta&#8217;uun ishee hordofee Itoophiyaan hulaa galaanaa malee hafuu dandeessetti.<\/p>\n<p>Eritraan yeroo biyya walabaa taatetti hulaa galaanaa malee kan hafte Itoophiyaan, Bahaafi Gaanfa Afriikaa keessatti baayina uummataa hedduu kan qabduufi lafa bal\u2019aa kan qabdu\u00a0 biyya guddoo hulaa galaanaa hin qabne erga tatee waggaa 30 ol lakkoofsifteetti. Fedhiin buufata daldalaa biyyattii\u00a0 waliigalaa\u00a0 sochiilee galiifi bahaan irra caalaan buufata Jabuutii irraatti hirkataa ta\u2019ee jira. Kanaanis, biyyattiin buufta galaanaaf waggaatti dolaara Ameerikaa biliyoona tuqaa shan akka baasii taasiftuu ragaaleen adda addaa ni agarsisuu. Baasiin waggaatti bahu kun osoo misooma biyyaaf oole, dargaggootaaf carraa hojii guddaa kan uumuu ta&#8217;uu kan nama shakkisisuu miti.<\/p>\n<p>Jiraata magaalaa Baahir Daar kan ta&#8217;e Tasfaaye\u00a0 kabbada, Itoophiyaan hulaa galaanaa dhabuu isheetiin,\u00a0 meeshaaleen alaa galan irratti qaala&#8217;insi gatii akka uumamuu taasiseera jedheera. Dhabamuun hulaa galaanaa, biyyattii kiraa buufata dooniidhaaf baasii guddaa akka kaffaltu kan taasisuu ta&#8217;us himeera.\u00a0 Baasiin\u00a0 biyyattiin kiraa buuftaa dooniif kafalaa jirtu osoo misoomaaf oolchite pirojeektoota misoomaa hedduuf oolfachuu akka dandeessuufi kanaanis carraan hojii dargagootaaf uumuun fayyadamaa taasisuun ni danda&#8217;ma ture yaada jedhu qaba. Yuunivarsiitii Ambootti barsiisaan saayinsii siyaasaafi hariiroo idil Addunyaa obbo Darajjee Damissaw, biyyattiin hulaa galaanaa dhabuun isheetiin meeshaaleefi oomishawwan alaa galan irratti qaal&#8217;insi gatii akka uumamu taasisuun biyyatti irratti dhiibbaa guddaa dhaqqabsisaa jiraachuu dubbataniiru. Oomishaafi oomishitummaa garaagaraa haala barbaadameen gara alaatti erguufi galteewwan adda addaa gara biyyatti galchuufis rakkoo baasii humna oliif saaxiluu akka danda&#8217;u ibsaniiru. Kun immoo biyyattiin,\u00a0 biyyoota biraa irratti akka hirkattuu kan taasisuu ta&#8217;uu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Itoophiyaan waggaatti kiraa buufata doonii Jibuutiif waggaatti doolaara biliyoona tokko ol akka baasii taasistu himaniiru. Dhabamuun hulaa galaanaa, hirmaannaa biyyatti gabaa addunyaa keessatti qabduus kan gufachisisuu ta&#8217;uu ibsaniiru. Oomishaawwan biyya keessatti oomishaman haala barbaadameen gara alaatti erguufis danqaa guddaa akka ta&#8217;e barsiisaa Damissaw ibsaniiru. Itoophiyaan oomishaawwan alaa galan irrattis qaraxa garaagaraa waan kaffaltuuf, qaala&#8217;insa gatii guddaan akka uumamu taasisa jedhaniiru.<\/p>\n<p>Yuunivarsiitii naannoo Oromiyaatti barsiisaa diingdee\u00a0 kan ta&#8217;an Bayyanaa Ibsaa gaazexaa Hirkoo waliin kanaan dura turtii taasisaniin, hulaan galaanaa guddina biyya tokkof baay&#8217;ee murteessaa ta&#8217;u dabbataniiru. Qorannoo Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii taasisee caqqasuun biyyi hulaa galaanaa hin qabne &#8216;GDP&#8217;n ishee irraa 20 hanga 30 dhabuu yookiin hir&#8217;isuu akka dandeessu himanii, Kun immoo biyyi hulaa galaanaa hin qabne, biyyoota ollaa ishee jiran, wajjiin walii galuudhaan bifa kiraan fayyadamuuf ni dirqamti jedhaniiru. Dhabamuun hulaa galaanaa qabeenya biyyaattiin qabdu gara alaatti erguufi\u00a0 meeshaalee adda addaa gara biyya keessatti galchuudhaaf baasii geejjibaa guddaaf kan saaxiluu ta&#8217;u kaasaniiru.<\/p>\n<p>Akka barsiisaan Damissawa jedhanitti, biyyi hulaa galaanaa qabdu tokko,\u00a0 diinagdee ishee guddisuu keessatti, carraa gabaa addunyaa keessatti hirmaachuu, meeshaalee biyya keessatti oomishaman akka barbaaddeefi yeroo barbaadde keessatti gabaa addunyaaf dhiheessuun bu&#8217;aa olaanaa ni argatti. Kaanaafuu hulaa galaanaa qabaachuun diinagdeefi daldala biyya tokkof murteessaa ta&#8217;uu eeraniiru. Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuuf tattaaffiin yeroo ammaa taasisaa jirtu dhimma murteessaa ta&#8217;u himaniiru. Itoophiyaan biyyoota oollaa waliin haala waliigalteefi, sirna kennanii fudhachuun, qajeelfama biyyoota lama fayyadamaa taasisuu danda&#8217;u hordofuun carraa hulaa galaanaa argachuu qabdu qabaachuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Biyyoota hulaa galaanaa hin qabneef mirga hulaa galaanaa argachuu ilaalchisee,\u00a0 Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Konvenshinii biyyootni addunya hedduu mallatteessanii jiru. Kunis waliigaltee biyyoonni hulaa galaanaa hin qabne daangaa galaanaafi garbaa hin qabne, karaa buufata biyyoota naannawasaaniitti argamuutiin tajaajila argachuu kan\u00a0 dandeessisudha jedhaniiru. Waliigalteen kun\u00a0 biyyoonni hulaa galaanaa hin qabne karaa gara galaanaatti darbuu danda&#8217;an argachuuf mirga akka qaban waligalticharrattii keewwata 125 irratti kaa\u2019amuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Dhimmi fayyadama hulaa galaanaa sadarkaa walitti dhufeenya biyyoota lamaan gidduurratti kan murtaa\u2019u ta\u2019uusaa waliigalteen biyyootni mallatteessan agarsiisa. waliigalteen alaa garuu seerri idil-addunyaatis hin deeggaru jedhaniiru. Waliigaltichi hojiirra kan oolfamu haaluma waliigaltee biyyoota jidduutti taasifamuun ta&#8217;uu barsiisaa Damissaw dubbataniiru. Hulaan galaanaa birmadummaa dinagdee qofa osoo hin taane olaantummaa siyaasaa biyya tokkoofis dhimma murteessaa ta&#8217;u eeraniiru.<\/p>\n<p>Kanaanis Itoophiyaan karaa waliigalteefi sirna kennanii fudhachuutiin, hulaa galaanaa argachuuf hojii eegalte cimsitee itti fufuu qabdi jedhaniiru. Akka barsiisaan diingdee Bayyanaa Ibsaa jedhanitti, seenaan biyyoota addunyaa akka agarsiisuutti hulaan galaanaa kallattii garaagaraan argamuu danda&#8217;a. Fakkeenyaaf Alaaskaa paarchees\u00a0 bara 1867 Ameerikaan Raashiyaarraa hariftee gara Beering Istireet fudhatte dhimma bahaa turteetti. Paanaamaa kaanaal zoonii kan Ameerikaan bara 1930 hanga 1999tti\u00a0 paanaamaarraa kireeffattee fayyadamaa turteetti. Hoongi koongi\u00a0 isilaandi,\u00a0 Yuunaayitid kingidam Chaayinaaraa kireeffattee, bara\u00a0 1842 hang1997tti fayyadamaa turteetti.<\/p>\n<p>Kanaafuu Itoophiyaan muxannoo biyyoota addaa addaa irraa fudhachuun hulaa galaanaa argachuuf filannoowwan jiran fayyadamuu akka qabdu hubachiisaniiru.\u00a0 Ruwaandaafi Burundii, moombaasa portii keeniyaa irraa waligalteen fudhatanii fayyadamaa jiru. Walumaagalaatti biyyootni hulaa galaanaa hin qabne, hariiroo biyyoota oollaa waliin jiru cimsachuun, waligaltee biyyoota lamaan fayyadamaa taasisuu raawwachuuniifi sirna kennanii fudhachuutiin hulaa galaanaa argachuu ni danda&#8217;u.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Hulaan galaanaa Itoophiyaaf dhimma jiraachuufi jiraachu dhabuuti. Hulaan galaanaa biyyi tokko,\u00a0 biyya ollaa jirtu waliin yookiin ardii biroo waliin karaa qaama bishaaniin ittiin qunnamtudha. Hulaan galaanaa\u00a0 biyyoota addunyaa wal qunnamsisuuf faayidaa olaanaa qaba. Itoophiyaan hanga bara 1991 akka lakkoofsa Awurooppaatti biyya hulaa galaanaa mataa ishee kan qabdu akka turte, seenaan ni agarsiisa. Haata&#8217;u malee Eritraa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4974,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4973"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4973"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4973\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4975,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4973\/revisions\/4975"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4974"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4973"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4973"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4973"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}