{"id":5075,"date":"2025-05-08T12:58:06","date_gmt":"2025-05-08T12:58:06","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5075"},"modified":"2025-05-08T12:58:06","modified_gmt":"2025-05-08T12:58:06","slug":"bakka-dhibeewwan-hedduuf-dawaa-tae-bishaan-hoaa-borkannaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/05\/08\/bakka-dhibeewwan-hedduuf-dawaa-tae-bishaan-hoaa-borkannaa\/","title":{"rendered":"Bakka Dhibeewwan Hedduuf Dawaa Ta&#8217;e: Bishaan Ho&#8217;aa Borkannaa"},"content":{"rendered":"<p>Dachee Seenaati Yeroo Jedhamu waa malee miti. Miidhaga lafaafi nama ishee, tokkummaafi jaalalli bakka itti mul&#8217;atu, dirree hawwata Tuurizimii hedduu qabduu, iddooleen seena qabeeyyii waggoota hedduu lakkoofsisan danuu kan qabdu, bulchiinsa Sablammii Oromoo qabeenya uumamaan uumaan ganama badhaaseefi iddoolee hawwata seena qabeessa ta\u2019uun baroota hedduu dura harka namaan kalaqaman ijaaraman hedduutu keessatti argama.<\/p>\n<p>Iddoolee kennaa uumaan badhaase kanneen keessaas, bishaan ho\u2019aa Borkannaa isa tokkodha. Fageenya dhihoo magaalaa Kamisee irratti kan argamu bishaan ho\u2019aan Borkannaa, akkaataan moggaasa maqaa isaas, lagni guddichi Borkannaa naannawaa bishaan ho\u2019aa Kanaan Sulula Caffaan faayamee kan jiru ta\u2019uu isaa irraa dhufuun akka moggaafametu dubbatama. Ganama irraan, hurki bishaan kana irraa samiitti ol hurku, naannawaa sanaaf miidhaga addaa kan kennudha. Yeroo lafti ho\u2019aa deemtus hurki samiif dachee sulula caffaaf simboo tahe kun suuta suuta gadhiisaa adeema.<\/p>\n<p>Amala bishaanii tahuun kan beekamu qabbanaa\u2019uu yookiin diilalla&#8217;uu yoo ta\u2019u, Borkanna yoo deemtan garuu bishaan lafa keessaa ol danfuufi yoo harkaan tuqtan illee qaama namaatti haalan kan ho\u2019u ta\u2019uun isaa, hojii uumaafi kennaa isaa akka dinqisiifannuuf sababa guddaa nuuf ta\u2019a.<\/p>\n<p>Aanaa Dawaa Caffaa ganda Hijiraa keessatti kan argamu bishaan ho\u2019aa Borkannaa, faayidaa inni hawaasa naannawichaaf kennuu irratti argamu hedduudha. Lafa barii iyya handaaqqoo irraa eegaluun Ho\u2019a bishaan Kanaan qaama ofii dhiqachuun jiraattota naannawaa sanaa biratti taatee aadeefatamedha. Daa\u2019ima umuriin xiqqaa irraa eegaluun hanga jaarsa umuriin dulloomeettis ganama subii irraa eegaluun bakka kanatti osoo wal gahanii qaama dhiqatanii, akkasumas uffata miiccatanii argine. Ijoollennis namoota umuriin dullooman harka qabanii suuta adeemsisaa akka qaama dhiqatuuf fidanii dhufu, boodarra yoo lafti ho\u2019itu hunduu bakka hojiifi manaa isaaniitti dacha\u2019u.<\/p>\n<p>Bishaan ho\u2019aa Borkannaatti fayyadamuuf yeroo tokkoof illee namni bakka sanaa akka hin dhibamneefi baay&#8217;inni namootaa garuu ganama irra akka heddummatu argine. Ijoolleen shamarraniifi dubartootaas bishaan ho\u2019aa kanatti haalaan dhimmi bahu. Kunis bishaan ho\u2019aan kun bakka lamatti addaan qoodamuun akka itti fayyadaman taasisuunidha. Obbo Mahaammad Aliyyii, namoota guyyuun bishaan ho\u2019aa kanatti gargaaramu ta\u2019uu nuuf qoode. \u201cBishaan ho\u2019aa Borkannaa kanatti fayyadamuun dhukkubni irraa hin fayyamne hin jiru.<\/p>\n<p>Namni hedduun bakka kanatti dhibee irraa fayyuun bilisa tahe deebi\u2019a.\u201d jedhan. Asitti qaama dhiqadhee yeroo gara mana kiyyaa galuu, fedhiin nyaata nyaachuuf qabu illee ni dabala kan jedhu obbo Mahaammad, yoon torbanitti guyyoota sadii ol hin dhiqanne miirri gaariin natti hin dhagahamu jechuun dubbatu. Obbo kumaa Araarsaa Waajjira Aadaafi Tuurizimii aanaa Dawaa Caffaatti Abbaa Adeemsaafi Ogeessa Aadaa yoo ta\u2019an, bishaan ho\u2019aa Borkannaa bakka yaalaa guddicha nuti qabnudha jechuun bakka kana ibsu. Hawaasni naannawaa kanaafi bakkee biraa irraa illee asitti argamuun bishaan kanaan qaama isaa dhiqachuun qofa dhibee irra bilisa ba\u2019a jedhaniiru. Ogeessi aadaa kun, dhibeewwan sasalphaafi gurguddaa gogaa qaama namaa irratti mudatan, dhukkuba dhaqnaa nyaataafi caccabsaa dabalatee, dhibeen hedduun bakka kanatti irraa ni fayyama jechuun yaada nuuf qoodan.<\/p>\n<p>Obbo Nuuruu Mahaammad Itti gaafatamaa Waajjira Aadaafi Tuurizimii Aanaa Dawaa Caffaati. Kennaa uumaa ganamaan bishaan ho\u2019aa Borkannaa faayidaa dachaa nuuf kennaa jira jedhu. Qulqullina bakka kanaa eegsisuuf hanqinni jiraachuu isaafi ammaan dura seerri bakka kanaaf bahee akka turee dubbatu. Namootni bakka sanatti fayyadaman wantoota dhiqannaaf itti gargaaraman qarqara bishaanichaatti gatuun qulqullina bakka kanaaf rakkoo taheera yeroo itti aanuttis kana irratti hojjechuuf karoorfanneerra jedhan.<\/p>\n<p>Suurraa Iddoosaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dachee Seenaati Yeroo Jedhamu waa malee miti. Miidhaga lafaafi nama ishee, tokkummaafi jaalalli bakka itti mul&#8217;atu, dirree hawwata Tuurizimii hedduu qabduu, iddooleen seena qabeeyyii waggoota hedduu lakkoofsisan danuu kan qabdu, bulchiinsa Sablammii Oromoo qabeenya uumamaan uumaan ganama badhaaseefi iddoolee hawwata seena qabeessa ta\u2019uun baroota hedduu dura harka namaan kalaqaman ijaaraman hedduutu keessatti argama. Iddoolee kennaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5076,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5075"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5075"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5075\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5077,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5075\/revisions\/5077"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5076"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5075"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5075"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5075"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}