{"id":5112,"date":"2025-05-23T17:38:52","date_gmt":"2025-05-23T17:38:52","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5112"},"modified":"2025-05-23T17:38:52","modified_gmt":"2025-05-23T17:38:52","slug":"haal-duree-gaailaa-hawaasa-bulchiinsa-sablammii-oromoo","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/05\/23\/haal-duree-gaailaa-hawaasa-bulchiinsa-sablammii-oromoo\/","title":{"rendered":"\u00a0 Haal-duree Gaa\u2019ilaa Hawaasa Bulchiinsa Sablammii Oromoo"},"content":{"rendered":"<p>Baayina namootaa har\u2019a dachee kana irra jiraachaa jiraniifi, gara dachee kanaatti dhufuuf qophii irra jiraniif sababa isa hangafaati. Ilma namaatiifis jiruuf jireenya inni lafa kana irra jiraachuuf yeroo isaaf kennamte keessatti waqtii gammachuun adda itti dhagaahamudha. Sababni isaas dhalli namaa waqtiilee jireenya isaa keessatti dirqama raawwataman gurguddaa sadiitu jiru. Guyyoota kanneeniifis kabaja addaatu kennamaafi. Inni jalqabaa guyyaa dhalachuun gara addunyaa kanaatti dhuftudha. Inni lammataa ammoo guyyaa cidhaati. Inni xumuraa, yeroo itti turtii keenya dachii kanarra qabnu xumuruun lubbuun keenya darbitudha.<\/p>\n<p>Isaan kunneen keessaas guyyaa dhalootaafi guyyaa du\u2019a ofii arganii yookiin beekanii miira isaa qooddachuun sirumaa waan hin yaadamnedha. Guyyaa cidhaa, sirni gaa\u2019ilaa gaggeeffamu garuu qalbii guutuun osoo of beekanii miira qooddatamuufi gammachuun addaa keessatti mullatudha. Sirni Gaa\u2019ilaa biyyoota addunyaa keenyaa hunda keessatti sirna kabajni Addaa kennamuuf tahuun isaa beekamaadha. Biyya keenya keessattis yeroo durii irraa eegaluun dhimmota xiyyeeffannoon addaa kennamuuf yoo tahu, aadaa beekamaaf jaallatamaa hawaasa biyya keenyaa ganamaati. Miirri sirni gaa\u2019ilaa Itoophiyaanota biratti qabus addadha.\u00a0 Haala gaarii taheen kan kabajamaa tureefi har\u2019as ittuma fufee jirudha.<\/p>\n<p>Naannoo Amaaraatti hawaasni Bulchiinsa Sab-lammii Oromoos, aadaalee yeroo durii beekamoofi duudhaa hawaasaa tahuun tajaajilaa turan, ammas itti dhimma bahaa jiran hedduu keessaa, aadaan sirna fuudhaafi heerumaa isa beekamaadha. Gaa\u2019illi aanaalee hunda keessatti sirna ho\u2019aa ta\u2019een kan gaggeeffamu yoo ta\u2019u, Aanaa Arxummaa Fursiittis sirni kun bifa miidhagaafi seera isaa guuteen bakka Itti raawwatamudha. Osoo sirna gaa\u2019ilaatti hin seenin dursaas akka aadaa hawaasichaa ganamaatti sirna duudhaa seera abboota isaanii of keessatti hammateen dhimmootni taasifaman hedduutu jiru. Innis kan eegalu, fedhii gurbaafi maatii gurbaa irraa ka\u2019uun gara maatii intalaatti imala taasifamudha. Kunis yoo gurbaan fuudhaaf gahe, qarree miidhagduu ijaan argee; lapheen isaa itti nahe, gara maatii isaatti dhufuun \u2018\u2019intala abbaa abaluu jaaladheen qalbiin kiyya booji\u2019ameeraafi, kanaafuu maatii ishee naa kadhadhaa\u2019\u2019 jechuun abbaafi haadha isaatti himata.<\/p>\n<p>Yeroo tokko tokkos maatiin gurbaa nama itti firoomuu barbaadan mucaa isaanii akka ilmi isaanii fuudhuuf firoomni cimee tokkummaa uumuuf fedhiin maatii gurbaa irraas itti dhufu ni jiraata. Yeroo kanas kallattumaan jaarsoliin gara mana intalaa deemuun gaafatu. Kunis sirna mataa isaa kan qabu yoo tahu, seerota hedduutu keessatti gaggeeffama kan jedhan jiraataan aanichaa Abbaa Gadaa, Mahaammad Umar \u201cAbbaan gurbaa gara mana intalaa deemuun nagaa gaafatanii erga ol seenanii booda dhimma dhufaniif dubbatu jedhaniiru. \u201cIntala Rabbiin isinii kenne, ilma Rabbiin nuu kenneef kadhaa dhufne nu kennaa\u2019\u2019 jechuun dhimma isaanii dubbatatu. Abbaan intalaas dhimma kana irratti mari\u2019atanii akka isaan beeksisan itti himuun warra gurbaa gaggeessu jedhaniiru.<\/p>\n<p>Maatiin intalaas walitti qabamuun abbaan intalaa, \u201char\u2019a suubiidhaan qajeeltoon nutti ba\u2019ee jechuun, marii dhimma intala isaanii kana heerumsiisuu irratti taasisuu. Maree isaanii kana keessatti dhimmi ijoon maalummaa maatii gurbaa qorachuudha. Gosa kam akka inni tahe abbaan gurbaa fi haati gurbaa achi as dhufteen maatii isaanii amala, gosaafi warra guddaa tahuu dabalatee eenyummaa isaaniin kan wal qabate hunda qorachuun murtii murteessu. Warra gurbaaf dhaamsa dhaamuufis turtii torban tokkoofi torbaan lamaa fudhachuun kan danda\u2019u tahuus Abbaan Gadaa kun nutti himaniiru. Gosti gurbaa qoratamee kan tahu taanaanis turtii torbaan tokko keessatti akka deebi\u2019anii dhufaniif dhaamsa dhaamuu kan taasifamu tahuus isaaniirraa odeeffanneerra. Yoo firummaa maatii gurbaa hin barbaadne tahes akka isaan hin dhufneef dhaamsa dhaamuun itti himama jechuudha.