{"id":5087,"date":"2025-05-08T13:09:24","date_gmt":"2025-05-08T13:09:24","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5087"},"modified":"2025-05-08T13:09:24","modified_gmt":"2025-05-08T13:09:24","slug":"ispoortiiwwan-aadaa-xiyyeeffannoo-barbaadan","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/05\/08\/ispoortiiwwan-aadaa-xiyyeeffannoo-barbaadan\/","title":{"rendered":"Ispoortiiwwan aadaa: Xiyyeeffannoo barbaadan"},"content":{"rendered":"<p>Aadaan misoomaafi guddina biyya tokkoo keessatti shoora olaanaa taphata. Gochaawwan aadaa mul\u2019isan haala jireenya ummatichaarratti bu\u2019uureffachuun kallattiiwwan adda addaan mul\u2019achuu danda\u2019u. Kanneen keessaa ispoortiin aadaa isa tokko. Ispoortiin aadaa bu\u2019uura ispoortii ammayyaadha. Ispoortiin ammayyaa Itoophiyaa keessatti jalqabuun duratti bal\u2019inaan adeemsifamaa kan ture ispoortii aadaadha. Haata\u2019u malee hanga ammaatti seerriifi dambiin baheefi giddugaleessaan uummata hunda biratti baratamanii dorgommiif dhihaachaa kan jiran akaakuuwwan ispoortii 11 qofa.<\/p>\n<p>Waggoota dheeraadhaaf uummata biratti hordofamaa kan turan ispoortiiwwan kanneen akka gulufa fardaafi sharxii, korboo, qillee wallaansoo, saddeeqa abbaa boolla 12 fi 18 yoo ta\u2019u, yeroo dhihoodhaa as ammoo ispoortiiwwan kanneen akka xiyya, bubii, shaahiifi urrubbee jedhaman itti dabalamuun gaggeeffamaa jiru. Itoophiyaatti farda yaabbachuun akka ispoortii aadaa ta&#8217;ee kan ilaalamu ta&#8217;us, fardeen garuu lammiilee Itoophiyaaf beeylada dorgommii ispoortii aadaa qofa miti. Seenaa ulfina qabeessa Itoophiyaanonni injifannoo Adwaatti galmeessaniif kanneen biroo dabalatee fardeen gahee olaanaa taphachuun isaanii ni yaadatama. Itoophiyaa keessatti dorgommiin ispoortii aadaa guluffii fardaa guutummaatti qajeelfama ta\u2019uu baatus ayyaanota adda addaa irratti agarsiisa fardaafi dorgommiin farda yaabbachuu yeroo geggeeffamu ni mul&#8217;ata.<\/p>\n<p>Fakkeenyaaf, agarsiisaa dorgommii fardaa waggaa waggaan Waldaa Fardeen Agawuun gaggeeffamu, yeroo ayyaana marqooriyoosii agarsiisni guluffii fardaa Dabra Taaboritti geggeeffamu, akkasumas ispoortiin fardaa waliin walqabatu Oromiyaafi naannolee biroo keessatti mul\u2019atu bifa aadaan dorgommiin fardaa jiraachuusaaf ragaadha.Taphni yeroo ayyaana masqalaa biyya keenyaa ispoortii aadaa yeroo ayyaana masqalaa qofa taphatamu ta&#8217;ee osoo jiruu, Awurooppaanonni maqaa &#8220;kiriikeetii&#8221; jedhu fudhachuun ispoortii ammayyaa taasisaniiru. Dorgommii Olompikii irrattillee hirmaachuun meedaaliyaa injifataniiru.<\/p>\n<p>Biyya keenyatti ispoortii keenya kanaan duraa maqaa \u201cispoortii aadaa\u201d jedhu kan nama hawwatu moggaasnee waggaatti al tokko qofa akka ayyaanaatti gaggeessuun keenya duubatti hafummaa ispoortii kanaaf sababa amansiisaa ta\u2019eera. Sababa qabatamaa kanaan dorgommii fardaa, tapha ayyaana masqalaa kan duraan jalqabne biyyoonni biroo maqaa biraa itti\u00a0 moggaasuun dorgommuun meedaaliyaafi maallaqa hedduu itti badhaafamuu danda&#8217;aniiru. Dhimma kana irratti Pireezidaantiin Federeeshinii Ispoortiiwwan Aadaa Naannoo Amaaraa obbo Afewarqi Tafarraa, ispoortiiwwan aadaa keenya tuffatamaa akka jiran deebii kennaniiru.<\/p>\n<p>\u201cIspoortiiwwan aadaa keenya sirna barnootaa keessatti waan hin hammatamneef jalqabarraa kaasee dorgomaa waan hin taaneef, ispoortiin kun\u00a0 ol-adeemtota gidduutti bifa dorgommiin geggeeffamuu dhabuun bashannana irra darbee ispoortii dorgommii ta\u2019e jechuun hin danda\u2019amu\u201d jedhaniiru. Obbo Afewarqi wallaansoo akka fakkeenyaatti kaasuun &#8221;naannoo keenyaafi naannolee biroo keessatti atileetotni wallaansoo ciccimoon jiraatanis, ispoortii kanaaf xiyyeeffannaan addaa kennamee waan hin jirreef dorgomtoota idil-addunyaa oomishuun akka hin danda\u2019amne taasiseera&#8221; jedhu. Wallaansoo malees ispoortii guluffii fardaa irratti hojiin cimaan yoo hojjetame guluftoota fardaa waltajjii idil-addunyaa irratti biyya keenya bakka bu\u2019uu danda\u2019an oomishuun akka danda\u2019amus hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>Damee kanaaf akka ispoortiiwwan biroo baajanni waan hinraamadamneef bifa aadawaa ta&#8217;anii akka hafaniif dirqamaniiru jechuu taajjabbii qaban qoodaniiru. Sadarkaa biyyatti federeeshiniin ispoortii aadaa hedduun jiranis ispoorticha guddisuuf qindoominaan carraaqqii kan hintaasifne ta&#8217;uu ibsaniiru. \u201cWaggaatti yeroo tokko dorgommii ispoortii aadaa geggeessuun kufaatii malee guddina hinfidu\u201d kan jedhan obbo Afewarqi, ispoorticha daraan hordofuufi deggeruun ispoortessitoota ispoorticharraa fayyadaman oomishuun ni danda&#8217;ama jechuun yaadasaanii qoodaniiiru.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Aadaan misoomaafi guddina biyya tokkoo keessatti shoora olaanaa taphata. Gochaawwan aadaa mul\u2019isan haala jireenya ummatichaarratti bu\u2019uureffachuun kallattiiwwan adda addaan mul\u2019achuu danda\u2019u. Kanneen keessaa ispoortiin aadaa isa tokko. Ispoortiin aadaa bu\u2019uura ispoortii ammayyaadha. Ispoortiin ammayyaa Itoophiyaa keessatti jalqabuun duratti bal\u2019inaan adeemsifamaa kan ture ispoortii aadaadha. Haata\u2019u malee hanga ammaatti seerriifi dambiin baheefi giddugaleessaan uummata hunda biratti [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5088,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[47],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5087"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5087"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5087\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5089,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5087\/revisions\/5089"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5088"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5087"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5087"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5087"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}