{"id":5168,"date":"2025-06-07T19:28:34","date_gmt":"2025-06-07T19:28:34","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5168"},"modified":"2025-06-07T19:37:24","modified_gmt":"2025-06-07T19:37:24","slug":"carraaqqii-rakkoo-kenniinsa-tajaajilaa-furuuf-taasifamaa-jiru","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/06\/07\/carraaqqii-rakkoo-kenniinsa-tajaajilaa-furuuf-taasifamaa-jiru\/","title":{"rendered":"Carraaqqii Rakkoo Kenniinsa Tajaajilaa Furuuf Taasifamaa Jiru"},"content":{"rendered":"<p>Rakkoon kenninsa tajaajilaa waajjiraalee mootummaa hedduu biratti kan mul\u2019atu ta\u2019us waajjiraalee hojii kallattiin abbaan dhimmaa itti baay\u2019atu biratti akka hammaatu ni ibsama. Biyya tokko keessatti Mootummaan filannoo uummataan aangoo qabate guddina siyaas-diinagdeefi badhaadhina hawaasummaa mirkaneessuufi tajaajila si\u2019ataa, haqa qabeessaafi qulqulluu ta\u2019e kennuun dirqama malee dhimma akka kennaatti ilaalamu miti.<\/p>\n<p>Hoggantootni mootummaa yeroo isaan gara angootti\u00a0 dhufan hawaasa isaaniif tajaajila barbaachisu kennudhaaf waadaa ni galu. Kanaanis, hawaasni ulaagaa tajaajila argachuuf isa dandeessisu guuttachuun waajjiraalee mootummaa sadarkaan jiran irraa tajaajila barbaadu argachuun mirga isaati jedhame amanama.\u00a0 Haata&#8217;u malee dhaabbilee mootummaa hedduu keessatti\u00a0 rakkoon kenninsa tajaajila baay&#8217;inaan kan mul&#8217;atudha. Lammiileen dhimmoota garaagaraa raawwachiisuuf gara waajjiraalee mootummaatti yeroo isaan\u00a0 deddebi&#8217;an ni mul&#8217;tu. Tajaajila saffisaafi si&#8217;aawa ta&#8217;e\u00a0 dhabanii kan komii kaasanis salphaa miti.<\/p>\n<p>Naannoo Amaaraa bulchiinsa sablammii Oromootti,\u00a0\u00a0 jiraata aanaa Dawwee Harawaa kan ta&#8217;an obbo Indiris Hasan\u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 dhaabbileen mootummaa tajaajila gaarii kennan akkuma jiraniitti, kanneen uummata isaanii qixa sirriin hin tajaajilles jiraachuu eraniiru. Keessumaa hojjettootni dhaabbilee tokko tokko keessatti,\u00a0 yeroo hojii kabajuu dhabuu, abbaa dhimmaa hanga irraa eegamuutti tajaajiluu dhabuu, dhimma guyyaa tokkotti raawwatamu danda&#8217;uuf bellamaan deddebisuun jiraachuu dubbataniiru. Teknoloojii fayyaadamuun tajaajila saffisaa kennuu irratti hanqinni jiraachuus himaniiru.\u00a0 Keessumaa dhaabbilee fayyaafi mana murtii keessatti rakkoon guddaan jiraachuu himaniiru.<\/p>\n<p>Jiraataan magaalaa kamisee inni biroon Ahmad Bashiir, gamsaaniin haala kenninsa tajaajila waliin walqabatee rakkoo kan ta&#8217;e hojjetaan yeroo hojii kabajuu dhabuudha jechuun yaada obbo Indiriis kaasan qooddattu. Sababa namoota yeroo hin\u00a0 kabajneen abbaan dhimmaa\u00a0 yeroo rakkatu akka mul&#8217;atu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Naannoo Amaaraa bulchiinsa sablammii Oromootti,\u00a0 kenniinsa tajaajila dhaabbiileen mootummaa kennaa jiran fooyyeessuuf hojjetamaa jiraachuu Qajeelcha siviilsarvisii bulchiinsa sablammii Oromootti dursaan garee bulchiinsa qabeenya namaafi yeroo,\u00a0 obbo Aliyyii\u00a0 Iswaalii himaniiru. Rakkoon kenniinsa tajaajila dhaabbilee garaagara keessatti darbee darbee mul&#8217;atu sirreessuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.<\/p>\n<p>waajjiraalee abbaa dhimmaa ulaagaa isarraa barbaachisu guuttatee dhufeef seera, labsiifi qajeelfama waajjirichaa qabu bu\u2019uureffachuun tajaajila iftoominaafi haqummaa qabu kennuuf dirqama akka qaban hubachisaniiru. Hojiiwwan gama hundaan hojjetaman tajaajilaa si\u2019ataa, qulqulluu, haqa qabeessaafi hanna irraa bilisa ta\u2019een yoo hin deeggaramiin bu\u2019aa qabeessa ta\u2019uu akka hin dandeenye dubbataniiru.<\/p>\n<p>kenniinsa tajaajila dhaabbiileen mootummaa\u00a0 uummataaf kennaa jiran hordofuun gahee siivil sarviisii\u00a0 isa ijoo ta&#8217;uu himanii, adeemsa kana milkeessuufis gareen rifoormii,\u00a0 akka bulchiinsa sablammichaa, aanootaafi bulchiinsa magaalootaatti\u00a0 hundeeffame hojjechaa\u00a0 jiraachuu ibsaniiru. Gareen kunis dhaabbilee mootummaaf deeggarsaafi hordoffii taasisuu, haala kenniinsa tajaajila isaaniitiin dhaabbilee dorgomsisuun sadarkaa baasuu, rakkoolee furamaniifi hin furamne adda baasuun kallattii furmaata kan kennu ta&#8217;u dubbataniiru. Hojjetaan mootummaa tokko sa&#8217;aatii saddeet hojjechuun hawaasa isaa tajaajiluuf dirqama qaba jedhaniiru.