{"id":5039,"date":"2025-04-23T11:29:11","date_gmt":"2025-04-23T11:29:11","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5039"},"modified":"2025-04-23T11:29:11","modified_gmt":"2025-04-23T11:29:11","slug":"adeemsi-seera-kabachiisuu-malaanmaltummaarrattis-tauu-qaba-2","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/04\/23\/adeemsi-seera-kabachiisuu-malaanmaltummaarrattis-tauu-qaba-2\/","title":{"rendered":"Adeemsi Seera Kabachiisuu Malaanmaltummaarrattis Ta&#8217;uu Qaba"},"content":{"rendered":"<p>Biyyi malaanmaltummaan itti baballate guddachuu hin dandeessu. Malaanmaltummaan guddina diinagdee, siyaasaafi hawaasummmaa biyya tokko kan duubatti hambisuudha. Addunyaa kanarratti namootni yookiin dhaabbileen daldala dolaara tiriliyona 1.5 ol ta&#8217;u waggaa tokko keessatti matta&#8217;a akka kaffalan ragaaleen yeroo garaagaraa bahan ni mul&#8217;isu. Kun immoo malaanmaltummaan waraana, dhukkubootaafi balaa uumama irra bifa gadi hin taaneen, rakkoo dachee kanaa akka ta&#8217;e agarsistuu guddaadha.<\/p>\n<p>Keessattuu, malaanmaltummaan biyyoota guddataa jiran keessatti, misoomaafi guddinni biyyaa akka qucaru, sirni bulchiinsa mootummaas akka dadhabu, bu&#8217;uuraaleen misoomaa biyyattii keessatti akka hin babal&#8217;anne taasisuun miidhaa guddaa dhaqqabsisaa jira. Malaanmaltummaan tajaajila waajjiraaleen kennan waan laamshessuuf keessumaayyuu lammiilee harka qalleeyyii ta&#8217;an tajaajila haqa qabeessa akka hin arganne dhiibbaa olaanaa irratti umuu ni danda&#8217;a. Gochi kun mootummaanis galii argachuu qabu haala olaanaa ta&#8217;en xiqqeessuu ni danda&#8217;a. Malaanmaltummaan gocha biyya ajjesuu waan ta&#8217;eef xiyyeeffannoon itti laatamee akka waraana seera kabachiisutti tarkaanfiin itti fudhatamuu qaba.<\/p>\n<p>Haata&#8217;umalee gochi kun kan raawwatamu qaamolee hawaasa keessaa bahaaniin waan ta&#8217;ef hawaasichi gama hundaan gocha malaanmaltummaarratti hirmaachuu hin qabu. Malaanmaltoota saaxiluun hojii olaanaa uummataa ta&#8217;uu qaba. Mootummaanis malaanmaltoota uummatichaan saaxilamanirratti tarkaanfii cimaa irratti fudhachuun malaanmaltummaa hiddasaarraa gogsuu qaba. Malaanmaltummaan biyya kan ajjeesu waan ta&#8217;ef akkuma hojiilee mootummaa hundaatti malaanmaltummaafis xiyyeeffannoo laachuun hojiin dhabamsisuu hojjetamuu qaba.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Biyyi malaanmaltummaan itti baballate guddachuu hin dandeessu. Malaanmaltummaan guddina diinagdee, siyaasaafi hawaasummmaa biyya tokko kan duubatti hambisuudha. Addunyaa kanarratti namootni yookiin dhaabbileen daldala dolaara tiriliyona 1.5 ol ta&#8217;u waggaa tokko keessatti matta&#8217;a akka kaffalan ragaaleen yeroo garaagaraa bahan ni mul&#8217;isu. Kun immoo malaanmaltummaan waraana, dhukkubootaafi balaa uumama irra bifa gadi hin taaneen, rakkoo dachee kanaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5040,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[46],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5039"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5039"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5039\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5041,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5039\/revisions\/5041"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5040"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5039"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5039"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5039"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}