{"id":4985,"date":"2025-03-25T06:28:05","date_gmt":"2025-03-25T06:28:05","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4985"},"modified":"2025-03-25T06:28:05","modified_gmt":"2025-03-25T06:28:05","slug":"mariin-waraana-yuukireen-dhaabuuf-baha-giddu-galeessaatti-ni-taasifama","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/03\/25\/mariin-waraana-yuukireen-dhaabuuf-baha-giddu-galeessaatti-ni-taasifama\/","title":{"rendered":"Mariin Waraana Yuukireen Dhaabuuf Baha Giddu-Galeessaatti Ni Taasifama"},"content":{"rendered":"<p>Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin haala waraana Raashiyaa-Yuukireen dhaabuun danda&#8217;amurratti bilbilaan yeroo dheeraa mari&#8217;aataniiru. Raashiyaan baatii tokkoof waraanni guutummaatti akka dhaabbatu yaada dhihaate kan hin fudhanne ta&#8217;uushee ibsitee turuu ragaaleen ni mul&#8217;isu. Haata&#8217;u malee haleellaa bu&#8217;uuraalee misoomaa dhaabbilee Inarjiirratti raawwattu dhaabuuf waliigaluun ishee gabaafameera.<\/p>\n<p>Raashiyaan guutummaatti waraana kan dhaabdu deeggarsi waraanaafi odeeffannoon basaasummaa biyyoota alaan Yuukireeniif godhamu guutummaatti yoo dhaabbate qofa ta&#8217;uu Pirezidaanti Putiin marichaan ibsanii turan. Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi ergaa karaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin marii gaariifi bu&#8217;aa qabeessa taasiifneerra jedhaniiru. Haleellaan bu&#8217;uuraalee misooma Inarjiirratti raawwatu saffisaan akka dhaabatu waliigaluu mirkaneessaniiru.<\/p>\n<p>Haleellaa bu&#8217;uuraalee misooma Inarjiirratti raawwatamu dhaabuuf waliigaltee Raashiyaafi Ameerikaan taasisan kan fudhatan ta&#8217;uu Pireezidaantiin Yuukireen Vooloodmiir Zelaniksiin himaniiru. Garuu, qabiyyee waliigaltichaa guutuusaa beekuun barbaada jechuunis dubbataniiru. Kun kanumaan osoo jiruu Pirezidanti Doonaaldi Tiraampiifi gitni isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin daqiiqaawwan 90&#8217;f bilbilaan mari&#8217;achuu Waayit Haawusiirraa odeeffannoon dhaga&#8217;ameera. Tiraampi marii kana dura yaada kennanii turaniin &#8220;dhimma lafaa, buufata waraanaafi qabeenya tokko tokko qooddachuurratti dubbanna&#8221; jedhanii ture. Yeroo lammataaf bilbilaan kan dubbatan Tiraampiifi Putiin barbaachisummaa dhukaasa dhaabuurratti dubbachuu Waayit Haawus beeksiseera.<\/p>\n<p>Pirees Sekireetariin masaraa US Kaarolaayin Leevit yaada &#8216;X&#8217; gubbaa qoodaniin &#8220;bulchitootni lameen barbaachisummaa nagaafi waraana dhaabuurratti dubbatan&#8221; jedhaniiru. Hoogganoonni lamaanuu waraanni Yukireen haala waaraa ta&#8217;een dhaabbachuu akka qabu waliigalaniiru jedhaniiru.<\/p>\n<p>Egereen biyyoota lamaanii tumsa waloo fooyyee qabu irra akka gahu irratti waliigaluus aanga&#8217;aan kun ibsaniiru.Tumsi kun waliigalteewwan dhimma diinagdeefi tasgabbii ji&#8217;oo politiksii irratti kan hundaa&#8217;u ta&#8217;uus ibsi Waayit Haawus hubachiiseera. Dhimma waraana Yukireen dhaabuu ilaallatuun ammoo mariin ariifachiisaan Baha giddu-galeessaatti akka eegalu ibseera.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin haala waraana Raashiyaa-Yuukireen dhaabuun danda&#8217;amurratti bilbilaan yeroo dheeraa mari&#8217;aataniiru. Raashiyaan baatii tokkoof waraanni guutummaatti akka dhaabbatu yaada dhihaate kan hin fudhanne ta&#8217;uushee ibsitee turuu ragaaleen ni mul&#8217;isu. Haata&#8217;u malee haleellaa bu&#8217;uuraalee misoomaa dhaabbilee Inarjiirratti raawwattu dhaabuuf waliigaluun ishee gabaafameera. Raashiyaan guutummaatti waraana kan dhaabdu deeggarsi waraanaafi [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4986,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[42],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4985"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4985"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4985\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4987,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4985\/revisions\/4987"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4986"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4985"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4985"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4985"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}