<\/p>\n<p>Gurmiin kan too&#8217;atus seektara seektaraan hundaa&#8217;uun hojjechaa akka jiru kan ibsan obbo Aliyyiin, gurmiiwwan kun bakka ramadamanitti, dhaabbilee garaagaraa keessatti sagantaa baafatani sakata&#8217;insa tasaa\u00a0 taasisuuniifi daawwachuun hojjettoota hojiirra jiraniif hin jirre adda baasuun ragaa qabachuun akka ol gabaasan ni taasisu jedhaniiru.\u00a0 Kanaanis rakkooleen adda addaa dhaabbiile muraasa keessatti akka jiran mirkaneessuu ibsaniiru. Hoggantootnifi ogessootni barfatanii seenuu, yeroo malee bahuun dhaabbilee muraasa keessa mul&#8217;ataniiru jechuun ibsaniiru.<\/p>\n<p>\u2018\u2019Ogeesootni adda addaa sababoota garaagaraa tarreessuun, osoo yeroon hin gahiin seenanii bahuun bakka tokko tokkotti mul&#8217;atera\u2019\u2019 kan jedhan obbo Aliyyiin,\u00a0 kana immoo hojii deeggarsaafi hordoffii akka gareetti qopheessuun duub deebii kennuudhaan rakkichi akka furmaata argatu taasisuun danda&#8217;amu ibsaniiru. Ogeessootni qajeelfama siivil sarviisiin kaa&#8217;e bu&#8217;uura godhachuun sa&#8217;aatii saddeet tajaajila si&#8217;aata akka kennaniif hordooffiin cimaan taasifamaa jiraachuus dubbataniiru.\u00a0 Hojjetaan sababa adda addaan akka hojiirra\u00a0 hin hafne,\u00a0 sirna to&#8217;annoo dijitaalaa ta&#8217;e fayyadamuun yeroo seenaniifi bahan ashaaraa tuqaniin akka darban taasifamaa jiraachuu himaniiru.<\/p>\n<p>&#8220;Hoggantootaafi ogeessoota kennaa tajaajila irratti rakkoo qabaniifis gorsaafi leenjii kennuun akka of sirreessan taasisa jirra&#8221; jedhaniiru. Ogeessota of hin sirreesine irrattis tarkaanffiin seeraa ni fudhatama jedhaniiru. Araada waliin wal qabatees hojiirraa irraa yeroo malee bahuun, ogeessota mursaa biratti kan mul&#8217;atu ta&#8217;uu himaniiru.<\/p>\n<p>Hoggansaafi ogeessa itti gaafatamummaa itti kenname dagachuun abbaa dhimmaa daddeebisuu, maamiltootaaf kabaja hin kennine tajaajila fedhii dhuunfaan jijjiiruufi haqa dabsuun hawaasa burjaajeesu irratti dambi hojjettoota labsii 253\/2010 irratti hundaa&#8217;un addabbiin kan kennamu ta&#8217;u himaniiru. Kana waliin walqabatee, akka qajeelcha bulchinsa sablammii Oromootti\u00a0 hojjetaan tokko tajaajilamtootarraa yeroo mallaqaa fudhatu qabamee hojiirraa ari\u2019aamuu yaadachisaniiru. Kanaan alattis teknoloojii fayyadamuun,\u00a0 tajaajila haqa qabeessaafi si&#8217;ata dijitaalaayizeshinii ta&#8217;e kennuuf jalqabbiin gaarii jiraatuus hanqina qabeenyaafi humni namaa baratee qormaata ta&#8217;uu hubachisaniiru.<\/p>\n<p>Akka waliigalaatti, rakkoon kenniinsa tajaajilaa, qaama mootummaa qofaan furamuu waan hin dandeenyeef akkasumas sirni itti gaafatamummaa hojiira oolfamu bu\u2019aa qabeessa akka ta\u2019uuf abbootii dhimmaa dabalatee, tumsa qaama hundaa kan barbaaduu ta&#8217;uu himaniiru. Kanaaf, &#8220;hawaasni keenya yeroo tajaajila argachuuf gara waajjiraaleetti deemu ulaagaalee tajaajilaaf isa barbaachisan guuttachuufi mirga isaa kabachiisuun cinatti, qaamota haqa uummataa dabsan saaxiluun ga\u2019ee isarraa eegamu bahuu qaba jedhaniiru. Hawaasni koomii qabu kamiyyuu galmee yaadaafi saanduqa yaadaa irratti dhiheessuu akka danda&#8217;u hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Rakkoon kenninsa tajaajilaa waajjiraalee mootummaa hedduu biratti kan mul\u2019atu ta\u2019us waajjiraalee hojii kallattiin abbaan dhimmaa itti baay\u2019atu biratti akka hammaatu ni ibsama. Biyya tokko keessatti Mootummaan filannoo uummataan aangoo qabate guddina siyaas-diinagdeefi badhaadhina hawaasummaa mirkaneessuufi tajaajila si\u2019ataa, haqa qabeessaafi qulqulluu ta\u2019e kennuun dirqama malee dhimma akka kennaatti ilaalamu miti. Hoggantootni mootummaa yeroo isaan gara angootti\u00a0 [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5171,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5168"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5168"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5168\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5170,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5168\/revisions\/5170"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5171"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5168"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5168"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5168"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}