{"id":5045,"date":"2025-04-23T11:32:54","date_gmt":"2025-04-23T11:32:54","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5045"},"modified":"2025-04-23T11:32:54","modified_gmt":"2025-04-23T11:32:54","slug":"malaanmaltummaa-xiqqeessuuf-itti-gaafatamummaa-mirkaneessuu-gaafata","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/04\/23\/malaanmaltummaa-xiqqeessuuf-itti-gaafatamummaa-mirkaneessuu-gaafata\/","title":{"rendered":"Malaanmaltummaa Xiqqeessuuf Itti Gaafatamummaa Mirkaneessuu Gaafata"},"content":{"rendered":"<p>Malaanmaltummaan gareen yookiin namni dhunfaan tokko\u00a0 aangoosaa fayyadamee,\u00a0 faayidaa ittiin hin dadhabneefi hin barbaachifne argachuuf\u00a0 gocha dhoksaan raawwatamudha. Bakki osoo hin daangeessin iddoo kamittuu dhoksaan raawwatamuu kan danda&#8217;u gocha seeraan alaati. Malaanmaltummaa maallaqa saamuu yookaan matta\u2019a fudhachuu qofaa miti; qaamnii itti gaafatamaan ramadame tokko itti gafatamummaa isaa fedhii mataa isaaf yoo taasiisee yookaan itti gaafatamummaa isaa fayyadamee hojii hin malle yoo hojjete, malaanmaltummaadha jedhame amanama.<\/p>\n<p>Malaanmaltummaan guddina diinagdee, siyaasaafi hawaasummmaa biyya tokko kan duubatti hambisuudha.\u00a0 Addunyaa kanarratti namootni yookiin dhaabbileen daldalaa dolaara tiriliyona 1.5 ol\u00a0 ta&#8217;u waggaa tokko keessatti matta&#8217;a\u00a0 akka kaffalan ragaaleen yeroo garaagaraa bahaan ni mul&#8217;isu. Kun immoo malaanmaltummaan waraana, dhukkubootaafi balaa uumama irra bifa gadi hin taaneen, rakkoo dachee kanaa akka ta&#8217;e agarsistuu guddaadha. Keessattuu, malaanmaltummaan biyyoota guddataa jiran keessatti,\u00a0\u00a0 misoomaafi guddinni biyyaa akka qucaruu,\u00a0 sirni bulchiinsa mootummaas akka dadhabu,\u00a0 bu&#8217;uuraaleen misoomaa biyyattii keessatti akka hin babal&#8217;anne taasisuun miidhaa guddaa dhaqqabsisaa jira.<\/p>\n<p>Dargaggoo jiraataa magaalaa Kamisee, maqaan isaa akka ibsamu hin barbaanne tokko,\u00a0 &#8220;yeroo ammaa harka wayyaa jalaan yoo deemte malee dhaabbilee tokko tokko keessatti tajaajila si&#8217;ataa ta&#8217;e argachuun rakkisaadha\u2019\u2019 jedheera.\u00a0 Rakkoo kana hundaaf sababa guddaa kan ta&#8217;e\u00a0 immoo mootummaan itti gaafatamuummaa mirkaneessuu dhabuusaatin akka ta&#8217;e himeera. Mootummaan malaanmaltummaa ittisuuf imaammataawwan garaagaraa baasuun hojiilee hedduu hojjechaa jiraatus, tarkaanffiin gama kanaan fudhatamuufi kutannoon jiru gadii aanaa ta&#8217;uu\u00a0 dubbateera. Gama malaanmaltummaa qabsaa\u2019uurratti hawaasa birattis rakkoon jiraachuu dargaggoon maqaansaa akka ibsamu hin barbaanne kun dubbachuun hawaasni mirga isaa gaafachuuf harkaan deemuu yookiin matta&#8217;a kaffaluu hin qabu jedheera.<\/p>\n<p>Naannoo Amaaraa bulchiinsa sablammii Oromootti malaanmaltummaa ittisuudhaaf hojiileen hedduu hojjetamaa jiraachuu Qajeelcha Haqaa bulchiinsa sablammii Oromootti, abbaan adeemsa hojii farra malaanmaltummaa, obbo Huseen Adam himaniiru. Malaanmaltummaan\u00a0 namni dhunfaan yookiin gareen tokko qabeenya kan isaa\u00a0 hin taane, kan ittin hin dafqinee argachuuf\u00a0 gocha karaa seeraan alaa raawwatamudha jechuun himaniiru. Dabalataanis,\u00a0 hojii mootummaa qajeelfamaan ala hojjechuun illee akka malaanmaltummaatti kan lakka&#8217;aamuu ta&#8217;uu hubachisaniiru.<\/p>\n<p>Rakkoon nageenyaa naannichatti muudate,\u00a0 hojiin haala barbaadameen akka hin hojjetamne taasisuun, hojiiwwan hojjetaman irrattis yeroo yeroodhaan qorannoo akka hin taasifne,\u00a0 haallii nageenyaa gufuu ta&#8217;uun malaanmaltummaafi hojmaatni badaa akka babal&#8217;atu taasisee jira jedhaniiru. Qaama badii raawwate\u00a0 tokko gara seeratti fiduun,\u00a0 tarkaanfiin\u00a0 bulchiinsaas ta&#8217;e tarkaanffiin seeraa akka irratti hin fudhatamne taasisuun haalli nageenyaa malaanmaltummaaf haala mijataa uumee jiraachuu yaadasaani nu qoodaniiru. Haala barbaadameen qaama badii raawwate qabsiisuufi ragaa dhiheessuu irratti\u00a0 banaa guddaa uumuus kaasaniiru. Hojii hojjetameef hanga sadarkaa gadiitti bu&#8217;uun qorannoo cimaa taasisuun rakkisaa ta&#8217;u kan kaasan obbo Hasan, walumaa galaatti rakkoon nageenya qaamolee hanna irratti bobba&#8217;aniif\u00a0 haala mijataa uumeeraaf jedhaniiru.