{"id":5009,"date":"2025-04-08T11:22:42","date_gmt":"2025-04-08T11:22:42","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5009"},"modified":"2025-04-08T11:22:42","modified_gmt":"2025-04-08T11:22:42","slug":"5009","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/04\/08\/5009\/","title":{"rendered":""},"content":{"rendered":"<p>Surraa Iddoosaatiin Afoolli wantoota hedduu of keessatti qabachuun kan beeka mu, dhimma jiruuf jireenya dhala namaa waliin haalaan walitti dhihoo tahedha. Yeroo durii jaarraa tokkoon fuula du ras, barnootni ammayyaawaa akkasumas teeknooloojiin osoo hin baballatin hawaasni Oro moo bifa gaariin itti gargaara maa tureera, ittiin gargaaramaa jiras. Taatewwan yeroo durii irraa eegaluun hanga ammaatti jiran keessaa tokko Afoola jechuu ni dandeenya. Afoolli kunis dhaloota gara dhalootaatti kan daddarbu afaaniin yoo kiin bifa himte dhaan gargaaramuni.<\/p>\n<p>Hawaasni Oromoos afoolaan jiruuf jireenya isaa gaggeef fata. Hojii isaa guyyuu kees sattis afoolli kun hidhata jabaa qaba jechuudha. Keesumaa ammoo daa\u2019imman isaa ittin bohaarsufu, barsiisuuf, bilchina sammuufi seenaa hubachiisu uf afoolli dhimma dorgomaa hin qabne yoo tahu yoomes saafi seerota mataa isaas qaba. \u2018\u2019Qunceen ganama jiisan hin cittuu dabalatee sareen bu chul baddii niitiin misir baddi jechuun kan mammaakamus waa malee miti\u2019\u2019 wanti hunduu ganama akka nama hafu tahuu isaaf agarsiiftuu hangafaati. Xaahir Eda\u2019oo yuunivar siitii Baahir Daaritti barataa muummee Fooklooriiti, \u201c Daa\u2019imni tokko dhalatee osoo umuriin isaa dirree barnootaatti bobba\u2019uuf hin gahin, hawaasni Oromoo manatti haala bohaarti ifi barnoota kennuu danda\u2019uun ilmaan isaa bilcheessee sam muu isaanii qara\u201d jechuun faayidaa afoolaa keessaa isa muraasa ta\u2019e dubbateera. Afoo la kanneen taphachuu isaatiin bu\u2019aa adda addaa akka arga teefi jireenya isaa keessatti baruumsa guddaa akka argate kaaseera.<\/p>\n<p>\u2018\u2019Keessummaa waa akkan xiinxaluuf sammuu ki yya qareera jechuun\u2019\u2019 yaada isaa nuuf qoodeera. \u201cOsoo daa\u2019imni guddat tee deemsa iyyuu hin eega lin fuula dura bifa urursuun afoolatti dhimma bahanii qal bii daa\u2019imaa bohaarsu. Sagalee kiiloleen walaloo toora galcha nii daa\u2019ima ofii weeddisuu\u201d kan jette ammoo yuunivar sitii Baahir Daar, Muummee Afaan Oromoo Og- barruufi quunnamtiitti barattuu wag gaa 3ffaa Fariyaa Daafisiidha. Ofii isheetis daa\u2019imman ishee booda dhalatan bifa kanaan akka kunuunsiteefi faayidaas akka qabu dubbatteetti. Barataa Waaqgaarii Girmaa, tajaajila afoolaan lakkoofsa lakkaawwii bifa dagatamuu hin dandeenyeen miidhagfa mee kan taphatamu ta\u2019uu dub bateera. Afoola nama tapha tee guddateef yoomiyyuu kan hin dagatamne ta\u2019uu kan ibse barataan kun tajaajila afoolaa keessaa kan nama bohaarsa nii barsiisan keessaa akka fak keenyaatti nuuf himeera: \u201cTokko Maali Tokkeen Tokkichumaa Lama hoo Lamaan Mucha re\u2019ee Tokkeen Tokkichuma\u2019\u2019<\/p>\n<p>Akka yaada barataa kanaatti afooli kun hanga kudhaniitti kan jedhamu bifa lakkoof saan wantoota naannoo ofiitti argamaniin wal barsiisaa, it tiinis bohaaraa kan taphatamu dha. Dabalataanis daa\u2019imman akka waan badaa jalaa miliquu danda\u2019aniifi gamna tahuun amala abshaalummaa akka ho rataniif tajaajiloota afoolaan barsiifaman keessaa inni tokko kan armaan gadiiti: \u201cYaa kuruphee koo Kuruph Maaluma hojjetta.