{"id":5000,"date":"2025-04-08T11:16:11","date_gmt":"2025-04-08T11:16:11","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5000"},"modified":"2025-04-08T11:16:11","modified_gmt":"2025-04-08T11:16:11","slug":"5000","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/04\/08\/5000\/","title":{"rendered":""},"content":{"rendered":"<p>Mariin biyyaalessaa ce\u2019umsa siyaasaafi nageenya itti fufiinsa qabu fiduuf,\u00a0 wal waraansa aangoo qabachuuf taasifamu dhaabsisuufi sarbama mirga namoomaa karaa itti fufiinsa ta\u2019een dhaabsisuuf mala filatamaadha. Biyya keenyatti rakkoolee siyaasaafi garaagarummaan yaadaa waggoottan hedduuf harkifataa dhufan akka biyyaatti gatii guddaa kaffalchisaniiru. Itoophiyaan dhibeewwan siyaasaa, rakkoolee tokkummaa biyyattii irratti gufuu ta&#8217;aniifi garaagarummaawwan yaadaa harkkifataa dhufan fala akka argatan taasisuuf marii biyyaalessaa\u00a0\u00a0 adeemsisaa jirti.<\/p>\n<p>Kaayyoon inni guddaan mariin biyyaaleessaa rakkoolee bu&#8217;uura biyyaalessaa ta&#8217;an irratti waliigaltee bu&#8217;uuraa biyyaaleessaa fiduun biyya lammiileen ishee jaalalaafi tokkummaan itti jiraatan uumuudha. Dabalataanis rakkoolee keessoo mariin furuun sirna siyaasaa haaraafi bulchiinsa mootummaa cimaa ijaaruuf kan gargaaruudha. Komishiniin marii biyyaalessaas Itoophiyaa kaayyoo dhaabbateef galmaan gahuuf hojiilee adda addaafi boqonnaawwan adda addaa raawwachaa tureera, raawwachaa jiras. Yeroo ammaa hojii ajandaa sassaabuu naannoolee kudhaniifi bulchiinsoot magaalaa lama keessatti\u00a0 guutummaan guutuutti xumuree jira.<\/p>\n<p>Komishinichi naannoo Amaaraattis aanota 267 keessatti, hirmaattoota marii biyyaalessaa 4500\u00a0 ol kutaalee hawaasaa kudhan keessatti, gidduu gala,\u00a0 Gondar, Daseefi Baahir Daariitti adeemsiseen adda baaseera. Yeroo ammaas\u00a0 komishinichi hojii ajandaa walitti qabu sadarkaa naannichatti ifatti jalqabsiseera. Komishinarri komishinii marii biyyaalessa Malaakuu Waldamaariyaam waltajjii hojii ajandaa jalqabsisuu kanarratti haasaa taasisaniin, mariin rakkoolee biyyattii keessatti uumaman hiikuuf furmaata isa dhumaa ta&#8217;uu dubbataniiru. Itoophiyaan walwaraansa walii waliin kanarraa godaannisa guddaa malee bu&#8217;aa biroo isheen argatte tokkollee hin jiru jedhaniiru. Sababa walitti bu&#8217;insa kanaan walballeessuu, miidhaa qaamaafi kufaatii diinagdeen alatti bu&#8217;aan argame tokkollee hin jiru jedhaniiru. Rakkoolee hamaa biyyatti keessa dhufaa jiru kana furuuf mariin biyyaaleessaa dhimma filannoof dhiyaatu akka hin taane jala muranii himaniiru. Mariin mallattoo guddummaafi qaroominaa ta&#8217;uus hubachiisaniiru.\u00a0 \u201cObboleessi obboleessa isaa ajjeesee goota hin jedhamu, kun kufaatii guddaadha; kanaafuu gochi akkanaa kun dhaabbachuu qaba\u2019\u2019 jechuun yaada isaanii ibsaniiru. Barri haadhooliin itti bo&#8217;aniifi dhala isaanii dhaban akka dhaabbachuu qabu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Komishinarri komishinii marii biyyaalessa isaan biroo Yoonaas Adaayyee (Dr) &#8220;injifannoon Adwaa irratti argamu kan danda&#8217;e,\u00a0 tokkummaa keenya waan cimsineefidha, kanaanis injifannoo Adwaarraa argameen Itoophiyaa bira dabarre, fakkeenya biyyoota biroo taaneera\u2019\u2019 jedhaniiru. Gama biraatiin, waliin gurmoofne hidha haaromsa gudducha hojjechuu akka dandeenye, tokkummaafi qindoomina keenya marii biyyaalessarratti irra deebi&#8217;uu qabna jedhaniiru. Mariin biyyaalessaa waliigalte biyyaalessaa uumuu, uummataafi mootummaa gudduutti wal amantaa uumuuf kan kaayyeeffatedhas jechuun dubbataniiru. Kaayyoon isaa inni biraa immoo,\u00a0 qaamni tokko yeroo mufatu, gara walitti bu&#8217;insaatti osoo hin taane,\u00a0 gara maritti akka dhufuuf aadaa godhachuun akka baratamuufidhas jedhaniiru. Komishinarri olaanaa komishinii\u00a0 marii biyyaalessaa pirofeessar Masifin Araayaa gamasaaniin, wal dhaggeeffataniifi mari&#8217;atanii walii galteerra gahuun alatti filannoon biraa akka hin jirre ibsaniiru.