{"id":5109,"date":"2025-05-23T17:36:33","date_gmt":"2025-05-23T17:36:33","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5109"},"modified":"2025-05-23T17:36:33","modified_gmt":"2025-05-23T17:36:33","slug":"adeemsa-baayisa-sanyii-filatamaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/05\/23\/adeemsa-baayisa-sanyii-filatamaa\/","title":{"rendered":"Adeemsa Baay&#8217;isa Sanyii Filatamaa"},"content":{"rendered":"<p>Baay\u2019inni uummataa bakka jiruutti, wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun sanyii filatamaa ala hin yaadamu. Oomishaafi oomishtummaanis kan dabalu sanyii filatamaa qulqullina olaanaa qabutti yoo dhimma bahamedha. Kana hubannoo keessa galchuun biyyattitti baroota dheeraaf wiirtuuwwan qorannoo qonnaa mootummaafi dhaabbilee miti mootummaa idil-addunyaa garagaraatiin sanyiiwwan filatamoo qorannoon argaman ooyiruu qonnaan bultoota irratti baay&#8217;ifamaa kan turaniifi jiranidha. Inistiitiyuutiiwwan qorannoo qonnaa biyyattii keessa jiranis sochii wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu milkeessuuf haalota qabatamoo naannolee isaanii waliin walsimatu irratti hundaa\u2019uun qorannoo geggeessuun bu\u2019aa qorannoo argame qonnaan bulaaf raabsuuf hojiisaanii idilee ittifufanii jiraachuu ragaaleen ni addeessu.<\/p>\n<p>Sanyiiwwan kunneen yeroo gabaabaa keessatti kan gahaniifi oomishaafi oomishtummaa guddisuu kan danda&#8217;anidha. Muuxannoon baay&#8217;isa sanyii filatamaa kun kutaalee biyyattii garagaraatti babal&#8217;achuu danda&#8217;eera. Jiraataan aanaa Dawaa Caffaa ganda Shakilaa obbo Ibraahim Mahaammad, duraan ooyiruu isaanii irratti sanyii mishingaa naannawaa fayyadamaa waan turaniif callaan argachaa turan gadaanaa ta&#8217;uu yaadataniiru. Oomishtummaa kan dabalu sanyii filatamaan ta&#8217;uu hubachuun waggoota laman darban deggarsa ogeessa qonnaan sanyii filatamaa lafa xiqqaarratti baay&#8217;isuuf yaaluu isaanii dubbataniiru.<\/p>\n<p>Adeemsa hordofamuu qabu hordofuun sanyii mishingaa yeroo gabaabaa keessatti gahu baay&#8217;isuun yeroo duraaf sanyii filatamaa ofiin of danda&#8217;uu bira darbee qonnaan bultoota ollaa kootiif qoodeera jedhaniiru. Sanyii kanas qonna Arfaasaan facaasuun heektara tokkorraa callaa kuntaala 30 argachuu himaniiru. Bara darbe hojiin baay&#8217;isa sanyii isaan yaalan waan hin milkaa&#8217;iin hafeef barana garuu haala qulqullina qabuun oomishuuf karoora qabaachuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Qajeelcha Qonnaa Bulchiinsa Sablammii Oromootti, ogeessi ekisteeshinii qonnaa Mootii Amanuu, sanyiin waan hundaaf murteessaadha.\u00a0 Midhaanota garagaraa soorataaf oolaniifi kanneen biroon sanyii isaanii irraa waan oomishamaniif sanyiin qonnaan bulaaf dhimma barbaachisaadha jedhaniiru. Sanyiin jireenya kan itti fufsiisu hundee jireenyaati kan jedhan ogeessichi, addunyaa haala jijjiiramaa ta&#8217;e qabdu keessatti sanyiiwwan dandeettii guddachuufi jiraachuu isaanii kan ittifufsiisan sanyii isaaniitiin ta&#8217;uu himaniiru. Keessumaa hariiroo qonnaafi sanyii walqabsiisanii yoo kaasan &#8221;wabii midhaan nyaataa mirkaneessuufi oomishtummaa guddisuuf sanyii filatamaa baay&#8217;isuun murteessaadha&#8221; jedhaniiru.