{"id":5121,"date":"2025-05-23T17:51:44","date_gmt":"2025-05-23T17:51:44","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5121"},"modified":"2025-05-23T17:51:44","modified_gmt":"2025-05-23T17:51:44","slug":"faaydaa-waraqaa-eenyummaa-dijitaalawaa-biyyaalessaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/05\/23\/faaydaa-waraqaa-eenyummaa-dijitaalawaa-biyyaalessaa\/","title":{"rendered":"Faaydaa: Waraqaa Eenyummaa Dijitaalawaa Biyyaalessaa"},"content":{"rendered":"<p>Addunyaa irratti Waraqaan Eenyummaa Biyyaalessaa hojiirra ooluunsaa bubbuleera. Biyyoota ardii biroo dhiifnee biyyootuma Afrikaa keessaa kanneen akka Gaanaa, Ruwaandaafi Afrikaan Kibbaa erga hojiirra oolchan turaniiru.\u00a0 Itoophiyaatti, tajaajilaafi tajaajilamtoota gidduutti wal amantaa, iftoomina ittigaafatamummaafi sadarkaa biyyaalessaatti sirni mijaawaa akka jiraatuuf Waraqaan Eenyummaa Dijitaalaa Biyyaalessaa hojiirra ooleera. Waraqaa Eenyummaa &#8216;Faaydaa&#8217; wanti adda taasisu odeeffannoo tekinoloojii baayoomeetiriikii fayyadamuun eenyummaa bu\u2019uuraa nama tokkoo haala adda ta\u2019een guutummaatti adda baasuun karaa danda\u2019amuun galmeessuun kan kaa\u2019udha. Keessumaayyu, odeeffannoowwan teknoloojii fayyadamuun eenyummaa abbaa waraqichaa mirkaneessuuf gargaaran baay&#8217;ee of keessatti hammata.<\/p>\n<ul>\n<li>Ofii &#8216;faaydaa&#8217;n maali?<\/li>\n<\/ul>\n<p>Lakkoofsa &#8221;Faaydaa&#8221; kan jennu waraqaa eenyummaa dijitaalaa ta&#8217;ee, tekinoloojii gargaaramuun odeeffannoo baayoomeetiriikiifi dimogiraafii jiraattotaa safarame walitti qabuun sagantaa &#8216;Namni tokko nama tokko&#8217; jedhuun sirna odeeffannoo nama tokkoo haala adda ta\u2019een adda baasuuf gahumsa qabudha. Biyyattiin bara 2030 Afrikaatti walitti hidhamiinsa dijitaalaa sirna faayinaansii hammataafi tajaajila si&#8217;ataa mirkaneessuuf tattaaffii taasistu keessatti &#8216;faaydaa&#8217;n utubaa ta&#8217;uun akka tajaajiluuf karoorri qabameera. Haaluma kanaan waraqaan eenyummaa dijitaalaa Itoophiyaa lakkoofsa Labsii 1284\/2015 hundaa&#8217;ee hojii kan eegale yommuu ta&#8217;u, sadarkaa naannoo Amaaraatti hanga gabaasni kun qindaa&#8217;etti lammiileen miliyoona 1 tuqaa 2\u00a0 waraqicha argachuuf galmaa&#8217;uu ragaan arganne ni mul&#8217;isa.<\/p>\n<p>Jiraataan aanaa Dawaa Caffaa Ganda Garbii obbo Indiris Hasan, waraqaa eenyummaa dijitaalaa harkaan gahachuu kaasanii, barbaachisummaa waraqaa eenyummaa kanatti akkaan gammaduu dubbataniiru. Waraqaa eenyummaa duraanii bakkaa bakkaatti qabatanii socho&#8217;uuf sodaa kan namatti uumu ture, kan biyyaalessaa kun ammoo rakkoolee kanaaf kan biroollee ni fura jedhaniiru. &#8221;Waraqicha argachuuf haalli galmee magaalaa qofarratti taasifamaa waan jiruuf hamma gandaatti osoo gadi bu&#8217;ee gaariidha&#8221; yaada jedhu kaasaniiru.\u00a0 Haaluma walfakkaatuun jiraataan magaalaa Caffaa Roobit, obbo Adam Mahaammad waraqaa eenyummaa dijitaalaa baafachuu dubbataniiru. Waraqaan kun yeroo tokkoo baafannaan waggaa saddeetiif kan tajaajiluufi dhaabbilee kam keessattuu tajaajilli babaachisaa kan ittiin geggeeffamu ta&#8217;uu dubbataniiru. &#8221;Kan duraan ture gandaatti yeroo baay&#8217;ee deddeebitee argatta, kan dijitaalaa kana garuu odeeffannoo barbaachisaa kennuun yeroo gabaabaa keessatti harkaan gahatta waan ta&#8217;eef yeroo kan qusatudhas&#8221; jedhaniiru. Waraqichi kan biyyaalessaa waan ta&#8217;eef kutaalee biyyattii keessa bilisummaan socho&#8217;uuf carraa kan uumu ta&#8217;uusaa himaniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo obbo Addisuu Barrihuun, Waraqaan Eenyummaa Dijitaalaa gosa waraqaa eenyummaa bu\u2019uuraa ta&#8217;ee, namni tokko haala adda ta\u2019een akka beekamu kan taasisu ta&#8217;uu dubbataniiru. \u2018\u2019Waraqaan eenyummaa dijitaalaa tajaajila hunda galeessaa, hammataafi amansiisaa kennuuf gargaara&#8221; jedhaniiru. Waraqaan eenyummaa dijitaalaa lammiileen kutaa biyyattii kamuu tajaajila sadarkaa biyyaatti kennamu haala hunda hammateen salphaatti akka argatan taasisuuf kan oolu\u00a0 ta&#8217;uus himaniiru.