<\/p>\n<p>Itoophiyaanootni dhimmoota hedduu irratti tokkummaan mari&#8217;achuunifi walii galuun, dhimmoota biyyaalessaa hiriirre irratti carraawwan seenaa qabeessoo ta&#8217;an hedduu galmeessisnerra jedhaniiru. Weerartootni biyya keenya irratti uumamanii turan ogummaa abbootii keenyaan, jaalala biyyaa haadhooliin keenya qabaniifi, cimana dargaggotaan har&#8217;as biyya qabna jechuun himaniiru. Fullee biraatiin Itoophiyaan dhimoota bu&#8217;uura biyyaalessaa ta&#8217;an irrattiifi garaagarummaawwan yaadaa irratti rakkooleen ishee qabdu guddatani mul&#8217;atu jechuun dubbataniiru. Garaagarummaawwan yaadaafi waldhabdee kan ittiin hiiknu, mari&#8217;achuurra\u00a0 humnaan hiikuuf filannoo taasisuun, gatii guddaa nu kaffalchiseera,\u00a0\u00a0 har&#8217;as nu kaffalchisaa jira jedhaniiru. Haalli waqtaawaa naannoo Amaaraas agarsistu ta&#8217;uu kaasaniiru.<\/p>\n<p>Uummatni naannoo Amaaraa ijaarsa biyyaalessaa keessatti gahee olaanaa qabaachuu kan himan komishinarri olaanaan kun\u00a0 komishiniin marii biyyaalessaa, ibsama biyyattii kan ta&#8217;an, aadaa godanbaafi\u00a0 utubaa seenaa dhaabuu kan danda&#8217;e uummata guddaadha jedhaniiru. \u2018\u2019Uummata Uumaaf bitamuufi uummata garaa-laafeessadha, kanaanis uummatni naannichaa\u00a0 itti boonu qaba\u2019\u2019 jechuun himaniiru. Garaagarummaawwan yaadaafi waldhabdeen babal&#8217;achaa waan dhufaniif, garaagarummaawwan yaada humnaan hiikuuf tattaaffin taasifameen, uummatni kabajamaan kun arsaa kaffaleera, kaffalaas jira jedhaniiru. Walitti bu&#8217;insootni uumaman kunneen waaraan akka furaman, waliin dubbatanii, wal dhaggeeffataniifi waliin mari&#8217;atanii waliigalteerra gahuun dhimma filannoo hin qabne ta&#8217;uu ibsaniiru. Adeemsi mariin ala jiru garuu furmaataa waaraa fiduu akka hin dandeenye dubbataniiru. Komishinichi\u00a0 gidduu seentummaa qaama kamiyyuu malee marii hammachisaafi hirmaachisaa gaggeessuuf hojjechaa jiraachuus hubachisaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Mariin biyyaalessaa ce\u2019umsa siyaasaafi nageenya itti fufiinsa qabu fiduuf,\u00a0 wal waraansa aangoo qabachuuf taasifamu dhaabsisuufi sarbama mirga namoomaa karaa itti fufiinsa ta\u2019een dhaabsisuuf mala filatamaadha. Biyya keenyatti rakkoolee siyaasaafi garaagarummaan yaadaa waggoottan hedduuf harkifataa dhufan akka biyyaatti gatii guddaa kaffalchisaniiru. Itoophiyaan dhibeewwan siyaasaa, rakkoolee tokkummaa biyyattii irratti gufuu ta&#8217;aniifi garaagarummaawwan yaadaa harkkifataa dhufan fala akka [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5001,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5000"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5000"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5000\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5002,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5000\/revisions\/5002"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5001"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5000"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5000"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5000"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}