{"id":5139,"date":"2025-06-07T18:39:09","date_gmt":"2025-06-07T18:39:09","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5139"},"modified":"2025-06-07T18:39:09","modified_gmt":"2025-06-07T18:39:09","slug":"karaan-nagaa-yomiyyuu-filatamaadha","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/06\/07\/karaan-nagaa-yomiyyuu-filatamaadha\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0\u00a0 Karaan Nagaa Yomiyyuu Filatamaadha"},"content":{"rendered":"<p>Itoophiyaatti waggoota dhihoo asitti qaamoleen seeraan alaan hidhatanii socho\u2019an lammileerratti miidhaa olaanaa dhaqqabsisaniiru. Lubbuun lammiilee baay\u2019ee darbeera; namoonni baay\u2019een qaamni isaanii hir\u2019uu ta\u2019eera; qabeenyi namoota dhunfaafi mootummaa barbadaa\u2019eera. Iddoon waraanni itti adeemsifamu miidhaa dhaqqabsiisuu danda\u2019u jechoota muraasaan ibsuun rakkisaadha. Waraanni jiruufi jireenya hawaasa tokkoo raasurratti gahee olaanaa qaba. Akka waligalaattis diinagdee biyya tokko laamsheessurratti waraanni gahee olaanaa qaba. Biyyi waraana keessa galtu, fuulleen ishee addunyaarratti qabdus akka badu ni taasisa.<\/p>\n<p>Gama kanaan qaamoleen seeraan alaan hidhatanii socho\u2019an, qabsoo uummataaf ni taasifna jedhanii, maqaa uummataatiin socho\u2019an uummatarratti gidiraa adda addaa dhaqqabsisaa turaniiru. Uummata ugguuru, lammiileen sosocho\u2019anii akka hin hojjenneef daandii cufuu, ajjechaafi gudeeddiin qaamoleen seeraan alaan hidhatanii socho\u2019an kan ittiin ibsamaniidha.<\/p>\n<p>Hata\u2019u malee badii kana hunda raawwatanis karaa nagaan akka gara hawaasaatti makamaniif mootummaan irra daddeebiin waamicha dabarsaa tureera; dabarsaa jiras. Carraa kanatti fayyadamuun\u00a0\u00a0 keessumaayyuu miseensonni Shanee, baay\u2019ee ta\u2019an waamicha nageenyaa kana fudhachuun nagaan gara hawaasatti makamaniiru. Inumaayyuu miseensonni kun yeroo ammaa qaama mootummaa waliin ta\u2019uun adeemsa seera kabachisuurratti argamu. Miseensonni kun hawaasa duraan miidhaa turaniin gaabbuu isaaniitiin har\u2019a hojii misoomaatinis beenyaa kanfalaa jiru.<\/p>\n<p>Hundaa olitti gochi duraan keessa turan sirrii akka hin taane hubachuun isaan wallaalummaan ammas bosona keessa jiran akka deebi\u2019aniif gorsi kennaa jiran baay\u2019ee gaariidha. Waan kana ta\u2019ef qaamoleen seeraan alaan hidhatanii ammas socho\u2019aa jiran dogoggora isaaniirraa deebi\u2019anii akka obboloota isaaniitti karaa nagaa filachuun irraa eegama. Qabsoo sababa hin qabneerra karaan nagaa yomiyyuu filatamaadha waan ta\u2019\u2019ef miseensoonni bosona jiran ammas gara qalbii isaaniitti deebi\u2019uun irra jiraata kan jedhu ibsa ejjennoo keenya har\u2019aati.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Itoophiyaatti waggoota dhihoo asitti qaamoleen seeraan alaan hidhatanii socho\u2019an lammileerratti miidhaa olaanaa dhaqqabsisaniiru. Lubbuun lammiilee baay\u2019ee darbeera; namoonni baay\u2019een qaamni isaanii hir\u2019uu ta\u2019eera; qabeenyi namoota dhunfaafi mootummaa barbadaa\u2019eera. Iddoon waraanni itti adeemsifamu miidhaa dhaqqabsiisuu danda\u2019u jechoota muraasaan ibsuun rakkisaadha. Waraanni jiruufi jireenya hawaasa tokkoo raasurratti gahee olaanaa qaba. Akka waligalaattis diinagdee biyya tokko laamsheessurratti waraanni [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[46],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5139"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5139"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5139\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5140,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5139\/revisions\/5140"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5139"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5139"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5139"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}