<\/p>\n<p>Obbo Addisuun &#8221;jiraattonni Waraqaa Eenyummaa Dijitaalaa qaban biyyattii keessatti eenyummaa isaanii mirkaneessuun tajaajiloota kennaman akka argatan kan taasisuudha&#8221; jedhaniiru. Dabaluun, mirgoota namoomaa bu\u2019uuraa mirkaneessuufi qaqqabummaa tajaajilaa fooyyessuuf akka oolu eeraniiru. Ittigaafatamichi bulchiinsichatti hawaasni naannawaa magaalaa jiraatu dhibbantaan sagaltamni waraqicha galmaa&#8217;uu isaanii ibsaniiru. Naannawaa baadiyyaatti hojiin hubannoo dhimma kanarratti waan hin hojjetamneef hawaasni baadiyyaa akka baafatuuf hojii hubannoo uumuuf karoora qabaachuu kaasaniiru.<\/p>\n<p>Waraqaan eenyummaa bu\u2019uuraa kaayyoo akka Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa kanaa qabu biyyattii keessa kan hinturre ta&#8217;uu hubachiisaniiru. Waraqaan kun eenyummaa nama tokkoo karaa adda ta\u2019een agarsiisuu kan danda\u2019uufi tajaajila mootummaafi dhuunfaa gosa hunda waraqaa eenyummaa tokkoon\u00a0 fayyadamuu kan dandeessisu ta&#8217;uusaa obbo Addisuun himaniiru. Hojmaata dhaabbilee tajaajila kennanii ammayyeessuufi dijitaalessuun hojmaata badaa hir\u2019isuu keessatti gumaacha olaanaa qabaachuu dubbataniiru. Waraqaan eenyummeessichaa dhaabbilee garagaraatti hojiirra oolaa jiraachuu ibsanii, baankonni yeroo ammaa namoonni dabtara herrega baankii haaraa baafatan waraqaa eenyummaa Faaydaa akka baafatan taasisaa akka jiran eeraniiru. Waraqaan Eenyummaa Faaydaa waraqaawwan eenyummaa biroo walitti hidhuun akka waraqaa eenyummaa bu\u2019uuraa tokkootti fudhatamuu danda\u2019a jedhaniiru<\/p>\n<p>Dhaabbilee tajaajila kennan garagaraa waliin waan walitti hidhamuuf tajaajiloota hundagaleessa kennuu danda\u2019a jedhaniiru. Dhaabbileen garagaraa akka wal dubbisan taasisuu, qisaasama qabeenyaa hir\u2019isuu, odeeffannoo sobaafi yakkoota dhabamsiisuuf shoora olaanaa qabaachuu himanii kutaalee biyyattii keessa bilisummaan socho\u2019uufi tajaajiloota dhaabbileen mootummaafi dhuunfaa kennan haala si\u2019ataa ta\u2019een argachuuf lammiileen buufataalee naannawaa isaanii waraqaa eenyummaa galmeessan deemuun waraqaa eenyummaa kana argachuu akka qaban hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Addunyaa irratti Waraqaan Eenyummaa Biyyaalessaa hojiirra ooluunsaa bubbuleera. Biyyoota ardii biroo dhiifnee biyyootuma Afrikaa keessaa kanneen akka Gaanaa, Ruwaandaafi Afrikaan Kibbaa erga hojiirra oolchan turaniiru.\u00a0 Itoophiyaatti, tajaajilaafi tajaajilamtoota gidduutti wal amantaa, iftoomina ittigaafatamummaafi sadarkaa biyyaalessaatti sirni mijaawaa akka jiraatuuf Waraqaan Eenyummaa Dijitaalaa Biyyaalessaa hojiirra ooleera. Waraqaa Eenyummaa &#8216;Faaydaa&#8217; wanti adda taasisu odeeffannoo tekinoloojii baayoomeetiriikii fayyadamuun [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5123,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[45],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5121"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5121"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5121\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5124,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5121\/revisions\/5124"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5123"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5121"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5121"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5121"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}