{"id":5156,"date":"2025-06-07T19:04:14","date_gmt":"2025-06-07T19:04:14","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5156"},"modified":"2025-06-07T19:04:14","modified_gmt":"2025-06-07T19:04:14","slug":"gahee-afoolli-hariiroo-hawaasaa-cimsuuf-qabu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/06\/07\/gahee-afoolli-hariiroo-hawaasaa-cimsuuf-qabu\/","title":{"rendered":"Gahee Afoolli Hariiroo Hawaasaa Cimsuuf Qabu"},"content":{"rendered":"<p>Bara sirni barreeffamaa hin jirre, hawaasni jiruufi jireenya isaa keessatti itti dhimmi bahaa kan turedha; har\u2019as hawaasa keessatti itti gargaaramuu irratti kan argamu yoo ta\u2019u, faayidaan inni qabus hedduu ta\u2019uutu dubbatama. Afoolli dhimmoota hedduu of keessatti hammachuun ergaa dabarsuu kan danda\u2019uufi dhimma jabaadha. Maalummaa afoolaafi faayidaa isaan wal qabatees kitaaba Afaan Oromoo, \u2018SEMMOO\u2019 jedhamu barreessaa Addunyaa Barkeessaatiin katabame irratti akkasi jechuun ibsameera, Afoolli ogummaa (Wisdom) labata tokkoo kan biraatti afaaniin darbudha. Fayyadama afaanii kan ilmi namaa uumaa, uumama, beekumsa natoofi baranee ittiin hubatuufi ibsu jechuunis ni danda\u2019ama. Kana malees, sochii miiraafi sammuu isaa keessatti lubbuu godhate miidhagina uffachiisee bifa qindaa\u2019ina qabuun kan dhiyeessu, sammuu kan dammaqsu, miira kakaasee kan sissi\u2019eessu, hojii uumee ta\u2019uun isaas ifaadha jedha, barruun kitaabicharraa arganne.<\/p>\n<p>Kanaafuu afoolli aadaa, seenaa sadarkaa guddinni hawaasichaa irra jiruufi irra ture mul\u2019isuuf jechootaafi ibsitoota dhaga\u2019uufi dubbachuuf tolaniin kunuunsee dhiyeessa jechuun ibsa. Dabalataanis hawaasni Oromoo bakkaafi yeroo adda addaatti dhimmi adda addaatiif afoolatti gargaaramee ergaa isaa dabarfataa ture, dabarfachaas jira. Afoolli isaa kunis seetoo isaa waan ta\u2019eef, isaan gorfata, semmoo diinagdee, aadaafi eenyummaa isaa waan ta\u2019eef isa ilaalee quufa. Natoon of jajjabeessee har\u2019umeetti quba qaba. Afoolli, daawwitii jireenya isaa waan ta\u2019eefis, kaleessa mil\u2019atee har\u2019a jiraata, har\u2019a ciniinnatee boriifis suuqqata. Isatu jireenya; jireenyatu isa.<\/p>\n<p>Kanaafuu, dubbatamee hin dhumu jechuun maalummaa afoolaafi gahee inni hawaasa keessatti taphachuu danda\u2019u kiitaaba kana keessatti katabameera. Akka barreeffamootni adda addaa mullisanitti afoolatti gargaaramuun waan hunda gochuun akka danda\u2019amudha. Kan dadhabe jabeessuuf, goota leellisuuf, lugna gootomsuuf, aadaa hojii cimsuuf kan abdii kutate calancala abdii itti mullisuuf, tokkummaafi walooma hawaasaa ibsuufi dhimmootni biroo hedduun kan walooma hawaasaa ibsuufi dhimmootni biroo hedduun kan ittiin ibsaman gosootuma afoolaa kanatti gargaaramuuni. Barattuu muummee Afaanii, ogbarruufi Quunnamtii yuunivarsitii Baahir Daar kan taate Fariyaa Daafis, \u201cafoolli abbummaan isaa kan hawaasaati\u201d jechuun dubbatteetti.<\/p>\n<p>Gosoota afoolaa keessaa mammaaksatti dhimma bahuunis nama daandiin jireenyaa harkaa badeefi abdii kutate jajjabeessuun ni danda\u2019amas jetteetti. Fakkeenyaaf, \u201charka xuriifi akka duriitti hin hafan, Ifaajan ifa argan, kaatan kutaa uffatan\u201d kanneen jedhaman mammaaksota abdii namatti horan isaan muraasa jechuun yaada ishee nuuf qooddeetti. Jireenya bu\u2019aa ba\u2019ii addunyaa keenyaa har\u2019a keessatti wantootni hedduun nama mudachuu maluu, kanneen keessatti miira namaa jabeessuufi seexessuuf hawaasni bifa adda addaan afoolatti gargaarama, jedhee kan dubbate ammoo Barataa Yuunnivarsitii Baahir Daaritti Muummee Afaanii, Ogbarruufi Quunnamtii Cimdeessaa Abaataati. \u201cEelan Eelee dhaabbatan Karaa fagoo tarkaanfii tokkorraa eegalu\u201d kanneen jedhamaniifi bifa sirbaafi geerarsaanis abdii kan kutate seexessuun ni danda\u2019ama jedha, jiruuf jireenya hawaasaa keessatti yeroo rakkoon mudatu bifa araaraan furuuf jechoota gabaabaatti gargaaramuun rakkoo guddaa furuun akka danda\u2019amus Barattuu Fariyaan ni dubatti.