{"id":5196,"date":"2025-06-22T12:49:55","date_gmt":"2025-06-22T12:49:55","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5196"},"modified":"2025-06-22T12:49:55","modified_gmt":"2025-06-22T12:49:55","slug":"qunceen-wal-gargaartee-arba-hiiti","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/06\/22\/qunceen-wal-gargaartee-arba-hiiti\/","title":{"rendered":"Qunceen Wal-gargaartee Arba Hiiti"},"content":{"rendered":"<p><strong>\u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0\u00a0<\/strong><\/p>\n<p>Jiruufi jireenya kamiyyuu keessatti hirmaannaan hawaasichaa murtessaadha. Hojiilee mootummaan raawwatu keessattis gaheen hawaasichaa hangana kan jedhamuu miti.\u00a0 Guddina nama dhuunfaarraa eegalee hanga misooma biyyaatti abdiifi mul\u2019anni kamuu nageenya malee tasumaa milkaa\u2019uu hin danda\u2019u. nageenyi kunis kan milkaa\u2019u yeroo uummanni damaqinaan hirmaatudha.<\/p>\n<p>Nageenyi uummata hirmaachise, itti fufiinsa kan qabuufi abdachiisaadha. Hawaasni tokko qaama mootummaa nageenya egsisu waliin qindominaan kan hojjetu yoo ta\u2019e qaamoleen farra nageenyaa ta\u2019an iddoon itti seenan hin jiru. Kanaaf yoomiyyuu taanaan nageenya waaraa fiduuf hawaasicha hirmaachisuun furtuudha.<\/p>\n<p>Naannoolee Amaaraafi Oromiyaatti, rakkoo nageenyaan miidhaan hawaasarra gahaa waan tureef,\u00a0 yeroo ammaa hawaasni naannoolee kanaa tokkummaa isaa cimsee nageenya isaa miraneessuuf hojjechaa jiraachuu ni ibsama. Kanaan dura qonnaan bulaan rakkoo nageenyaa mudateen misoomarraa fagaatee ture yoo ta\u2019u yeroo ammaa nageenya fooyya&#8217;aa argame fayyadamuun, lafa isaa qotuun oomishaawwan adda addaan uwwisaa jiraachuun himameera.\u00a0 Hawaasichaafi qaamoleen nageenyaa qindoominaan hojjechuun isaanii nageenyi waaraa akka argamu taasiseera; kanaanis waggoottan darban lafa sababa rakkoo nageenyaatiin hin qotamiin turees yeroo ammaa misoomaa jiru.\u00a0 Daandileen kanaan dura sababa garaagaraan yeroo tokko tokko cufamaa turanis yeroo ammaa tajaajilaa guutuu ta&#8217;e kennaa jiru. \u00a0\u00a0Egaa uummanni firii nageenyaa kana dhandhamuu kan danda\u2019e waan qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjeteefidha.<\/p>\n<p>Waan kana ta\u2019eef hariiroon uummataafi qaamolee nageenyaa kun kan yeroo gabaabaa osoo hin taane haala dhaabbataa ta\u2019een jiraachuu qaba. Kana taanaan hawaasichi nageenya isaa waan argatuuf gumaachi inni diinagdee hawasaa keessatti qabu olaanaa waan ta\u2019uuf yoomiyyuu taanaan hariiroon hawaasichaafi qaamolee nageenyaa cimee itti fuufuu qaba kan jedhu ibsa ejjannoo keenya har\u2019aati.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0\u00a0 Jiruufi jireenya kamiyyuu keessatti hirmaannaan hawaasichaa murtessaadha. Hojiilee mootummaan raawwatu keessattis gaheen hawaasichaa hangana kan jedhamuu miti.\u00a0 Guddina nama dhuunfaarraa eegalee hanga misooma biyyaatti abdiifi mul\u2019anni kamuu nageenya malee tasumaa milkaa\u2019uu hin danda\u2019u. nageenyi kunis kan milkaa\u2019u yeroo uummanni damaqinaan hirmaatudha. Nageenyi uummata hirmaachise, itti fufiinsa kan qabuufi abdachiisaadha. Hawaasni tokko [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5197,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[46],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5196"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5196"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5196\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5198,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5196\/revisions\/5198"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5197"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5196"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5196"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5196"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}