<\/p>\n<p>Sanyiin baay&#8217;atu adeemsa saayinsawaan waan hordofamuuf dhukkuba sanyii midhaanii irraa bilisa kan ta&#8217;eefi ilbisa waagii damdamachuu kan danda&#8217;u ta&#8217;uusaa kaasaniiru. Dabaluun, sanyiiwwan fooyya&#8217;oon aramaawwan balaa guddaa dhaqqabsiisuu danda\u2019anirraa bilisa kan ta&#8217;aniifi sanyiiwwan gosa biroorraa qulqulluudha jedhaniiru. Inistiitiyuutiwwan qonnaa haala qilleensaa bu&#8217;uureffachuun oomishaafi oomishtummaa guddisuurratti qorannoo geggeessuun bu&#8217;aalee qonnaa isaan argatan ooyiruu qonnaan bulaarratti baay&#8217;isuun bu\u2019aa abdachiisaan argamaa jiraachuusaa muuxannoo akka biyyaatti jiru wabeeffachuun hubachiisaniiru.\u00a0 Baay&#8217;inaan sadarkaa bulchiinsichaatti, midhaan oomishamu mishingaa ta&#8217;uu himanii, bifa qindaaheen ta&#8217;uu baatus sanyiiwwan mishingaa garagaraa ooyiruu qonnaan bultootaa irratti baay&#8217;ifamaa turuu kaasaniiru. Ta&#8217;us waggoota sadan\u00a0 darbanii asitti hojiin gama kanaan hojjechaa jiran fooyyee qabaachuu himaniiru.<\/p>\n<p>Baroota darban aanaa Dawaa Caffaatti sanyiin qorannoon adda ba\u2019e ooyiruu qonnaan bulaarratti sanyiin mishingaa fooyya\u2019aa baayi&#8217;ifamuu yaadataniiru. Odeeffannoo qabaniin bara kana sanyiiwwan mishingaa oomishaafi omishtummaan isaanii olaanaa ta\u2019uun adda ba\u2019an naannawichaatti oomishamuun wal bira qabamee caalmaa waan argateef baay&#8217;isanii raabsuuf haaldureewwan xumuramaa jiraachuu himaniiru. Ogeessichi, naannawichatti mishingaa filatamaa kan taasisu yeroo gabaabaa keessatti rooba xiqqaan oomisha guddaa waan kennuuf qonnaan bulaa birattis baay\u2019ee filatamaa ta&#8217;uu dubbataniiru. Maqaan sanyii mishingaa fooyya\u2019aa \u2018malkaamiif giraanaa&#8217; jedhamuun beekamu heektaara tokkorraa hanga kuntaala 35 olitti kan kennuu danda\u2019u ta&#8217;uu qorannoon adda ba\u2019ee jiraachuu mirkaneessaniiru. Naannawa rooba gahaa hin qabne keessatti bu\u2019aa olaanaa qabaachuus kaasaniiru. Fuulduraatti, gamasaaniin kanaan walqabatee hojii hojjetamu keessatti deggarsa ogummaa barbaachisaa kan taasisan ta&#8217;uu himaniiru.<\/p>\n<p>Haaluma kanaan qajeelchichatti, dursaan garee misooma midhaanii Dajanee Kabbadaa, bara 2004 irraa kaasee hojiin baay&#8217;isa sanyii bulchiinsichatti hojjetamaa turuu kaasaniiru. Keessumaa waggoota sadan darbanii asitti xiyyeeffannoon hojiitti seenuu himaniiru. Waggaa lama dura sanyii baay&#8217;ifamu danda&#8217;u naannoo Oromiyaa Giddu-gala Qorannoo Qonnaa Malkaasaa irraa argachuu yaadataniiru. Kanarraas qonnaan bultoonni fayyadamoo ta&#8217;uu obbo Dajaneen ibsaniiru. Bara darbe abbootii qabeenyaafi qonnaan bultootaan lafa heektaara 300 olirratti hojiin baay&#8217;isa sanyii hojjetamee ture jedhaniiru. Akkasaan jedhanitti, kana keessaa qulqullina olaanaan kan filatame heektaara 85 qofadha. &#8221;Bara darbe sanyii fooyya&#8217;aa Yuuniyeenii Borkannaa irraa kan fudhannee turre, dogoggora ogeessaan rakkoon walmakuu sanyii nu mudachuun karoora qabannee turre nu jalaa gufachiiseera&#8221; jedhaniiru. Gariin banaalee adeemsa hojiichaarratti mudataniin sadarkaan qulqullinaa isaanii kan gadi bu&#8217;e ta&#8217;uu akka sababaatti kaasaniiru.