<\/p>\n<p>Wayita hawaasa gidduutti wal dhabdeen uumamuu hunduu gamaa gamanaa yaadota faallaa danuu kaasan abbootiin keenya \u201cDubbiin baayyateef harreetti hin fe\u2019an\u201d jechuun namoota kanneen gara araaraatti haala salphaafi jecha muraasaan fidu jechuun himti. Tokkummaa hawaasa biyya keenyaa jabeessuun har\u2019a akka gahu taasisuuf shoorri afoolaa olaanaadha. Sababni isaas bifa geerarsaa, mammaaksa, sheekoo \/oduu durii, walaloo, sirbaafi dhimmoota birootti gargaaramuun hawaasni biyya keenyaa hariiroo hawaasummaa isaa cimsachuu danda\u2019eera.<\/p>\n<p>Gosa afoolaa keessaa, mammaaksi dubbii fixa dubbiis fida kan jedhu Barataa Yuunivarsitii Baahir Daar Muummee Afaanii, Birraa Yohaannis, \u201cWaliin ta\u2019an waliif ta\u2019an\u2019\u2019 addunyaa dhalli namaa keessa jiraatu keessatti: namni nama malee jiraachu akka hin dandeenyeefi yoo waliin ta\u2019an,waan hunda gochuu akka danda\u2019an ibsuufi.\u00a0 \u2018\u2019Qunceen wal gargaartee Arba Hiiti\u201d mammaaksi jedhummoo qalbii namaa keessatti guddina qaamaa bineensa Arbaafi hangam qal\u2019oofi daftee cituu kan dandeessu Quncee kan wal dorgomsiisudha, garuu qallinaafi humna dhabuu quncee osoo hin taane walitti dabalamuun yoo waliin taate Arba cimaadha jedhamee yaadamu illee qabdee hidhuu akka dandeessuufi tokkummaan ilma namaaf hangam dhimma barbaachisaafi faayidaa guddaa fiduu danda\u2019u tokkummaafi walooma ibsuuf fakkeenya guddaa ta\u2019uu danda\u2019aniidha jedhuun nuuf eereera.<\/p>\n<p>\u201cAkka yaada kiyyaatti tokkummaa cimsuufi jaalala leellisuu keessatti shoorri afoolaa daran guddaadha\u201d jechuun yaada isaa kan nuuf qoode ammoo Barataa Hawweeraa Dinqisiisaatti \u201cTokko Dhiisu gabaan wal nagaddi mammaaksi jedhu,walooma cimsuu keessatti qaamni yaada garagaraafi fedhiin isaanii adda adda tahewaliin jireenya isaanii cimsuuf jecha yeroo isaan dantaa dhuunfaa isaanii dhiisanii waloomaaf dursa kennu kan argisiisudha. \u2018\u2019walii galan alaa galan\u201d yaadni jedhus keessumatti dhimmoota yeroo har\u2019a biyya keenya keessatti rakkoo ta\u2019aa jiraniif furmaata fiduu mammaaksa danda\u2019udha jedha barataan kun.<\/p>\n<p>Dabalataanis\u00a0 conceen walitti dhuftee Garba taati, mammaaksonni jedhaman miira tokkummaan waan hin danda\u2019amne, gara ni danda\u2019amaatti fiduun akka danda\u2019amu dhimmoota haala salphaan afoola hawaasaan darbaa nurra ga\u2019an kanneen tokkummaa leellisanidha jedha barataa Hawweeraan. Akka yaada barattoota kanaattis, yeroo har\u2019aa kana sababoota adda addaan afoola kanatti gargaaramuun hafaa jiraachuu nuuf eeraniiru. Yeroo duriifi dhaloota amma jiran gidduuttis itti fayyadamni afoolota kanneeni haalaan gadi bu\u2019aa ta\u2019uufi keessumaa maatiin ijoollee irraa eegaluun hanga mana barnootaa sadarkaa olaanootti fuulleeffachuun hojjetamuu qaba jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru. Dhugumaatti, afoolli afaaniin daddarbaa, faayidaa guddaa buusaa har\u2019a nu bira kan gahe, afoola hawaasaa kana irratti qaamni hundi irratti hojjechuu qabaanis dhaamsa Barruu keenya har\u2019aati.<\/p>\n<p>Surraa Iddoosaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Bara sirni barreeffamaa hin jirre, hawaasni jiruufi jireenya isaa keessatti itti dhimmi bahaa kan turedha; har\u2019as hawaasa keessatti itti gargaaramuu irratti kan argamu yoo ta\u2019u, faayidaan inni qabus hedduu ta\u2019uutu dubbatama. Afoolli dhimmoota hedduu of keessatti hammachuun ergaa dabarsuu kan danda\u2019uufi dhimma jabaadha. Maalummaa afoolaafi faayidaa isaan wal qabatees kitaaba Afaan Oromoo, \u2018SEMMOO\u2019 jedhamu barreessaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5157,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5156"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5156"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5156\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5158,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5156\/revisions\/5158"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5157"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5156"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5156"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5156"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}