{"id":5104,"date":"2025-05-23T17:29:25","date_gmt":"2025-05-23T17:29:25","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5104"},"modified":"2025-05-23T17:29:25","modified_gmt":"2025-05-23T17:29:25","slug":"godaansi-seeraan-alaa-rakkoo-hawaasummaafi-dinagdee-fidaa-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/05\/23\/godaansi-seeraan-alaa-rakkoo-hawaasummaafi-dinagdee-fidaa-jira\/","title":{"rendered":"Godaansi Seeraan Alaa Rakkoo Hawaasummaafi Dinagdee Fidaa Jira"},"content":{"rendered":"<p>Godaansi seeraan alaa addunyaa keenyaaf bowoo mataa ta&#8217;a dhufeera. Namootni biyya isaanii keessatti, hojjatanii jiraachuuf haala mijataa ta&#8217;e dhabuutiin, jireenya fooyyaa&#8217;a barbaacha biyya tokko irraa gara biyya biraa\u00a0 yeroo seeraan alaa goodaanan ni mul&#8217;atu. Keessattuu lammiileen biyyoota guddataa jiran keessatti jiraatan sababa faddaaltoota seeraan alaan faayidaa ofiif hojjetaniin gowwoomsamanii godaanan baay\u2019eedha.<\/p>\n<p>Yuunivarsiitiin Waldiyaa daddabarsa namootaafi godaansa irratti kan xiyyeeffate marii qorannoon deggarame dhaabbilee qooda fudhattootaafi kutaalee hawaasaa garagaraa waliin geggeesseera. Godaansaafi daddabarsa namootaa seeraan alaa\u00a0 naannawa Baha Amaaraatti baay&#8217;inaan lammiileen gara biyya Arabiyaatti ergaman olaanaa ta&#8217;uu qorannichi\u00a0 kan agarsisuu yoo ta&#8217;u,\u00a0 lammiileen Itoophiyaa Sawudii Arabiyaatti jiraatan\u00a0 keessaa, dhibbeentaan 60 hayyama seera qabeessaa kan hin qabne ta&#8217;uun ibsameera.<\/p>\n<p>Yuunivarsiitii Woldiyaatti pireezidaantiin itti aantuu barnoota Akaadaamii, Qorannoo cehumsa Teeknooloojii fi Tajaajila Hawaasaa Maariyyee Ballaxa (PhD), godaansi seeraan alaa\u00a0 dhittaa mirga namoomaa, qisaasa&#8217;ummaa humnaafi dinagdee kan itti raawwatamuudha jedhaniiru.\u00a0 Rakkinicha furuuf carraa hojii uumuu biyya keessaa, itti fayyadamummaa dinagdeefi bobbii hojii biyya alaa irratti xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamuu qaba jedhaniiru.\u00a0 Caasaa faddaaltootaa dhabamsiisuunis rakkinicha furuuf gocha murteessaa ta&#8217;u himaniiru. Hirmaattootni marichaas gochii faddaaltootni raawwatan bifa seera qabeessa haala fakkaatuun, \u00a0godaansa seeraan alaa kanarratti hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Kanaanis namootni godaansa seeraan alaaf saaxilaman manaafi gandoota hunda keessa jiraachuu ibsanii, faddaaltootaan gowwoomfamaniifi\u00a0 godaansa akka waan gaaritti\u00a0 ilaaluun lakkoofsi dargaggoota seeraan ala godaanan yeroodhaa gara yerootti dabalaa akka jiru himaniiru. Gochaa seeraan alaa kana hundeerraan gogsuuf qaamni hunduu hojii itti bobba\u2019ee jiru hundatti gahee isaarraa eegamu bahachuu akka qabu hirmaattootni marichaa waamicha taasisaniiru. Maricharratti\u00a0 Yuunvarsiitii Maqdalaa Ambaa, Yuunivarsiitii Samaraa, Minsteera barnootaafi gahee qabeessootni federaalaa argamaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Godaansi seeraan alaa addunyaa keenyaaf bowoo mataa ta&#8217;a dhufeera. Namootni biyya isaanii keessatti, hojjatanii jiraachuuf haala mijataa ta&#8217;e dhabuutiin, jireenya fooyyaa&#8217;a barbaacha biyya tokko irraa gara biyya biraa\u00a0 yeroo seeraan alaa goodaanan ni mul&#8217;atu. Keessattuu lammiileen biyyoota guddataa jiran keessatti jiraatan sababa faddaaltoota seeraan alaan faayidaa ofiif hojjetaniin gowwoomsamanii godaanan baay\u2019eedha. Yuunivarsiitiin Waldiyaa daddabarsa namootaafi [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5105,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5104"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5104"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5104\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5106,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5104\/revisions\/5106"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5105"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5104"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5104"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5104"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}