{"id":5042,"date":"2025-04-23T11:31:35","date_gmt":"2025-04-23T11:31:35","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5042"},"modified":"2025-04-23T11:31:35","modified_gmt":"2025-04-23T11:31:35","slug":"dhidhiibbaa-ogummaa-aadaa-guddachuu-qabu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/04\/23\/dhidhiibbaa-ogummaa-aadaa-guddachuu-qabu\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Dhidhiibbaa: Ogummaa Aadaa Guddachuu Qabu"},"content":{"rendered":"<p>Jiruufi Jireenya ilma namaa keessatti taatewwan adda addaa yeroo gara yerootti nama mudachuu malu. Gaddaafi gammachuu, dhabuuf argachuufi dhimmootni hedduun kana fakkaatan waan oola hin qabnedha. Nama tahuun amma dachee kana irra lubbuun jiranittis wantoota nama mudachuu danda\u2019an keessaa dhibeen isa tokkodha. Dhukkuboonni sababoota\u00a0 garagaraan kan namatti dhufuu danda\u2019an yoo ta\u2019u dhukkubbii hamaa jedhamuun kan beekaman keessaa tokko cabiinsi lafee miira dhukkubbii jabaa taheen qaama namaa miidhuu kan danda\u2019u dha.<\/p>\n<p>Cabiinsi kunis karaalee adda addaa nama mudachuu kan danda\u2019u yoo tahu, namni otuma deemuu qaamni isaa; buusaa yookiin bakka lafeen walitti qadaadaman wal irraa molqamuufi walbira darbuun, caba lafee ni jedhama. inni biraan ammoo balaa konkolaataafi kufaatii hamaa nama mudachuu danda\u2019uun lafeen gargar cabee miira\u00a0 ulfaataa namatti uumuun akka namni naafa tahuu, tarii ammoo mukaafi meeshaalee biroo qabatee akka socho\u2019uufi sadarkaa qaamni isaa cituu irras gahuu kan hordofsiisudha.<\/p>\n<p>Balaan kun yeroo durii irraa eegalee hanga har\u2019aatti bifa aadaan yaaliin yeroo itti taasifamaa tureefi jiru yoo tahu, yeroo hedduu namni ogummaa Kanaan beekamus \u201cDhidhiibduu\u201d jedhamuun waamamu. Bulchiinsa magaalaa Kamiseettis abbaa qorichaa rakkoo kanaa tahuun waggoota 20\u2019 oliif kan tahu hawaasa bal\u2019aaf furmaata tahuu irratti kan argaman Obbo Mahammad Zeeynii jedhamu. Hojii ogummaa nama dhidhiibuu Kanaan haala addaan kan beekamtii argatan yoo tahu, jiruufi jireenya isaanii ogummaa Kanaan maatii isaanii gaggeessuu irratti akka argaman yaada isaanii nuuf qoodaniiru.<\/p>\n<p>Ogummaan adda addaa barnoota idileen darbee darbee ammoo maatii irraa dhaaluun kan argamu yoo tahu obbo Mahaammad, wanti adda isaan taasisu garuu ogummaa kana abjuu (manaabaan ) isaaniin akka itti mullatedha. Irra deddeebiin manaabaan erga arganii booda gara hojiitti hiikuu dubbataniiru. Ogummaa dhidhiibuun nama bu\u2019aa kennu kana barbaachas nannawaa magaalaa Kamisee irraa eegaluun gandootaafi aanoota godinichaa hunda keessa, magaalota gurguddoo Dasee, Kombolchaa, Addis Ababaafi Biyya Afirikaa Yugaandaa irraa bakka kana dhufuun fayyanii akka deebi\u2019anis odeeffanneerra.<\/p>\n<p>Dhugumatti baayyinni namootaa bakka kanatti balaan cabuu xixiqqaa hanga\u00a0 mulqamuu lafee olaanaatti jiruufi daa\u2019ima xiqqaa hanga dullummaatti wal gahan dhugummaafi jabina hojii ogummaa Obbo Mahammadiif ragaa bahaniiru. Taatee biraan nama hojii ogummaa kanaan beekame kana adda godhu, guutummaa qaama namaa harkaan qaqqabanii fayyummaa qabaachuufi dhabuu isaa beekuu isaaniiti. Mana yaalaa irraa dadhabamuun yaalii dhidhiibbaaf gara isaanii dhufuun kan fayyanis lakkoofsi isaanii danuudha. Akkasumas ofii isaanii dhidhiibuun yaalii kennuu kan hin dandeenye harkaan qaqqabanii ilaaluun gara hospitaalaa akka isaan deemaniif osoo isaan nama gorsaniis argineerra. Maalif jennee yoo gaafannus \u201charka kiyyaan qaqqabeen beeka, kun anaan hin yaalamu hospitaala gurguddaatti sibiilaan yoo hidhame malee jedheen kallattiifi gorsa kennaaf\u201d jechuun nuuf deebisaniiru.