{"id":5012,"date":"2025-04-08T11:24:14","date_gmt":"2025-04-08T11:24:14","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5012"},"modified":"2025-04-08T11:24:14","modified_gmt":"2025-04-08T11:24:14","slug":"dhukkuba-onnee","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/04\/08\/dhukkuba-onnee\/","title":{"rendered":"Dhukkuba Onnee"},"content":{"rendered":"<p>Dhukkubni onnee dhukkuboota akka\u00a0 addunyaatti lubbuu namaa galaafatan keessaa tokkodha. Keessumaa biyyoota guddatan keesssatti rakkoonsaa cimee mul\u2019ata. Kunis biyyoota guddatan keessatti dukkuboonni daddarboon waan hin baay\u2019anneef baay\u2019inaan kan lubbuu namaa dabarsan dhukkuboota hindaddarbine (noncommunicable disease) kan jedhamanidha. Isaan keessaa kanneen ijoo ta&#8217;an dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, kalee, istirookiifi kan kana fakkaatanidha. Isaan kunneen baay\u2019inaan kan lubbuu namaa galaafatan dhukkuba onnee namatti fiduun yookan onnee namaa dadhabsiisuuni ta&#8217;uu ogeessonni fayyaa ni himu.<\/p>\n<p>Dr. Caalaa Didhaa Hakiima waliigalaafi Barsiisaa Yuunivarsiitii Salaalee irraa onneefi dhukkuba onneen walqabatee \u00a0dubbifneerra. Onneen laphee gara gadiin xiqqoo gara bitaatti siqxee kan argamtuu ta&#8217;uu himaniiru.\u00a0 Kunis qaama jiraachuu ilma namaaf dirqama barbaachisan keessaa tokko taatee dhiigni qaamaaf akka raabsamu gochuun oksijiiniifi soorata tishuuf dhiheessuun, Kaarboondaaya&#8217;oksaayidii (CO2) fi xuraawaan biroo akka qaama gadi-dhiisanii bahan taasisa jedhaniiru. Biyyoota guddatan keessatti wantoota sababa du&#8217;a namoota ta&#8217;an keessaa dhibeen onneefi onnee wajjin wal qabatan sadarkaa tokkoffaa irratti kan argamaniifi yeroo ammaa biyya keenyattis rakkoon kun hammaachaa jiraachuu kaasaniiru.<\/p>\n<p>Akka Dr. Caalaa jedhanitti, Dhibeewwaniifi rakkooleen onnee wajjiin walqabatan baayyeedha. Dhukkubni onnee erga nama qabatee booda sadarkaa garaagaraa keessa kan darbu ta&#8217;uusaa kaasaniiru. \u201cDhukkubni onnee yeroo nama jalqabu qorannoon alatti mallattoo baay&#8217;ee argisiisuu dhiisuu mala\u201d\u00a0 kan jedhan Dr. Caalaan, akkuma namatti cimaa dhufeen mallattoolee garaagaraa argisiisaa kan dhufu akka ta&#8217;e himaniiru. Akkasaan jedhanitti, mallattoolee kanneen keessaa inni jalqabaa dadhabbii qaamaa garmalee qabaachuudha. Kunis turtii keessa suuta suutaan kan namatti cimaa dhufuufi hojii hanga duraan hojjechuu dadhabuu, tabba deemuu dadhabuu, hojii humnaa kamiyyuu hojjechuu dadhabuufi yoo daandii deemanis kiilomeetira muraasa erga deemaniin booda giddu gidduutti taa\u2019uuf kan nama saaxilu ta&#8217;uu eeraniiru. Dabalataan qaama guutuu dhiitessuu, kan dhiita\u2019uu miila irraa jalqabee ol dhiitessaa deemudha jedhaniiru. \u201cDhukkubichi mallattoo baay&#8217;ee waan qabuuf namni mallattoo armaan olii ofi irratti arge dirqama dhukkuba onnee qaba jechuu miti; kanaaf mallattoo kana yoo ofirratti arge mana yaalaa deemuun fala isaati\u201d jedhaniiru. Qorichoota garaagaraa mana yaalaatti dhukkuba sana adda baasanii qoricha kennuu kan danda&#8217;u ogeessa fayyaa ta&#8217;uu Dr. Caalaan himaniiru.<\/p>\n<p>Dhukkubsataan dhukkuba onnee sochii qaamaa yoo taasisu akkaataa ogeessi fayyaa itti himetti hojii irra oolchuu akka qabus gorsaniiru. Kunis dhukkuboota onnee garaagaraaf sadarkaan sochii qaamaa eyyemamuu adda adda waan ta&#8217;eef akka sababaatti eeraniiru.