<\/p>\n<p>&#8220;Bulchiinsa sablammichaatti,\u00a0 malaanmaltummaafi hojmaataa badaa ittisuuf, kanaan dura kutaalee hawaasaa hedduuf hanga sadarkaa gaditti bu&#8217;uun hubannoon kennamaa turu himanii, yeroo ammaa garuu sababa rakkoo nageenyaatiin hanga sadarkaa gaditti bu&#8217;uun dhaqqabamaa taasisuuf qormaata guddaa nutti ta&#8217;eera&#8221; jedhaniiru. Haata&#8217;u malee\u00a0 hawaasa naannawa magaalaafi seektaroota mootummaa hundaaf hojiin hubannoo uumuufi miidhaa malaanmaltummaan biyyaafi uummata irratti dhaqqabsisaa jiru hubachisuun danda&#8217;amu dubbataniiru. Qaamolee malaanmaltummaafi hojmaata badaa raawwatan gara seeratti fiduun itti gaafatamummaa mirkaneessuufi\u00a0 qabeenya saamame deebisisuuf bulchiinsi sablammiichaa hojjechaa jiraachuu hubachisaniiru.<\/p>\n<p>&#8220;Qaamolee malaanmaltummaa waliin walqabate himanni irratti banamee ture,\u00a0 galmeen\u00a0 bara 2016 keessa gara 2017 naanna&#8217;ee galmeen 19 dabalate walumaagalatti galmee 29 qabanne mana murtitti falmaa turre&#8221;\u00a0 jedhaniiru. Kana keessaa himatamaan tokko\u00a0 hojii mootummaa gadhisee, biyya alaa bahuu isaatiin galmeen tokko kan cufame yoo ta&#8217;u, galmeen kan biraan immoo ragooleen dhiyaachuu dhabuun galmeen sun cufamuu danda&#8217;u hubachisaniiru. Galmeewwan sagal irratti immoo qaamolee malaanmaltummaa hojjetan\u00a0 adabsisuun danda&#8217;amu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Kana keessaa birrii miliyoona 1.8 bajata mootummaa irraa fudhatame ture deebisisuun danda&#8217;amuufi himatamaanis,\u00a0 adabbiin seeraa waggaa sadiif birrii 5000\u00a0 itti murtaa&#8217;e mana sirreessaa akka jiru mirkaneessaniiru. Adabbiin kun kan salphateefis maallaqicha guutummaan guutuutti\u00a0 waan deebiseef ta&#8217;uu ibsaniiru.\u00a0 Qaamoleen hafanis balleessanii waan argamaniif hidhaan adabamuu himaniiru. Namootni sadii immoo seeratti dhihaatanii bilisa jedhamuun galmeen isaanii cufamuu eeraniiru. Galmeewwan 13 hafan immoo adeemsa irra jiraachuu abbaan adeemsa farra malaanmaltummaa bulchiinsa sablammichaa ibsaniiru.<\/p>\n<p>Walumaa galaatti malaanmaltummaa ittisuu keessatti rakkoo guddaan hawaasa bira jiru saaxilu sodaachuu ta&#8217;uu himanii, kanneen eeruu kennanis yeroo ragaan barbaadamu dhiyaachuu dhabuun rakkoo guddaa ta&#8217;uu ibsaniiru. Qaamolee eeruufi ragaa ta&#8217;aniifis iccitiin isaanii akka eegamuufi akka nageenyi isaanii eegamu taasifamaa jiraachuu kan himan obbo Huseen, kanaanis hawaasni shakkiifi sodaa qabu dhiisuun qaamolee malaanmaltumnaafi hojmaata badaa raawwatan saaxiluun gahee isaarraa eegamu bahachuu akka qabu hubachisaniiru.<\/p>\n<p>Bakka rakkooleen nageenyaa jiruttis, malaanmaltummaa ittisuuf hojii hubannoo\u00a0 uumuu gama bakka bu&#8217;aa hawaasaatiin kennuu, bilbilaan hordofuu, haala ittiin hojjetan qajeelfama kennuu, gorsuufi pooliisiin deeggarsa akka kennu taasisuun hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Malaanmaltummaan safuu hawaasaa kan cabsuu waan ta&#8217;ef dhaloota gocha kana balaaleffatu uumuuf hojii guddaan hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru. Hojii ittisa malaanmaltummaa hojjetamaa jiru kanaan qaamoleen callisaa bulchinsa sablammichaa, waajjiraaleen lafaa,\u00a0 dhaabbileen faayinaansiifi dhaabbileen haqaa hirmaannaa olaanaa taasisuu himaniiru.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Malaanmaltummaan gareen yookiin namni dhunfaan tokko\u00a0 aangoosaa fayyadamee,\u00a0 faayidaa ittiin hin dadhabneefi hin barbaachifne argachuuf\u00a0 gocha dhoksaan raawwatamudha. Bakki osoo hin daangeessin iddoo kamittuu dhoksaan raawwatamuu kan danda&#8217;u gocha seeraan alaati. Malaanmaltummaa maallaqa saamuu yookaan matta\u2019a fudhachuu qofaa miti; qaamnii itti gaafatamaan ramadame tokko itti gafatamummaa isaa fedhii mataa isaaf yoo taasiisee yookaan itti gaafatamummaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5046,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5045"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5045"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5045\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5047,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5045\/revisions\/5047"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5046"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5045"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5045"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5045"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}