{"id":4992,"date":"2025-04-08T11:08:38","date_gmt":"2025-04-08T11:08:38","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4992"},"modified":"2025-04-08T11:08:38","modified_gmt":"2025-04-08T11:08:38","slug":"hidha-haaromsa-guddicha-itoophiyaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/04\/08\/hidha-haaromsa-guddicha-itoophiyaa\/","title":{"rendered":"\u00a0 Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa"},"content":{"rendered":"<p>Biyyi keenya Itoophiyaan biyya seenaa gootummaafi qabeenya uumamaan badhaate ta\u2019uun kan beekamtudha. Seenaan gootummaafi injifannoo kaleessaa har\u2019as misooma waloon dabaalamee badhaadhina Itoophiyaa milkeessuuf hojii bal&#8217;aan hojjetamaa jira. Kanaanis pirojaktoonni gurguddoon sadarkaa addunyaatti madaalamaniifi dhalootaaf biyya badhaate dabarsuu dandeessisan hojjetamaa jiran keessaa Hidhni Haaromsa Guddicha Itoophiyaa akka bu\u2019uuraatti kan ibsamudha. Hidhni Haaromsi Guddichi Itoophiyaa jiruuf jireenya lammiilee biyya keenyaa kan jijjiiruufi guddina biyya keenyaa gara boqonnaa haaraatti kan ceesisu akka ta&#8217;u amanama. Ijaarsisaa waggoota 14 lakkoofsiseera.<\/p>\n<p>Pirojaktiin guddaan kun humnaafi dandeettii uummattoota biyyattiin kan ijaarame yoo ta\u2019u, kan waadaan tokkummaa uummattootaa itti haaromee akkasumas itti cimedha. Dhugoomuu pirojaktii kanaatiif lammiifi dhalataan Itoophiyaa qooda keessaa hinqabne hinjiru. Haadhi hiyyeessaa isa sabbata isheerraa guduunfite hiiktee, abbaan oomisharraa gurguree, inni hojii guyyuu hojjetu galiisaarraa hir\u2019isee hunduu tokkummaadhaan isa jalqabe xumuruuf kan onnatee hojjechaa jirudha. Yeroo ammaa hidhichi sadarkaa xumurarratti kan argamu ta&#8217;uun gabaafameera. Muummichi ministeeraa Abiyyi Ahimad (Phd) Bitootessa 11\/2017 walgahii idilee 21ffaa marsaa 6ffaa bara hojii 4ffaa Mana Maree Bakka Bu&#8217;oota Uummataa irratti ibsa kennaniin hidha haaromsaaf aarsaan guddaa kanfalame ta&#8217;uu himaniiru. Ijaarsa hidhichaaf birriin tokkoyyu alarraa kan hindhufne ta&#8217;uusaa dubbataniiru. &#8221;Qormaata baay&#8217;ee keessummeessineerra.<\/p>\n<p>Hidha haaromsaan walqabatee dhiibbaan alaa baay&#8217;ee irratti taasifamaa ture. Amma garuu rakkooleen kun hundinuu darbanii yeroo ittaanutti ni eebbisiifna&#8221; jedhaniiru. Hidhi haaromsaa ji&#8217;oota muraasa booda seenaa barreeffame dubbifamu kan ta&#8217;u ta&#8217;uusaa dubbataniiru. Hidhi haaromsaa guddichaa Afrikaanonni waa hojjechuuf dandeettii akka qaban kan agarsiisedha kan jedhan Dooktar Abiyyi, seenessi dogoggoraa kan ittiin sirrate ta&#8217;uu himaniiru.<\/p>\n<p>Hanga gabaasni kun qindaa&#8217;etti, ijaarsa hidha haaromsichaaf lammiilee biyyattii irraa birriin biiliyoona 20 ol walitti qabamuu danda&#8217;eera. Raawwiin hidhichaa dhibbentaa 95 ol irra gahuu danda&#8217;eera. Hidhni kuni gaafa xumuramu hanga meeggaa waattii kuma jahaafi 450 ni maddisiisa jedhamee eegama. Humna guutuun gaafa elektirikii maddisiisu eegalu humna annisaa elektirikii guddicha Afrikaa ta&#8217;as jedhameera.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Biyyi keenya Itoophiyaan biyya seenaa gootummaafi qabeenya uumamaan badhaate ta\u2019uun kan beekamtudha. Seenaan gootummaafi injifannoo kaleessaa har\u2019as misooma waloon dabaalamee badhaadhina Itoophiyaa milkeessuuf hojii bal&#8217;aan hojjetamaa jira. Kanaanis pirojaktoonni gurguddoon sadarkaa addunyaatti madaalamaniifi dhalootaaf biyya badhaate dabarsuu dandeessisan hojjetamaa jiran keessaa Hidhni Haaromsa Guddicha Itoophiyaa akka bu\u2019uuraatti kan ibsamudha. Hidhni Haaromsi Guddichi Itoophiyaa jiruuf jireenya [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4993,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4992"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4992"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4992\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4994,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4992\/revisions\/4994"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4993"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4992"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4992"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4992"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}