\u201d Jedhamuun wal jalaa qabaa kan taphatamu, akkaataa gaaf fiifi deebii barsiisaa attamiin badii yookiin miidhaa jalaa akka of oolchaniif sammuu daa\u2019immanii kan gahoom sudha jedheera barataan kun. Otuma daa\u2019imman ta\u2019anii jira nii bineensota nyaataaf oolan akkasuma ammoo hin nyaat amne akka adda baasanii ba raniifis taphni taphatamu jira jechuun barattoonni nuti dub bifne kaasaniiru. \u201cyeroo inni tokko\u201c binoo\u201d jedhu namni biraan ammoo \u201cBineensa\u201d jedha isa booda maal fa\u2019aa jechuun yeroo gaaf atamu, goosota bineensa hed duu maqaa dhahuun tarreessa.<\/p>\n<p>Xumura irratti dagachiisuun \u201cmaal nyaatta\u201d gaafa ittiin jed hu, yoo haalan xiinxalee dhag geeffataa jira tahe homaa hin jedhu, qalbiin isaa waan biraan hatamee jira taanaan garuu maqaa bineensa tokkoo dha huun itti kolfama jechuun ak kaataa afoolli ittiin taphatamu barataa Daawit Girmaan dub bateera. Kun kan mullisu dandeetti nama dhagahuufi qalbeeffachuu isaanii hangam akka tahe ittiin madaaluuf kan ooludha jedheera. Barataa Jamaal Hamaduu, barataa yuunivarsiitii Baahir daar Muummee Afaan Oro moo, og-barruufi Quunnamtii waggaa 4ffaati. Hawaasni Oro moo daa\u2019imman isaa aadaafi duudhaa osoo hin cabsin akka guddataniif bifa ittiin barsi isuufi akeekachiisu akka qabu yaada isaa nuuf qoodeera. Fakkeenyaaf daa\u2019imni akka daandii irratti fincaan hin fin coofneef kun sirrii miti dhiisi jedhee itti himu, daa\u2019ima waan tahaniif maal\u2019if jedhanii yoo gaafatan, qaama keetirratti dhullaan sitti baha jechuun akeekachiisa jechuun faayidaa afoolli daa\u2019imman barsiisuuf oolu keessaa isa muraasa ib seera. Kunis ajaja akka isaan baran gochuun aadaa isaaniis akka hubatan ni taasisa jechuun yaada isaa nuuf qoodeera. Da balataanis dandeettii waan ta\u2019e tokko dhagahanii sammuutti qabachuun seenessuu akka danda\u2019an taasisufu oduun durii dhimma sammuu daa\u2019immanii qaruudha jechuun barataan kun dubbateera.<\/p>\n<p>Yuunivarsitii Baahir Daarit ti Itti gaafatamaa Muummee Afaan Oromoo, Og-barruufi Quunnamtiifi Barsiisaa Af aan OromooTafarii Shifarraa, \u201cdaa\u2019imman ollaa isaanii eenyu akka jiru, namoota meeqa akka ta\u2019an, naannawa isaanii haa laan qorachiisuuf \u201cHibboon Teenteen\u201d kan jedhamu gal gala walitti naanna\u2019uun kan taphatan ammoo tapha sam muu daa\u2019immaniif bu\u2019aa gud daa buusa jedhaniiru. Akka wa ligalaatti garuu yeroo ammaa afoolaan daa\u2019imman guddisuun xiqqaacha jira, teekinoolooji in yeroo ammaa jiru dhiibbaa waan uumeef, kan aadaafi am mayyaa kana wal cinaa qabuun maatiin daa\u2019immanii ijoollee isaanii afoolaan guddisuu, barsiisuufi bohaarsuu qabu jechuun dhaamaniiru.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Surraa Iddoosaatiin Afoolli wantoota hedduu of keessatti qabachuun kan beeka mu, dhimma jiruuf jireenya dhala namaa waliin haalaan walitti dhihoo tahedha. Yeroo durii jaarraa tokkoon fuula du ras, barnootni ammayyaawaa akkasumas teeknooloojiin osoo hin baballatin hawaasni Oro moo bifa gaariin itti gargaara maa tureera, ittiin gargaaramaa jiras. Taatewwan yeroo durii irraa eegaluun hanga ammaatti jiran [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5010,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5009"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5009"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5009\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5011,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5009\/revisions\/5011"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5010"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5009"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5009"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5009"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}