{"id":5107,"date":"2025-05-23T17:31:35","date_gmt":"2025-05-23T17:31:35","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5107"},"modified":"2025-05-23T17:31:35","modified_gmt":"2025-05-23T17:31:35","slug":"waamicha-nageenyaa-qaamolee-qabsoo-hid-hannoo-keessa-jiraniif-taasifamaa-jiruf-sirnaan-gara-hawaasaatti-makufi-deebisanii-dhaabu-barbaada","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/05\/23\/waamicha-nageenyaa-qaamolee-qabsoo-hid-hannoo-keessa-jiraniif-taasifamaa-jiruf-sirnaan-gara-hawaasaatti-makufi-deebisanii-dhaabu-barbaada\/","title":{"rendered":"Waamicha Nageenyaa Qaamolee qabsoo hid hannoo keessa jiraniif taasifamaa jiruf sirnaan gara hawaasaatti makufi deebisanii dhaabu barbaada"},"content":{"rendered":"<p>Itoophiyaa keessatti Jaarraa walakkaaf shiirri siyaasaafi qabsoon hidhanno biyyattiin maraammartoo waraanaafi jeequmsa keessa akka turtuu taasiseera. Kunis gaaga\u2019ama lubbuu lammilee hedduufi hiyyummaaf nu saaxileera. Yeroo gara garaatti qaamolee gaaffii uummata ni deebisisna yookaan uummata keenya ni bilisoomsina jechuun bosona seenanif deebiin karaa mootummaan keennamaa ture waraanaan harka kennisisuuf yaaludha. Kun ammoo qaamooleen bosona keessa seenan gara ummataatti deebi\u2019uuf abdii akka hin godhanneefi umrii isaanii hedduu bosona keessa akka turan taasisaa tureera. Kun maraammartoo waraanaa keessa akka turru taasisuu keessa gahee guddaa qaba; daandiin qabsoo hidhannoo akka hin cufamne taasiseera.<\/p>\n<p>Waldhabdeen siyaasa qabsoo yaadaafi beekumsaan akka bakka hin bunees kara baneera. Jijjiirama siyaasaa bara 2010 taasifame asiitti naannolee gara garaatti sosochiin qaamooleen hidhatan taasisan rakkolee hedduuf nu saaxileera. Qaamoole kana keessa gariin jijjiramaan dura bakka adda addaatti qabsoo fiincila mootummaa taasisuuf kan socho\u2019aa turanidha. Kanneen immoo jijjiirama mootummaa waliin burjaajii siyaasaan kan dhaabbatanidha. Jijjiirama siyaasaan dura qaamolee hidhannoo keessa turan yeroo nagaan deebi\u2019an gara hawaasatti akka makamaniifi jireenyaa idilee isaanii akka jalqaban hojiin haaromsaafi deebisanii dhaabuu yaaliin jiraatus sirnaan hin kennamne.<\/p>\n<p>Qaamoolee hidhannoodhaan mootummaa finciluuf gammoojjii Eritiraa keessa turan akka fakeenyaatti kaasuun barbaachisaadha. Rakkoon kun qaamolee kana biyya keessatti deebi\u2019anii gara bosonaatti akka seenan, dargagootni hedduunis akka itti makaman sababa ta\u2019eera, hayyuleen jedhan hedduudha. Mootummaan rakkoo kana sirnaan hubbachuun hidhattoota waamicha mootummaan taasise fudhatanii, gara nagaatti deebi&#8217;an leenjii haaromsa kennuufi deebisanii dhaabuun gara hawaasa isaanitti akka makaman, Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa mana maree ministeerootaan lakkoofsa danbii 525\/2015 hundeessun gara hojiitti galcheera.<\/p>\n<p>Hojiilee Komishinii kanaan waggoottan muraasa darban keessatti naannoo Tigraay dabalate naannoolee adda addaatti hojiilee hedduu hojjechaa tureera. Kanaaniis gaaffilee adda addaa qabachuun qabsoo hidhannoo keessa jiran hedduuf gara hawaasatti makamuun gaaffii isaanii karaa nagaan deebisifachuuf abdii kennee jira. Kanaanis naannolee garagaraa keessatti qaamooleen hidhannoo keessa turan karaa nagaan gara ummataatti makamaa jiru.<\/p>\n<p>Hojileen Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa jalqabee cimee itti fufuu kan qabudha. Ammas Nageenya waaraa busuufi maraammartoo waraanaa keessaa bahuuf waamicha nageenyaa qaamolee qabsoo hidhannoo keessa jiraniif taasifamaa jiruf sirnaan gara hawaasaatti makuufi deebisanii dhaabuu barbaada. Hojiin kun qaamolee hidhannoo keessa jiraniif sirnaan hubbatamuu, uummata bal\u2019aan immoo haalaan deggaramu qaba. Nageenyi hundaaf barbaachisa waan ta\u2019ef hundi tumsuu qaba jenna.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Itoophiyaa keessatti Jaarraa walakkaaf shiirri siyaasaafi qabsoon hidhanno biyyattiin maraammartoo waraanaafi jeequmsa keessa akka turtuu taasiseera. Kunis gaaga\u2019ama lubbuu lammilee hedduufi hiyyummaaf nu saaxileera. Yeroo gara garaatti qaamolee gaaffii uummata ni deebisisna yookaan uummata keenya ni bilisoomsina jechuun bosona seenanif deebiin karaa mootummaan keennamaa ture waraanaan harka kennisisuuf yaaludha. Kun ammoo qaamooleen bosona keessa seenan [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[46],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5107"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5107"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5107\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5108,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5107\/revisions\/5108"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5107"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5107"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5107"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}