{"id":5072,"date":"2025-05-08T12:54:46","date_gmt":"2025-05-08T12:54:46","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5072"},"modified":"2025-05-08T12:54:46","modified_gmt":"2025-05-08T12:54:46","slug":"doonaaldi-tiraampi-fiilmiiwwan-alaarratti-taarifaa-dhibbantaa-100-kaaan","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/05\/08\/doonaaldi-tiraampi-fiilmiiwwan-alaarratti-taarifaa-dhibbantaa-100-kaaan\/","title":{"rendered":"Doonaaldi Tiraampi fiilmiiwwan alaarratti taarifaa dhibbantaa 100 kaa&#8217;an"},"content":{"rendered":"<p>Pirezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraampi erga marsaa lammaffaaf gara aangoo pirezidaantummaatti dhufanii asitti, biyyoota garaagaraa irratti qarata dabalataa muraa jiraachuu itti fufaniiru. Biyyoota addunyaa waliin waraana daldalaa hamaa taasisaa kan jiran pirezidaantichi, imaammata daldalaa biyyattii hojiirra oolchuuf bu\u2019uurri akka diriiru ajaja dabarsaniiru.<\/p>\n<p>Pirezidaantichi, &#8221;Indaastirii fiilmii USA\u00a0 guddicha \u201bHollywood\u2019 baraaruuf fiilmiiwwan biyyoota biroo Ameerikaa keessatti daawwataman irratti qarata dhibbantaa100 nan dabala&#8221; jedhaniiru. Pirezidaantichi indaastiriin fiilmii Ameerikaa &#8221;saffisaan du&#8217;aa jira&#8221; jechuun biyyoonni biroo &#8221;deggarsa kennuun hojjettoota fiilmiifi istuudiyoo hawwachuuf tattaaffii qindoominaan taasisaa jiran&#8217; akka sababaatti kaasaniiru.Tattaaffii qindoominaa biyyoonni kun taasisaa jiran &#8221;sodaa nageenya biyyaalessaadha&#8221; jechuun kan ibsan Pirezidaantichi, taatowwan fiilmii barootaaf fiilmii Hooliwuud irratti xiyyeeffachuun hojjetaa turan amma gatii salphaa barbaaduuf gara UK fi Kaanaadaa deemaa akka jiran beeksisaniiru.<\/p>\n<p>Pirezidaanti Tiraampi \u201cIndaastiriin Fiilmii Ameerikaa haala baay\u2019ee saffisaa ta\u2019een du\u2019a jira; biyyoonni biroo hojjettoota fiilmiifi istuudiyoo U.S. irraa fageessuuf kaka\u2019umsa gosa hunda dhiheessaa jiru\u201d jechuun komataniiru. Tiraampi fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii &#8220;Truth Social&#8221; jedhu irratti ergaa dabarsaniin, &#8221;fiilmiiwwan Ameerikaa keessatti hojjetaman ammas akka hojjetaman arguu barbaanna&#8221; jedhaniiru.<\/p>\n<p>Ergaa kana hordofuun Ministirri Daldalaa biyyattii &#8216;Hawwaard Luutiniki&#8217;bifa daballii taarifa kanaa adda baasuuf hojjechaa jiraachuusaa BBC&#8217;n gabaaseera. Waayit Haawus fedhii pirezidaantichaa akkamitti akka eegu qaburratti ibsa baaseera. &#8221;Taarifa fiilmii biyyoota alaarratti murtoon dhumaa murtaa\u2019uu baatus, bulchiinsi qajeelfama Pirezidaanti Tiraampi nageenya biyyaalessaafi diinagdee biyya keenyaa eeguuf kanneen raawwachuuf filannoowwan hunda qorachaa jirra jedhan. Akkasumas manneen fiilmii keessatti fiilmoonni Ameerikaan oomishaman gabaa biyya keessaa irratti baay\u2019inaan olaantummaa guddaa qabu.<\/p>\n<p>Chaayinaan oomisha fiilmii biyya keessaa ishee guddiftee, fiilmii animation blockbuster bara kana doolaara biiliyoona 2 ol galmeessisuun sadarkaa olaanaarra geesseetti. Ameerikaa Kaabaa ammoo doolaara miiliyoona 20.9 argatte. Niwuuzerlaanditti, mootummoonni walduraa duubaan waggoota dhihoo asitti fiilmiiwwan Hooliwuud gara biyyattiitti harkisuudhaaf deebiifi onnachiiftuu dhiheessan keessatti, indaastiriin fiilmii galii turizimii doolaara biliyoonaan lakkaa\u2019amu kan argamsiise fiilmiiwwan \u201cLord of the Rings\u201d fi \u201cHobbit\u201d jedhamanidha.<\/p>\n<p>Dhiheenya kana fiilmiin beekamaan \u201cMinecraft\u201d jedhamu guutummaatti Niwuuzeraanditti kan waraabame yoo ta\u2019u, oomishoonni U.S. bara 2023 tti doolaara Niwuuzerlaand doolaara biliyoona 1.3 biyyattiif kan argamsiise yoo ta\u2019u, kunis deggarsa doolaara Niwuzerlaandi miiliyoona 200 akka argattu ragaan ni mul\u2019isa. Muummichi ministeeraa Niwuuzerlaand Kiriistoofar Luksan tarkaanfiiwwan Tiraamp fudhatan kana irratti yaada kennuu isaanii dura bal\u2019inaan eegaa\u00a0 turaniiru. Garuu Holiiwuud Hindii dabalatee hojjettoota fiilmii biyya alaa jiraniif dhiheessuu itti fufu jedhaniiru.\u00a0 \u201cIndustirii sadarkaa addunyaa guutuu qabu qabna,\u201d jedhan.\u00a0 \u201cKun bakka fiilmii hojjechuuf hunda caaludhas jedhaniiru.Dhimma kana ilaalchisuun, Waldaan Sochii Fiilmii istuudiyoo fiilmii gurguddoo U.S fi tajaajila tamsaasaa bakka bu\u2019u battalumatti deebii hin kennine.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Pirezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraampi erga marsaa lammaffaaf gara aangoo pirezidaantummaatti dhufanii asitti, biyyoota garaagaraa irratti qarata dabalataa muraa jiraachuu itti fufaniiru. Biyyoota addunyaa waliin waraana daldalaa hamaa taasisaa kan jiran pirezidaantichi, imaammata daldalaa biyyattii hojiirra oolchuuf bu\u2019uurri akka diriiru ajaja dabarsaniiru. Pirezidaantichi, &#8221;Indaastirii fiilmii USA\u00a0 guddicha \u201bHollywood\u2019 baraaruuf fiilmiiwwan biyyoota biroo Ameerikaa keessatti daawwataman irratti [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5073,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[42],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5072"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5072"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5072\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5074,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5072\/revisions\/5074"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5073"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5072"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5072"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5072"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}