{"id":5211,"date":"2025-06-22T13:07:04","date_gmt":"2025-06-22T13:07:04","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5211"},"modified":"2025-06-22T13:07:04","modified_gmt":"2025-06-22T13:07:04","slug":"garee-biyyaalessaa-dorgomaa-uumuuf-xiyyeeffannoon-kennamaa-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/06\/22\/garee-biyyaalessaa-dorgomaa-uumuuf-xiyyeeffannoon-kennamaa-jira\/","title":{"rendered":"Garee Biyyaalessaa Dorgomaa Uumuuf\u00a0 Xiyyeeffannoon Kennamaa Jira"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Itoophiyaan dorgommii Waancaa Afrikaa hundeessuu keessatti qooda guddaa kan gumaachite ta\u2019uun ni yaadatama. Biyyattiin Waancaa Afrikaa yeroo sadii kan qopheessite yoo ta\u2019u, erga bara 1976 as garuu qopheessuuf carraa hin arganne. Haata\u2019u malee, Itoophiyaan bara 2029 tti Waancaa Afrikaa keessummeessuuf fedhiifi qophii qabaachuu ishee hoggantoota CAF\u2019f yaa\u2019ii taa\u2019amerratti gaaffii dhiheessiteetti. Itoophiyaan dirree sadarkaa \u2018FIFA\u2019 guutuu waan hin qabneef tapha silaa dirree ofiirratti taphachuu qabdu biyya ormaatti deggaraa malee taphachuu ammayyu itti fuftee jirti.<\/p>\n<p>Sochiin dhiheenya taasifamaa jiru rakkoo kana furuu irratti waan xiyyeeffatu fakkaata. Tibbana qaama waancaa Afrikaa 2029 keessummeessuu kan ta\u2019e hojii garee biyyaalessaa cimaa ijaaruu irratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa beeksiseera. Kunis kan ta&#8217;e ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Itoophiyaan ALA bara 2029 waancaa Afrikaa keessummeessuuf karoora qabaachuushee ibsuun isaaniitiin boodattidha. Kanuma hordofuun qaama dhimmi ilaaluuf ifatti gaaffii dhiyeessuun ishee ni yaadatama. Yuunivarsiitii Baahir Daaritti barsiisaan saayinsii Ispoortii Damis Gaashuu (Dr.) gareen biyyaalessaa Itoophiyaa bu&#8217;uura irraa rakkoo qabaachuu isaa himaniiru.<\/p>\n<p>\u201cLeenjistoonni garee biyyaalessaa dandeettii tapha guyyaa guyyaa xiinxaluu hin qaban, ciminaafi dadhabina garee morkataa addaan hin baasan, karoora tapha adda addaa diizzaayinii taasisu irratti hanqina qabu\u201d jedhaniiru. Taphattoota tapha sanaaf mijatan adda baasuu dhabuunis madda rakkoo injifatamuu garichaa ta\u2019uu kaasaniiru. Doktar Damis \u201cakkaataa federeeshiniin kubbaa miilaa biyyaalessaa leenjistoota garee biyyaalessaa itti qacaru dogoggora, kanas bu\u2019aa gadaanaa gareen biyyaalessaa galmeesseerraa hubachuun ni danda\u2019ama. Rakkoon leenjistoota gidduutti akka gareetti hojjechuu dhabuus rakkoo taphattoota biratti ifatti mul\u2019atudha\u201d jedhaniiru.Kilaboota gurguddoo keessatti leenjistoonni bu\u2019aa gaarii hin argamsiisne leenjistoota biroon dafanii kan bakka bu\u2019an ta\u2019uu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Barsiisaan saayinsii ispoortii kun akka himanitti qacarriin taphattootaas ta\u2019e leenjistootaa dandeettii taphattootaa irratti kan xiyyeeffate miti. \u201cKubbaan miilaa biyyattii guddisuuf dubartootaafi dargaggoota irratti hojiin cimaan hojjetamuu qaba jedhaniiru. Bu\u2019aa yeroof barbaaduu irra ispoorteessitoota leenji\u2019an oomishuun bu\u2019uura kubbaa miilaa biyyattii dhagaa jabaa irratti ijaaruun barbaachisaa ta\u2019uu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Dhimma kana ilaalchisee garee biyyaalessaa dorgomaa ijaaruuf gama qophiitiin wantoota hojjetamaa jiran hogganaan waajjira federeeshinichaa obbo Baahiruu Xilaahun ibsaniiru. Gaaffii dhiyaate hordofuun federeeshinichi hojiilee baay&#8217;ee raawwachaa jiraachuu ibsanii, keessumaa karoora\u00a0biyyattiin waancaa Afrikaa bara 2029 keessummeessuuf qabdurratti hundaa\u2019uun qophii cimaan taasifamaa jiraachuufi garee biyyaalessaa dorgomaafi bu\u2019a qabeessa ta\u2019e ijaaruuf xiyyeeffannaan addaa kennamee sochiitti seenamee jiraachuu eeraniiru.<\/p>\n<p>Inisheetiviifi pirojektoonni haaraan keessumaa guddattootarratti xiyyeeffatan hojiirra ooluu eegalamuus ibsaniiru. Kanneen keessaas pirojaktii \u201cRoad to 2029\u201d jedhamu guddattoota abdatamaniifi humna cimaa qaban filachuun madaalliifi leenjii akka argataniif gara kaampii biyyaalessaatti erguun jalqabamuu dubbataniiru. Hanga ammaatti guddattoonni 40 Giddugala Gahumsaa \u2018CAF\u2019 seenuun leenji\u2019aa jiraachuu kaasanii, gara fuulduraattis guddattoonni gahumsa qaban naannolee adda addarraa filatamanii akka itti dabalaman himaniiru. Gaaffiin Itoophiyaan waancaa Afrikaa keessummeessuuf dhiheessite yoo fudhatama argate kubbaa miilaa biyyattii haaressuu qofa osoo hintaane bu&#8217;uuraalee ispoortii barbaachisoo ta&#8217;an ijaaruu keessattis gahee olaanaa qaba jedhaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Itoophiyaan dorgommii Waancaa Afrikaa hundeessuu keessatti qooda guddaa kan gumaachite ta\u2019uun ni yaadatama. Biyyattiin Waancaa Afrikaa yeroo sadii kan qopheessite yoo ta\u2019u, erga bara 1976 as garuu qopheessuuf carraa hin arganne. Haata\u2019u malee, Itoophiyaan bara 2029 tti Waancaa Afrikaa keessummeessuuf fedhiifi qophii qabaachuu ishee hoggantoota CAF\u2019f yaa\u2019ii taa\u2019amerratti gaaffii dhiheessiteetti. Itoophiyaan dirree sadarkaa \u2018FIFA\u2019 [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5212,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[47],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5211"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5211"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5211\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5213,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5211\/revisions\/5213"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5212"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5211"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5211"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5211"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}