<\/p>\n<p>Milkiin tolee gosti qoratamee milkaa\u2019uun, qajeeltoon erga tolee boodas, dhaamsi hayyamamoo tahuu maatii intalaa maatii gurbaa bira yoo gahu, mijuu, gumaataafi dhimmoota biroo harkatti qabachuun maatiin gurbaa gara mana intalaatti imalu. Wantoota isaan harkatti qabatan muraasni, Aannan, Marqaa, Burqumsaa, Buna duudaa, Hadasii, Halkoo, sa\u2019aatii harkaa, uffannaa harrii, Hirma adii (torbii), Birribisii, Guftaan haadhaaf abbaafi Dhadhaan isaan muraasadha. Waan fidanii dhufan kana osoo hin mul\u2019isinis aannan qophaa\u2019e eebbisanii unatu.<\/p>\n<p>\u2018\u2019Qajeeltoo nagaa nuu godhi, nu milkeessi\u2019\u2019 jechuun eebbisu jedhu jiraataan aanichaa Obbo Mahaammad Musee. Akka jiraataan kun jedhanitti \u201cbunni sanyiidha waan taheef qajeeltoo keessaa hin hafu, hadasiinis akkasuma, foolii gaarii waan qabuuf akkasuma walitti haa urgaa\u2019an jechuun eebbisu\u201d jedhu. Isa booda intalli ni waamamti, isheenis hiriyoota ishee waliin dhufuun kennaa isheef dhufan kanneen fudhatti. Birribisii morma isheetti hidhachuun gurmaatni isheef dhufan hundi kennameefii, boodarra sirni dhadhaa dibuu isheefi hiriyoota ishee hundaaf taasifama. Dhadhaan kunis maatii gurbaa irraa kan dhufu yoo tahu, maanguddootatu qarreewwan kanaaf diba. Mijuun dhihaatee, dhangaan manatti qophaa\u2019es gadi fuudhamuun nyaatama. Dursa Marqaatu nyaatama. itti aansuun Burqumsaan ni dhihaata, bunnis danfee dhugamuun, keessummoota gaggeessuuf, sirni xumuraa Qootii yookiin ulee maatiin gurbaa qabatanii dhufan dhadhaa dibuun, isaaniifis dhadhaa kana dibuun keessummoota kana gaggeessu. Sirni kaadhimmachuu, qophii dursa gaa\u2019ilaaf taasifamu raawwatameera jechuudha.<\/p>\n<p>Aadaaleen kunneen yeroo ammaa haalaan hin mullatan; hir\u2019achaa jiru kan jedhan jiraattonni aanichaafi maanguddootni biyyaa, garuu dhimma kana irratti hojjechuuf hojii guddaatu nurraa eegama, irrattis hojjechaa jirra jechuun itti gaafatamtuun waajjira Aadaaf tuurizimii Aanaa Arxummaa Fursii Aadde Muntahaa Abduu dubbataniiru.Fuula duraafis irratti hojjechuuf karoora keenya jechuun ibsaniiru. Itti gaafatamaan Qajeelcha Aadaaf Tuurizimii Bulchiinsa Sablammii Oromoo, obbo Ahimad Ibraahim, aadaan bulchiinsichaa hedduudha, yeroo durii kaasee hawaasichi itti dhimma bahaa jira jedhaniiru. Jaarsoliin biyyaafi abbootiin gadaa, akkasumas jiraatotni aanichaa aadaa kana dhalootatti baaftanii mulliftan galata guddaa qabdus jedhaniiru. Obbo Ahmad, aadaa keenya boonsaa kana waliin taanee cimsinee haa guddifnu jechuun dhaamsa isaanii dabarsaniiru.<\/p>\n<p>Suurraa Iddoosaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Baayina namootaa har\u2019a dachee kana irra jiraachaa jiraniifi, gara dachee kanaatti dhufuuf qophii irra jiraniif sababa isa hangafaati. Ilma namaatiifis jiruuf jireenya inni lafa kana irra jiraachuuf yeroo isaaf kennamte keessatti waqtii gammachuun adda itti dhagaahamudha. Sababni isaas dhalli namaa waqtiilee jireenya isaa keessatti dirqama raawwataman gurguddaa sadiitu jiru. Guyyoota kanneeniifis kabaja addaatu kennamaafi. Inni [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5113,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5112"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5112"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5112\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5114,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5112\/revisions\/5114"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5113"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5112"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5112"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5112"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}