{"id":4976,"date":"2025-03-25T06:22:48","date_gmt":"2025-03-25T06:22:48","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4976"},"modified":"2025-03-25T06:22:48","modified_gmt":"2025-03-25T06:22:48","slug":"nageenyi-milkaaina-turiizimiif-murteessaadha","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/03\/25\/nageenyi-milkaaina-turiizimiif-murteessaadha\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Nageenyi Milkaa\u2019ina Turiizimiif Murteessaadha"},"content":{"rendered":"<p>Turizimiin akkuma sochiilee birootti damee nageenyaafi tasgabbii barbaadudha. Guutuu hiruutti gosoonni turizmii hundinuu kan raawwataman yommuu nageenyi jiruttidha.Turizimiin naannawa itti jiraannu irraa fagaachuudhaan imala taasifamu ta\u2019uu isaa wajjiin wal qabatee baroottan duriitti tuuristii ta\u2019uun balaaf of-saaxiluu akka waan ta\u2019eetti ilaalamaa ture. Sochiin tuurizimiis balaadhaaf saaxilamuu wajjiin kan wal-qabatu akka ta\u2019e amanamaa tureera.<\/p>\n<p>Waraana addunyaa lammaffaatiin asitti garuu, keessattuu geejjiboonni lafarraa, bishaanirraafi qilleensa irraa ammayyaawoon jalqabamuu waliin wal-qabatee dameen turiizimii kan balaa hin geesifne ykn sochii balaa hin barbaadne ta\u2019uun itti amanamaa dhufeera.\u00a0 Keessattuu yeroo ammaa turistoonni daawwannaaf, bashannanuuf, waa barachuuf, wal baruuf, boqochuufi k.k.f waqtii imala taasisanittis ta\u2019ee turtii iddoo itti deemanitti taasisaniif jalqaba nageenyi akka jiraatu ni barbaadu.<\/p>\n<p>Sababa waraanaaniifi tasgabbii dhabuutiin turistoonni imalli bakka itti turtii taasisuuf deemaniirraa akka of qusatan ni dirqamu. Nageenyi jiraachuu dhabnaan turiizimiin hin jiraatu jechuun ni dandaama. Akka biyya keenyaatti rakkoolee nageenyaa baroottan darbe muudataniin, naannawaalee biyyattii rakkoon nageenyaa itti muudateetti sochiin turiizimii taasifamaa ture, qabbanaa\u2019uu bira darbee hanga sadarkaa guutumaan guutuutti dhaabbachuutti gaheera. Naannawaalee rakkoo nageenyaatiin muudannaa akkasii isaaniirra gahe keessaa naannoon Amaaraa ni caqafama. Rakkoo nageenyaa naannichatti muudachaa jiruun sochii turiizimii irraa faayidaan argamaa ture, kan diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa guutumaan guutuutti hanga dhaabachuu biras gahee jira.<\/p>\n<p>Naannichatti akka fakkeenyaatti magaalota gurguddoofi naannawaalee isaanii kan akka Baahir Daariifi Gondar yoo fudhanne, haroon Xaanaa, odolootaafi manneen amamantii Kiristaanaa buleeyyiin haroo Xaanaa keessatti argaman hambaalee seena qabeessa isaanii wajjiin, lagni Abbayyaafi bakki ka\u2019umsa lagichaa, manneen amantii Kiristaanaa buleeyyiinii fi hambaaleen keessatti argaman akkasumas ogummaan ittiin ijaaraman, gamoon Faasiil,\u00a0 ijaarsonni manneen gamoo Gondar keessaa ammayyummaafi babalina magaalummaatiif fakkeenya ta\u2019an, masaraaleen adda addaa, kabajoonni ayyaanota amantiifi aadaa hawwatoo ta\u2019an, bakki hawwata turizmii Gorogoraa, bishaan yaa\u2019aan Xiis Abbaay, paarkiin Sameen isaan muraasa hawwata turizmiif oolaa turanidha. Rakkoo nageenyaa waggoottan darbanitti naannawaalee kanneenitti tureen garuu faayidaan damee tiriizimii irraa argamu akka qabbanaa\u2019uufi hanga dhaabachuutti akka qaqqabu taasisaa tureera, taasisaa jiras.<\/p>\n<p>Dhimma kanarratti hangaan wal-caalus kutaalee naannichaa rakkinni wal-fakkaataan isaan muudachaa ture keessaa tokko bulchiinsa sab-lammii Oromooti. Bulchiinsa sab-lammichaatti faayidaa turizimiif kan oolan iddoowwan uumamaafi nam-tolcheen adda addaa kan argaman yommuu tau, kan akka bishaan ho\u2019aa Aweeytuu, bishaan ho\u2019aa Caacaatuu, bishaan ho\u2019aan Borkannaa, masgiidonni buleeyyiin hambaalee seenaa of keessaa qaban, iddoowwan gabaa seena qabeeyyiifi sabaafi sab-lammoonni akkasumas heddummoonni keessatti hirmaachuudhaan beekaman kan akka gabaa Baateefi gabaa Sambatee ijaarsi manneen buleeyyii ogummaafi kalaqni itti dhangala\u2019e Mandara Shonkee muraasa maqaa dhahuun ni danda\u2019ama.