<\/p>\n<p>Guyyaa gara guyyaatti namoota 80\u2019f isaa oliif yaalii kan taasisan yoo tahu, namootni bakka kana dhufanis hedduun isaanii barbaaduun magaalota biraa irraa, akkasumas yeroo lamaafi isaa ol tajaajila kana barbaacha as akka dhufanis nii himu. Dargaggoo Ahimad Huseen yeroo lammaffaa isaaf bakka kanatti osoo dhidhiibamaa jiru argine. Dargaggoon kun \u201cobbo Mahaammad jechuun qoricha namaati\u201d\u00a0 jedheera. Yeroo hedduu yoon cabe homaa yaaddoo hin qabu kan jedhu dargaggoon kun magaala Kamisee waanan jiraadhuuf\u00a0 battalumattin dhufee dhidhiibbachuun fayyee deebi\u2019a jechuun yaada isaa nuuf laateera.<\/p>\n<p>Obbo Siraak Zannabee, jiraataa magaalaa Kombolchaa yoo ta\u2019an, nama hojii ogummaa qabu kana barbaacha akka dhufan dubbatu. \u2018\u2019Namni ogummaa akkasii qabu hedduu jajjabeeffamuu qabu, \u00a0yaalii argachuuf bakkeewwan hedduu deemuun fayyuu akka hin dandeenye, garuu bakka kanatti battaluma dhufeen bakka caba kiyya qaqqabanii arguun lafee koo wal irraa mulqamee ture bakkatti deebisan\u2019\u2019 jedhu. Hojiin ogummaa Kanaan faayidaa guddaa hawaasaaf buusaa kan jiran obbo Mahaammad, bakka hojii dhaabbataafi mijataa tahe akka hin qabne argineerra. Namootni dhidhiibbaaf dhufanis bakkee keessaa, daandii irraafi mana namaa jalatti osoo dhidhiibanii taajjabne. Akka Waajjira Aadaafi Tuurizimii Bulchiinsa Magaalaa Kamiseetti rakkoon kun maaf hin furamne jechuun yaada kaafneef waajjirichatti ogeessi aadaa obbo Mahammad Yimam, ammaan dura hojii ogummaa kanaaf xiyyeeffannoo gahaa kennaa akka hin turreefi karoora isaaniin irrati fuulleffachuuf hojii manaa guddaa nurraa eegama jedhaniiru<\/p>\n<p>Itti gaafatamaan Qajeelcha Aadaafi Tuurizimii Bulchiinsa Sablammii Oromoo, Obbo Ahimad Ibraahim, \u201chojii ogummaa kanaan hawaasni keenya faayidaa guddaa argachaa waan jiruuf, qaama dhimmi isaa ilaallatu waliin tahuun bakki hojii mijataa tahee akka kennamuu ni hojjenna; namoota hojii ogummaa adda addaa qaban kana cimsuufis karoora qabannee jirra\u201d jedhaniiru.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Jiruufi Jireenya ilma namaa keessatti taatewwan adda addaa yeroo gara yerootti nama mudachuu malu. Gaddaafi gammachuu, dhabuuf argachuufi dhimmootni hedduun kana fakkaatan waan oola hin qabnedha. Nama tahuun amma dachee kana irra lubbuun jiranittis wantoota nama mudachuu danda\u2019an keessaa dhibeen isa tokkodha. Dhukkuboonni sababoota\u00a0 garagaraan kan namatti dhufuu danda\u2019an yoo ta\u2019u dhukkubbii hamaa jedhamuun kan [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5043,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5042"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5042"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5042\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5044,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5042\/revisions\/5044"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5043"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5042"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5042"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5042"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}