{"id":5062,"date":"2025-05-08T12:46:39","date_gmt":"2025-05-08T12:46:39","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5062"},"modified":"2025-05-08T12:46:39","modified_gmt":"2025-05-08T12:46:39","slug":"warraaqsi-itoophiyaan-haa-oomishtuu-buaa-qabatamaa-fida-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/05\/08\/warraaqsi-itoophiyaan-haa-oomishtuu-buaa-qabatamaa-fida-jira\/","title":{"rendered":"Warraaqsi Itoophiyaan haa oomishtuu\u00a0 bu&#8217;aa qabatamaa fida jira"},"content":{"rendered":"<p>Warraaqsa Itoophiyaan haa oomishtuutti waggoottan sadan darbanitti jijjiiramni qabatamaan\u00a0galmaa&#8217;uu ministeerri Indaastirii Malaakuu Alabal dubbataniiru. Ekispoo Itoophiyaan haa oomishtuu 3ffaan\u00a0gidduu galli konveenshinii haaraan banameera. Sirna baninsa ekispoorratti muummee ministeera Abiy Ahimad dabalatee aanga&#8217;oon olaanoo mootummaa federaalaa argamaniiru. Ekispoo Itoophiyaan haa oomishtu kanarratti gogaafi bu&#8217;aaleen gogaa, oomishawwan huccuu, nyaataafi bu&#8217;aalee hojii mukaa,\u00a0 keemikaalaafi\u00a0oomishawwan indaastirii adda addaa dhihaachuu ministeerri Indaastirii Malaakuu Alabal himaniiru.<\/p>\n<p>Sochiin Warraaqsa Itoophiyaan haa oomishtuu, oomishawwan alaa galan oomishaawwan\u00a0qulqullina qaban kan biyya keessaan bakka buusuuf faayidaa olaanaa qabaachuu eeraniiru. Carraa hojii bal&#8217;aa uumuun diinagdee biyyatti guddisuuf hojii eegalame ta&#8217;us kaasaniiru. Warraaqsa Itoophiyaan haa oomishtuun, indaastiriiwwan biyya keessa dandeettiin oomishuu isaanii akka cimuu taasisaa akka jiru ibsaniiru.<\/p>\n<p>Oomishawwaan Indaastirii hojii dhaabani turan gara hojiitti akka galaniif hojjetamaa jiraachuus himaniiru. Oomishawwan alaa bakka bu&#8217;an, biyya keessaaf dhiheessuun bira darbee, gabaa biyya alaaf dhiheessuuf dameen oomishaa akka dadammaquuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira. Oomishawwan garaagaraa gosaan, qulqullinaafi baay&#8217;inaan guddisuun ekispoo irratti dhiheessuun danda&#8217;amu ministeerichi kaasaniiru. Kaayyoon ekispoo Itoophiyaan haa oomishtuu, oomishawwan Itoophiyaa beeksisu, carraa gabaa dabalataa bal&#8217;isuu, ce&#8217;umsa teekinoloojii, carraa muxannoo walii jijjiiruu uumuu, rakkoolee oomishawwan industrii hiikuu, kalaqaa jajjabeessuu, bu&#8217;aawwan kalaqaa gabaa akka argatan gochuufi qulqullina oomishawwanii fooyyessuu akka ta&#8217;e ibsaniiru. Ekispoo Itoophiyaan haa oomishtu kanarratti, oomishawwan indaastirii 280 ol ni hirmaatu; bittaafi gurgurtaan birri biliyoona afurii ol ni raawwatamaa jedhames eegama.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Warraaqsa Itoophiyaan haa oomishtuutti waggoottan sadan darbanitti jijjiiramni qabatamaan\u00a0galmaa&#8217;uu ministeerri Indaastirii Malaakuu Alabal dubbataniiru. Ekispoo Itoophiyaan haa oomishtuu 3ffaan\u00a0gidduu galli konveenshinii haaraan banameera. Sirna baninsa ekispoorratti muummee ministeera Abiy Ahimad dabalatee aanga&#8217;oon olaanoo mootummaa federaalaa argamaniiru. Ekispoo Itoophiyaan haa oomishtu kanarratti gogaafi bu&#8217;aaleen gogaa, oomishawwan huccuu, nyaataafi bu&#8217;aalee hojii mukaa,\u00a0 keemikaalaafi\u00a0oomishawwan indaastirii adda addaa dhihaachuu [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5063,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5062"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5062"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5062\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5064,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5062\/revisions\/5064"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5063"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5062"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5062"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5062"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}