<\/p>\n<p>Dursaan garichaa, fuulduraaf rakkooleen kanaan walfakkaatan akka hinmudanneef kan darberraa barachuun ciminaan irratti hojjechuuf ofqopheessuu dubbataniiru. Akkasaan jedhanitti bulchiinsichatti, bara oomisha qonnaa 2017\/18 &#8216;tti qonna Arfaasaan lafa heektaara kuma 50 ol sanyiin uwwisuuf karoorfameera. Kana milkeessuuf sanyiin fooyya&#8217;aa murteessaa waan ta&#8217;eef baay&#8217;isa sanyiif haaldureewwan raawwachaa jirra jedhaniiru. Naannawichatti dhibbantaan 75 ol kan oomishamu mishingaa waan ta&#8217;eef bara kana qonna Arfaasaan aanaa Dawaa Caffaafi Jiillee Dhummuugaa irratti hojii baay&#8217;isa sanyii mishingaa fooyya&#8217;aa lafa heektaara 200 irratti misoomsuuf karoorsuu himaniiru. Kana keessaa hamma gabaasni kun qindaa&#8217;etti, gandoota aanaa Dawaa Caffaa Baddannoofi Shakilaa keessatti lafti heektarri dhibba tokko adda ba&#8217;uusaa kaasanii, qonnaan bultoota aanichaa biratti baay&#8217;isni sanyii fooyya&#8217;aa baratamaa ta&#8217;uu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Akkasuma kan aanaa Jiillee Dhummuugaa kan itti deemamu ta&#8217;uu hubachiisaniiru. Sanyiin fooyya&#8217;aa yeroo gabaabaa keessatti waan gahuuf bakkeewwan gogiinsa qabanitti hongee jalaa miliquuf carraa qabu jedhaniiru. Qonnaan bulaan sanyii filatamaa mishingaa \u2018Malkaamiifi Giraanaa\u2019 jedhamu utuu fayyadamuu hinjalqabiin dura lafa heektaara tokkorraa callaa mishingaa hanga kuntaala 20 hincaallee argachaa turuu himanii, mishingaan sanyii naannawaa faca\u2019ee ji\u2019a torbaa hanga saddeetii ooyiruurra waan turuuf hongeef carraan saaxilamuusaallee olaanaa ta&#8217;uu eeraniiru. Sanyiin filatamaa mishingaa \u2018Malkaamiifi Giraanaa\u2019 garuu faca\u2019ee hanga ji\u2019a afuriitti waan turuuf aramaafi rooba xiqqaa damdamachuun oomisha gahaa waan argamsiisuuf baay&#8217;isa sanyii irratti daran hojjechuuf qohii ta&#8217;uu obbo Dajaneen dubbataniiru.<\/p>\n<p>Muuxannoo jirurraa qonnaan bultoonni sanyii filatamaa kana fayyadaman lafa heektaara tokkorraa callaa kuntaala 45 ol argachaa jiraachuu hubachiisaniiru. Oomisha Arfaasaa baranaaf qonnaan bultoonni muraasni sanyii filatamaan kan of danda&#8217;an jiraachuu kaasanii, hanqinni sanyii isaan mudachuu akka danda&#8217;u sodaa qaban kaasaniiru.\u00a0 Akka dursaan garichaa jedhanitti bulchiinsichatti bara darbe hojii gama baay&#8217;isa sanyii filatamaan hojjetameen hammi yaadame waan hinmilkoofneef, hanqina kana furuuf yuuniyeniiwwan garagaraa irraa bituun qonnaan bultootaaf raabsuuf qophiileen dursaa raawwatamaa jira.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Baay\u2019inni uummataa bakka jiruutti, wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun sanyii filatamaa ala hin yaadamu. Oomishaafi oomishtummaanis kan dabalu sanyii filatamaa qulqullina olaanaa qabutti yoo dhimma bahamedha. Kana hubannoo keessa galchuun biyyattitti baroota dheeraaf wiirtuuwwan qorannoo qonnaa mootummaafi dhaabbilee miti mootummaa idil-addunyaa garagaraatiin sanyiiwwan filatamoo qorannoon argaman ooyiruu qonnaan bultoota irratti baay&#8217;ifamaa kan turaniifi jiranidha. Inistiitiyuutiiwwan qorannoo [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5110,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5109"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5109"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5109\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5111,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5109\/revisions\/5111"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5110"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5109"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5109"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5109"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}