<\/p>\n<p><strong>Sababoota Dukkuba Onneef Nama Saaxilan:<\/strong><\/p>\n<p>*Sanyiin (gene) maatii keessaa ykn fira dhiigaa dhihoo ta&#8217;e keessaa namni dhibee kana qabu yoo jiraate<\/p>\n<p>*Umriin namaa yoo dabalu carraan dhukkubichaaf saaxilamuu dabalaa deema<\/p>\n<p>*Dhukkubbii qoonqoo irra deddebi&#8217;ee nama dhukkubu (Recurrent throat infection) fi kan hin yaalamne<\/p>\n<p>*Ilkaan sirriitti qulqulleeffachuu dhiisuu<\/p>\n<p>*Sochii qaamaa gochuu dhiisuu (sedentary life style)<\/p>\n<p>*Tamboo aarsuu yookin nama aarsuun\u00a0 walitti dhiheenya qaamaa qabaachuu (passive smokers)<\/p>\n<p>*Alkoolii baay&#8217;isanii dhuguu<\/p>\n<p>*Dhiphina garmaleefi hir&#8217;iba gahaa rafuu dhiisuu<\/p>\n<p>*Nyaata coomaafi &#8216;koolestiroolii&#8217; baay&#8217;ee of keessaa qabu yeroo dheeraaf nyaachuu<\/p>\n<p>*Nyaata soogiddi itti baay&#8217;ate soorachuu<\/p>\n<p>*Dhibeewwan kanneen akka dhiibbaa dhiigaa, sukkaaraa, kalee, hir&#8217;ina dhiigaafi kanneen biroo qabaachuu<\/p>\n<p><strong>\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0<\/strong><strong>Fayyummaa Onnee Eeggachuun Akkamitti Danda&#8217;ma?<\/strong><\/p>\n<p>Fayyummaa onnee eeggachuuf sababoota dhukkubichaaf nama saaxilan sirriitti beekuun irraa of eeggachuu barbaachisa.<\/p>\n<p>\u00b0Qoonqoon yoo nama dhukkube yeroon yaalamuu, keessattuu Ijoolee umrii waggaa 5 hanga 15 keessa jiran yeroon yaala argachuu<\/p>\n<p>\u00b0Tamboo aarsuu dhiisuufi nama xuuxu irraa fagaachuu<\/p>\n<p>\u00b0Sochii qaamaa (guyyaatti daqiqaa 30 hanga 60) torbanitti guyyoota shaniif taasisuu<\/p>\n<p>\u00b0 Nyaata fayyaa ilma namaaf barbaachisoofi murteessoo ta&#8217;an kanneen akka fuduraafi muduraa nyaachuufi nyaata\u00a0 yoo baay&#8217;atan fayyaa namaa irratti dhiibbaa geessisan ( fakkeenyaaf nyaata koolestirooliin itti baay&#8217;ate) xiqqeessuu.<\/p>\n<p>\u00b0Ulfaatina madaalawaa ta&#8217;e qabaachuufi ulfaatina garmalee ta&#8217;e hir&#8217;isuu<\/p>\n<p>\u00b0Hirriba gahaa rafuu<\/p>\n<p>\u00b0Dhiphina hamaa ta&#8217;e hir&#8217;isuu<\/p>\n<p>\u00b0Hanga ashaboo (soogiddaa) guyyatti nyaatan to&#8217;achuu\/ hir&#8217;isuu<\/p>\n<p>\u00b0Alkoolii garmalee dhuguu irraa of qusachuu<\/p>\n<p>\u00b0Namoonni dhibeewwan biroo kanneen akka dhiibbaa dhiigaafi dhibee sukkaaraa hr&#8217;ina dhiigaafi kkf hordoffiifi yaala akka ogeessi fayyaa ajajeen fudhachuufi yeroon of ilaalchisuu<\/p>\n<p>Yaalli dhukkuba onnee mana yaalaa deemuun ogeessi fayyaa sadarkaafi gosa dhukkubichaa irratti hundaa&#8217;uun qorichoota garaagaraa kennuu irraa kaasee hanga yaala baqaqsanii yaalutti gahuu akka danda&#8217;u Dr. Caalaan hubachiisaniiru.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dhukkubni onnee dhukkuboota akka\u00a0 addunyaatti lubbuu namaa galaafatan keessaa tokkodha. Keessumaa biyyoota guddatan keesssatti rakkoonsaa cimee mul\u2019ata. Kunis biyyoota guddatan keessatti dukkuboonni daddarboon waan hin baay\u2019anneef baay\u2019inaan kan lubbuu namaa dabarsan dhukkuboota hindaddarbine (noncommunicable disease) kan jedhamanidha. Isaan keessaa kanneen ijoo ta&#8217;an dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, kalee, istirookiifi kan kana fakkaatanidha. Isaan kunneen baay\u2019inaan kan [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5013,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[45],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5012"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5012"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5012\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5014,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5012\/revisions\/5014"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5013"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5012"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5012"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5012"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}