{"id":5165,"date":"2025-06-07T19:15:51","date_gmt":"2025-06-07T19:15:51","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5165"},"modified":"2025-06-07T19:15:51","modified_gmt":"2025-06-07T19:15:51","slug":"duuressa-addunyaa-qabeenya-isaa-caalmaan-afrikaaf-kennuuf-murteesse","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/06\/07\/duuressa-addunyaa-qabeenya-isaa-caalmaan-afrikaaf-kennuuf-murteesse\/","title":{"rendered":"Duuressa Addunyaa Qabeenya Isaa Caalmaan Afrikaaf Kennuuf Murteesse"},"content":{"rendered":"<p>Biil Geetis\u00a0&#8216;Maayikiroosooftii&#8217;\u00a0hundeessuufi duuressa addunyaa ta&#8217;uun kan beekamudha. Akkasuma haadha manaa isaa wajjin ta\u2019uun hojii tola ooltummaa hojjetuun baay&#8217;ee beekama. Geetis\u00a0Waashiingtan\u00a0keessatti Akka lakkoofsa Awuroppaa Onkololeessa 28\/1955 dhalate. Umrii ijoollummaa 13 tti ture jaalala sooftiweerii\u00a0koompitaraa\u00a0kan horate. Biil Geetis koompitaraafi kitaaba dubbisuuf jaalala guddaa qabaachuu isaatu himama. Pirograamii ibsaa tiraafika to&#8217;atu hojjechuun doolaara kuma digdama kan argate umriii ijoollummaa isaa 15 ture.<\/p>\n<p>Dhiibbaa maatii isaa irraan kan ka\u2019e barumsa seeraa barachuuf karoorsus bara jalqabaa isaatti barumsa dhiisee daree koompitaraa deemaa ture. Sana booda garuu barumsa isaa addaan kutee hiriyyaa isaa Paa\u2019ul Alleen wajjin ta\u2019uun kaampanii Microsoftii bara 1975 hundeessan. Yeroo ammaa duuressa addunyaa beekamaa ta&#8217;uu danda&#8217;eera. Duureessi addunyaa kun dhiheenya kana\u00a0 waggoota 20 dhufanitti qabeenya qabu keessaa harka caalaa fooyya&#8217;iinsa tajaajila fayyaafi barnootaa Afrikaatiif kennuuf akka ta&#8217;e beeksiseera. Biil Geetis waggoota 20 booda Dolaara Biliyoona 200 gaha jedhamee eegamu keessaa dhibbantaa 99 dabarsee kennuuf karoorfachuu kan beeksise ji&#8217;a darbe ture.<\/p>\n<p>Dhaabbanni abbaa qabeenyaa kanaa, Faawundeeshiniin Biilii fi Meeliindaa Geetis bara 2025 hojiisaa xumura jedhameera. Biil Geetis, dargaggoonni Afrikaa hojii kalaqaatti bobba&#8217;an Hubannoo Nam-Tolchee (AI) haalasaan fayyadamanii tajaajila fayyaa ardii isaanii foyyeessuu danda&#8217;anirratti hojjechuu qabu jedhaniiru. Dhaabbanni abbaa qabeenyaa \u2018Biil And Meliindaa Geetis Faawundeeshin\u2019 jedhamu kun bara 2025 hojii isaa xumura. Itoophiyaatti, sirna waajjira muummee Gamtaa Afrikaatti qophaa&#8217;erratti &#8220;waggoota 20 dhufan keessa akka qoodu dhiyeenya kana waadaa galeera. Maallaqni harki caalu rakkoowan Afrikaa keessa jiran akka ittiin furtan gargaaruuf oola&#8221; jedheera.<\/p>\n<p>Giifti-dureen duraanii Mozaambiik Giraasaa Maasheel &#8220;yeroo rakkinaatti kan dhufedha&#8221; jechuun karoora Biil Geetis dinqisiifatteetti. &#8220;Murannoo amansiisaa Geetis nu waliin imaluuf qaban ni amanna&#8221; jedhaniiru. Mootummaan Ameerikaa sagantaalee dhukkubsattoota Eedsii wallaansi akka kennamuuf qophaa&#8217;een deeggarsa Afrikaatiif kennu addaan kuteera. Sababa imaammata Tiraampi &#8220;Dursa Ameerikaatiif&#8221; jedhuun jijjiiramni dhufe kun hiree tajaajila fayyaa ardittiirratti yaaddoo uumeera. Biil Geetis, Faawundeeshiniin hojii Afrikaa keessatti hojjetuun muuxannoo dheeraa qabu kun tajaajila fayyaa sadarkaa jalqabaarratti akka xiyyeeffatu ibseera.<\/p>\n<p>Biliyeenarri kun dargaggoota hojii kalaqaatti xiyyeeffataniif ergaa dabarseen, bilbilawwan harkaa Afrikaa keessatti tajaajila baankii keessatti warraaqsa akka fidan eeruun, hubannoo nam-tolchee (AI) faayidaa ardiittiif ooluu qaba jedheera. Ruwaandaa akka fakkeenyaatti kan kaase Biil Geetis, biyyattiin ulfawwan balaa guddaa qaban adda baasuuf altiraa saawondii AI\u2019n deeggrame fayyadamuun tajaajila akka foyyeessite kaasaniiru.<\/p>\n<p>Dhimmoota sadii Geetis Faawundeeshin xiyyeeffannaa kennuuf keessaa tokko hanga danda&#8217;ame duuti haadhotiifi daa&#8217;immanii akka dhaabbatu gochuudha. Dhaloonni itti aanu dhukkuboota daddarboon akka hin rakkanne gochuufi namoota miliyoonaan lakkaa&#8217;aman hiyyummaa keessaa baasuun dhimmoota Faawundeeshinichi xiyyeeffannoo itti kennee hojjetudha. &#8220;Dhuma waggaa 20 irratti hojii Faawundeeshinichaatti Aduun ni dhiiti,&#8221; jechuun waa&#8217;ee egeree faawundeeshnichaa dubbateera.<\/p>\n<p>Geetis ji&#8217;a darbe karaa Faawundeeshinichaa kennuuf kan waadaa gale akka saffisaan raawwatu ibsee ture. \u00a0Biil Geetis qabeenya isaa harka dhibba keessaa 99 kan ta&#8217;u erga dabarsee kennee boodallee duressummaan sadarkaa shanaffaarra taa&#8217;a. Abbaan qabeenyaa kun maallaqa isaa kennuuf akka murteessuuf kan isa kakaase Waaren Buufetiifi namoota hojii tola ooltummaa biroo ilaaluun akka ta&#8217;etu himama.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Biil Geetis\u00a0&#8216;Maayikiroosooftii&#8217;\u00a0hundeessuufi duuressa addunyaa ta&#8217;uun kan beekamudha. Akkasuma haadha manaa isaa wajjin ta\u2019uun hojii tola ooltummaa hojjetuun baay&#8217;ee beekama. Geetis\u00a0Waashiingtan\u00a0keessatti Akka lakkoofsa Awuroppaa Onkololeessa 28\/1955 dhalate. Umrii ijoollummaa 13 tti ture jaalala sooftiweerii\u00a0koompitaraa\u00a0kan horate. Biil Geetis koompitaraafi kitaaba dubbisuuf jaalala guddaa qabaachuu isaatu himama. Pirograamii ibsaa tiraafika to&#8217;atu hojjechuun doolaara kuma digdama kan argate umriii [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5166,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[42],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5165"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5165"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5165\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5167,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5165\/revisions\/5167"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5166"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5165"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5165"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5165"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}