<\/p>\n<p>Itti gaafatamtuun waajjira aadaa fi turizmii aanaa Baatee, aadde Hawwaa Umar, dhimma keenya kana irratti turtii nu wajjiin taasisaniin, aanaa isaanii fi naannawa aanaa isaaniitti iddoowwan turizimiif ooluu dandaaniifi madda galii ta\u2019an\u00a0 hambaalee dhaabbatoon Masgiidoonni buleeyyiin shan, iddoon hawwata bosona Garfaa jedhamu, bishaan ho\u2019aan Caacaatuu jedhamuun beekamu, Gabaan Baatee akka jiran himaniiru. Iddoowwan kana biyya keessaafi biyya alaatii daawwattoonni itti imaluun daawwachaa kan turan yommuu ta\u2019u rakkoo nageenyaa waggoottan darbanitti muudatee tureen adeemsichi akka dhaabbatee ture dubbataniiru. Yeroo walitti bu\u2019iinsiifi lolli naannawichatti turetti kan akka bishaan ho\u2019aa Caacaatuu irratti miidhaan qaqqabuullee akka fakkeenyaatti kaasaniiru. \u201cIddoowwan kana bakka nageenyi hin jirretti kan dhufee daawwatu hin jiru\u201d kan jedhan adde Hawwaan, yeroo ammaa garuu haalli nageenyaa fooyyauu isaatiin daawwattoonni akka deebi\u2019aa jiran kaasaniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamaan qajeelcha aadaafi turizmii bulchiinsa sab-lammii Oromoo, obbo Ahmad Ibraahiim, rakkoon nageenyaa muudatee ture sochii turizimii akka naannoo Amaaraattis ta\u2019ee akka biyyaatti taasifamaa ture haala olaanaan danquu isaa dubbataniiru. Waggoottan rakkoon nageenyaa itti muudate darbanitti daawwataan baayyee hirachuu kaasanii, akka fakkeenyaattis akka bulchiinsa sab-lammichaati gabaaleen Baateefi Sambatee daawwattoota biyya keessaafi alaa hedduun daawwatamaa turan, keessattuu daawwattoonni biyya alaa gar malee hirachuu eeraniiru. Obbo Ahmad, yeroo ammaa garuu haalli nageenyaa fooyya\u2019uu isaatiin daawwattoonni deebi\u2019aa akka jiran eraniiru. \u201cYoo nageenyi jiraatee iddoowwan turizimiif oolan kana irratti hojjenne kan kanaan duraa olittuu irraa fayyadamna\u201d jedhaniiru. Iddoowwan turizimiif oolan kana hojiin misoomsuu, kunuunsuufi beeksisuu irratti hojjetamaa akka jirus itti gaafatamichi hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamaan biiroo aadaafi turizimii naannoo Amaaraa, Malkaamuu Tsaggaayeen ibsa kennaniin, rakkoon nageenyaa waggoottan darbanitti naannoo Amaaraatti muudatee ture damee turizimii danquufi qormaata keessa galchee turuu\u00a0 isaa kaasaniiru. Yeroo ammaa naannichatti fooyyiinsi nageenyaa argamuu isaatiin damichi dadammaquu isaas himaniiru. Itti gaafatamtichi akka jedhanitti sochiin turizimii naannoo Amaaraa irra caalaatti waqtii jia Muddee irraa hanga ji\u2019a Amajjiitti kan raawwatamu yommuu ta\u2019u ji\u2019oottan kanatti fooyya\u2019iinsa nageenyaa argameen raawwii fooyya\u2019aa galmeesisuun danda\u2019amuu dubbataniiru. Kanaanis naannichi hanga walakkaa waggaa bara 2017tti\u00a0 daawwattoota biyya alaa kuma 16 fi daawwattoota biyya keessaa miiliyoona 5.2 keessummeessuu himaniiru. Daawwattoota kanneen irraas galiin birrii biiliyoona 2.4 walitti qabuun akka dandaames beeksisaniiru. Kunis waqtii wal-fakkaataa kan waggaa darbe wajjiin yommuu wal-bira qabamee ilaalamu caalmaa dhibbantaa 104 akka fide hubachiisaniiru. Egaa damee tuurizimii irraas haa ta\u2019u kanneen biroo irraa fayyadamoo ta`uuf nageenya tikfachuufi nageenyaaf dhaabbachuun murteessaadha yaanni jedhu dhaamsa keenya.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Turizimiin akkuma sochiilee birootti damee nageenyaafi tasgabbii barbaadudha. Guutuu hiruutti gosoonni turizmii hundinuu kan raawwataman yommuu nageenyi jiruttidha.Turizimiin naannawa itti jiraannu irraa fagaachuudhaan imala taasifamu ta\u2019uu isaa wajjiin wal qabatee baroottan duriitti tuuristii ta\u2019uun balaaf of-saaxiluu akka waan ta\u2019eetti ilaalamaa ture. Sochiin tuurizimiis balaadhaaf saaxilamuu wajjiin kan wal-qabatu akka ta\u2019e amanamaa tureera. Waraana addunyaa lammaffaatiin [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4977,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4976"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4976"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4976\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4978,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4976\/revisions\/4978"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4977"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4976"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4976"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4976"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}