{"id":5019,"date":"2025-04-08T11:27:34","date_gmt":"2025-04-08T11:27:34","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5019"},"modified":"2025-04-08T11:27:34","modified_gmt":"2025-04-08T11:27:34","slug":"5019","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/04\/08\/5019\/","title":{"rendered":""},"content":{"rendered":"<p>Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaan waggaa waggaan kan gaggeeffamu shaampiyoonaan Liigii Olaanaa Itoophiyaa xumuramuuf taphawwan afur qofatu hafa. Shaampiyoonichi adeemsifamaa kan jiru ramaddii lamaan yoo ta\u2019u ramaddii tokkoffaa keessatti kan argamu kilabni Shaggar Siitii taphni afur isa hafus qabxii 45niin ramaddiisaa dursaa jiraachuun gabaafamee tureere. Ramaddii kana keessatti kilaboonni 12 hirmaachaa kan jiran yoo ta\u2019u sadarkaa lammaffaarratti kan argamu Kilabni Beenchi Maajii akkuma Shaggar taphawwan afur isa hafus qabxii 34\u2019n itti aanaa jira.<\/p>\n<p>Kilaboota Liigii Olaanoo Itiyoophiyaa keessatti hirmaachaa kan jiru Kilabni Kubbaa Miilaa Magaalaa Shaggar gara Piriimeer Liigii Itoophiyaatti guddachuu\u00a0 mirkaneeffateera. Taphoota liigii Olaanoo Itoophiyaa torbee 18ffaa taphatameen Magaalaan Shaggar galchii 5 fi 1 n Injibaaraa injifateera. Kilabni Shaggar taphoota hanga ammaatti taphateen qabxii 45 walitti qabachuu taphoonni 4 osoo hafuu Piriimeer Liigii Itoophiyaatti guddachuusaa kan mirkaneeffatedha. Haaluma kanaan taphawwan arfaffaa hafanitti Beenchi Maajiin hundattuu yoo mo\u2019ate qabxii 44 irra waan qubatuuf Shaggar ammoo taphawwan isa hafan mara mo\u2019amus qabxii 45 waan kuufateef shaampiyoonaa ta\u2019uun gara piriimeerii liigii Itoophiyaa bara 2018 kan makamu ta&#8217;a.<\/p>\n<p>Ramaddii lammaffaa keessattis kilaboonni 12 kan argaman yoo ta\u2019u Oromiyaa bakka bu\u2019uun hirmaachaa kan jiru kilabni Nageellee Arsii taphawwan shan isa hafe ramaddii kana qabxii 36\u2019n dursaa jira. Kilabni Alaabaa ammoo haaluma wal fakkaatuun taphawwan shan isa hafe qabxii 33n itti aanaa jira. Ramaddii kanarraa kilaboonni lamaanuu akkuma amma walduraa duuba jiranitti taphawwan isaan hafanitti yoo mo\u2019atan Nageellee Arsii ramaddii kanarraa tokkoffaa waan ta\u2019uuf Shaggar Siitii wajjin gara liigii piriimeer liigii Itoophiyaatti ce\u2019uuf carraan\u00a0 bal\u2019aa qaba tilmaamni jedhu jira.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaan waggaa waggaan kan gaggeeffamu shaampiyoonaan Liigii Olaanaa Itoophiyaa xumuramuuf taphawwan afur qofatu hafa. Shaampiyoonichi adeemsifamaa kan jiru ramaddii lamaan yoo ta\u2019u ramaddii tokkoffaa keessatti kan argamu kilabni Shaggar Siitii taphni afur isa hafus qabxii 45niin ramaddiisaa dursaa jiraachuun gabaafamee tureere. Ramaddii kana keessatti kilaboonni 12 hirmaachaa kan jiran yoo ta\u2019u sadarkaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5020,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[47],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5019"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5019"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5019\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5021,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5019\/revisions\/5021"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5020"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5019"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5019"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5019"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}