{"id":5224,"date":"2025-07-09T12:34:54","date_gmt":"2025-07-09T12:34:54","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5224"},"modified":"2025-07-09T12:34:54","modified_gmt":"2025-07-09T12:34:54","slug":"itoophiyaan-pirojaktoota-gurguddoo-ijaaraa-turte-jia-fulbaanaatti-ni-eebbisisti","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/07\/09\/itoophiyaan-pirojaktoota-gurguddoo-ijaaraa-turte-jia-fulbaanaatti-ni-eebbisisti\/","title":{"rendered":"Itoophiyaan Pirojaktoota Gurguddoo Ijaaraa Turte Ji&#8217;a Fulbaanaatti Ni Eebbisisti"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Piroojeetiwwan gurguddoo\u00a0 guddina biyyattif murteessoo ta&#8217;an baatii Fulbaana dhufuu keessatti eebbifamuun guutummaan guutuutti gara hojiitti akka galan ministirri muummee Abiy Ahimad (Dr) dubbataniiru. Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad\u00a0 Walga\u2019ii Idilee Mana Maree Bakka Bu\u2019oota Uummataa 42ffaa irratti ibsa itti kennan keessaa dhimmi Hidha\u00a0 Haaromsa guddicha\u00a0 Itiyoophiyaa isa tokkodha.<\/p>\n<p>Hidhi Haaromsa guddichi kun,\u00a0 Itoophiyaanootni qabeenya ofiitiin waggoottan kudhanii oliif ijaarsisaa turan, ijaarsi isaa xumurame Fulbaana keessatti akka eebbifamu ibsaniiru. Eebba hidhichaarratti biyyoota yaa&#8217;aa gadii\u00a0 dabalate Ijiptiifi Sudaan akka hirmaatan ni affeerra jedhaniiru.\u00a0 \u201cHidhichi biyyoota yaa\u2019aa gadiif kennaadha malee yaaddoo miti\u2019\u2019 kan jedhan ministirri muummichaa,\u00a0 ammatti qaamni hidhaan Guddichi haaromsa Itoophiyaa akka hin eebbifamne tattaaffii taasiisu akka hin jirres ibsaniiru.<\/p>\n<p>Itoophiyaan misooma hunda waloon fayyadamuu\u00a0 malee qaama kamiiyyuu miidhuuf kaayyoo akka hin qabnes himaniiru. Ijaarsi maddeen anniisaa hedduun xumuramaa jiraachuus dubbataniiru. Ibsa Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad eebba hidha haaromsa guddacha ilaalchisuun mana maree bakka bu&#8217;oota uummataaf taasisaniin booda miidiyaaleen guguddoon addunyaa ajandaa godhachuun hidhichi xumuramuu gabaasaniiru. Kana malees Itoophiyaan yeroo jalqabaaf oomisha Gaazii\u00a0 ji&#8217;a Fulbaana keessatti gabaa addunyaaf akka dhiheessitu Ministirri muummichaa ibsaniiru. Sirnoota mootummaa Itoophiyaa darban keessa gaazii baasuuf yaaliin taasifamaa akka ture kan yaadachiisan Ministirri muummee Abiy Ahmad (Dr), Jijjiiramaan booda mootummaan gaazii oomishuuf warshaalee dhaabuuf damee dhuunfaa waliin mallatteessuu isaa himaniiru. Kaampaaniiwwan haaraa fi dandeettii qaban damee kanarratti akka hojjetan taasifamuus yaadachiisaniiru.<\/p>\n<p>Haala Kanaan Itoophiyaan yeroo jalqabaaf oomisha gaazii gabaa akka baaftu ibsaniiru. Adeemsi gaazii oomishuu kun marsaan jalqabaa xumuramee dhiheenyatti akka eebbifamuufi adeemsi oomishuu marsaan lammataa akka jalqabamu beeksisaniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Piroojeetiwwan gurguddoo\u00a0 guddina biyyattif murteessoo ta&#8217;an baatii Fulbaana dhufuu keessatti eebbifamuun guutummaan guutuutti gara hojiitti akka galan ministirri muummee Abiy Ahimad (Dr) dubbataniiru. Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad\u00a0 Walga\u2019ii Idilee Mana Maree Bakka Bu\u2019oota Uummataa 42ffaa irratti ibsa itti kennan keessaa dhimmi Hidha\u00a0 Haaromsa guddicha\u00a0 Itiyoophiyaa isa tokkodha. Hidhi Haaromsa guddichi kun,\u00a0 Itoophiyaanootni qabeenya [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5225,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5224"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5224"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5224\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5226,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5224\/revisions\/5226"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5225"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5224"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5224"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5224"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}