{"id":5236,"date":"2025-07-09T12:47:29","date_gmt":"2025-07-09T12:47:29","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5236"},"modified":"2025-07-09T12:47:29","modified_gmt":"2025-07-09T12:47:29","slug":"qayyaafi-faayidaa-isaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/07\/09\/qayyaafi-faayidaa-isaa\/","title":{"rendered":"Qayyaafi Faayidaa Isaa"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Miidhagina yeroo jedhamu, ulaagaalee hedduu qabaachuu kan maludha. Tarii Uumaan ganamumaan simbo-qabeettii \/qabeessa\/ taasisuun kan uumuufi inni biraan ammoo erga of baranii guddatanii booda faayawwaniifi dhimmoota miidhagina namaaf kennuu danda\u2019an hedduutti dhimma bahuun miidhaguun isaan ijoo dha.<\/p>\n<p>Yeroo hedduus akka biyya keenyaatti miidhaginaaf bakka guddaa kennuun kan dhiphattan warreen dubartootaa ta\u2019uun isaa beekamaadha. Gaafa akkas jennuu warreen biroon miidhagina hin barbaadan jechuu osoo hin taane harka caalu dimma kanaaf, yeroof qabeenya isaanii kan qisaasessan dubartoota akka ta\u2019an taatewwan isaan guyyuun raawwatan ragaa ni ba\u2019a. Yeroo hedduu miidhaginaafi simboo qabaachuun keessumaa ammoo bifaan magaala ta\u2019uu isaaniin kan hammataman dubartoota kutaa Walloo jiraatanidha. Miidhagni qofti addatti bahuun dachee sana qofatti dhalatu hanga nama jechisiisuu danda\u2019utti dubartootni qalbii namaa hawwatan hedduun isaanii ni jiru. Hawaasni bulchiinsa sablammii Oromoo keessa jiraatanis miidhaga uumaan ganamaan isaaniif kenneen cinatti yeroo durii irraa eegaluun adeemsa ittiin miidhagina isaanii eeggatantu jira. Adeemsi kunis Qayya Aarfachuu jedhamuun kan beekamudha.<\/p>\n<p>Qaya qayyachuun dubartoota naannawaa Walloo biratti dhimma aadeffatamedha. Jiruuf jireenya isaanii guyyaa guyyaan gaggeeffatan keessattis dhimma hafuu hin dandeenyedha. Sababni kun ta\u2019eefis faayidaa isaa haalaan waan hubataniif akka ta\u2019etu dubbatama. Qayya qayyachuuf dhimmootni ijoo ta\u2019an hedduun kan jiran yoo ta\u2019u isaan keessaas, boolla qayyi itti aarfatamu mana keessaa qabaachuun isa hangafati. Muka naannoo isaaniitti argamu hedduu jaallatamaa ta\u2019e \u201cMalahoo\u201d jedhamu gabaadha bitachuun yoo nannawaa qe\u2019ee ofii jiraates muratanii qaqallisuun akka aaruuf tolutti mijeeffachuunis dhimma barbaachisaadha. Yeroo hedduus Abbaan warraa haadha manaa isaaf bituun qaqaliisee akka qopheessuufis ni himama.<\/p>\n<p>Galteewwan barbaachisoo hidda mukaafi baala hanga 12 ta\u2019an kanneen akka Ambaalccoo, qaraaruu, Hagamsa, Bakkanniisa, Reetii, Luqaalluqaafi Soorsa fa\u2019a kan jedhaman gabaa bitachuun qophii dursaa qayya aarfachuuf taasifamu keessaa isaan muraasadha. Osoo qayya aarfachuun hin eegalin dura nyaata aadaa kan akka marqaa nyaachuun filatamaadha. Isa booda dhadhaa rifeensaafi qaama ofiitti dibachun gogaa loonii irraa kan qophaa\u2019e akka haarri boolla qayya sana keessaa bahu qaama namaa argatuuf haguuggatanii irra taa\u2019u.\u00a0 Wayita kanattis nafa ofiitti uffata kan biraa uffachuun hin danda\u2019amu, uffata aarri akka hin baaneef dhorku, kan akka uffata halkanii fakkaatuufi gogaa\/kallee sana irraa kan hafe hin godhatamu jechuudha. Aadde Muzafar, qayya qayyachuun akka hojii isaanii idilee tokkootti nama lakka\u2019aan keessaa isaan tokko yoo ta\u2019an, bulchiinsa magaalaa Kamisee keessa jiraatu. \u201cdubartiin qayya aarfachuu kan eegaltu bultii horattee yookiin erga heerumtee booda guyyaa 5ffaa irraa eegalteeti\u201d jedhaniiru. Keessumatti ammoo dubartootni hojii gara garaatti qabamanii miirri dadhabbii waan itti dhagahaamuuf yoo qayya aarfattu dadhabbii sana irraa balleessas jechuun aadde Muzafar ni dubbatti.<\/p>\n<p>Foolii gaarii waan nuuf kennuufis ganamaa galgala hanguma dandeenye qayyanna jechuun yaada ishee nuuf qooddeetti.<\/p>\n<p>Itti gaafatamttuun Waajjira Aadaafi Tuurizimii Bulchiinsa Magaalaa Kamisee, Aadde Zahaaraa Abbubakar \u201cqayya qayyachuun aadaa qofaa mitii, dawaadhas\u201d jedhaniiru. Aadde Zahaaran aadaa Walloo keessatti dubartiin heerumte kamiyyuu dhimma isheen ittiin miidhaga ishee eeggachaa fayyummaa isheef oolfattudha, namummaa ishee qulleessee bareecha, dhibeewwan kanneen akka dhukkubbii dugdaa ni fayyisaa, qorannoon irratti taasifamaa kan jiru dhibee kaansariif akka dawaa ta\u2019etu himamas jedhaniiru. \u2018\u2019Aadaa keenya boonsaa kanas akka waajjira keenyaatti haalan jabeesinee beeksisuuf irratti hojjechaa jirra, hundumtuu waliin taanee aadaa keenya haa guddifannu\u2019\u2019 jechuunis itti gaafatamtuun kun gorsaniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamaan qajeelcha AadaafiTuurizimii Bulchiinsa Sablammii Oromoo, Obbo Ahimad Ibraahim, aadaan qayya aarfachuu yeroo durii irraa eegalee hanga har\u2019aatti ballinaan dubartoota Walloo biratti haalaan beekamaafi jaallatamaadha jedhaniiru. Yeroo ammaas beekamtii argachuun magaalota gurguddoo biyyattii hedduu keessatti kan babal\u2019atee jiruufi sadarkaa biyya alaattis ergamaa jiraachuu dubbataniiru. Yoo abbaantummaan qayya aarfachuu kan barbaachisu ta\u2019es kan hawaasa keenya ta\u2019uu qaba yaada jedhus obbo Ahimad nuuf qoodaniiru. Erga qayya aarfatanii xumuranii boodas qaama ofii dhiqachuun boqonnaa barbaachisaa fudhachuun nyaata aadaa marqaa nyaachuu, ni filatama yoo marqaan hin argamnes gosa nyaataa biraatti gargaaramuun ni danda\u2019ama. Aadaa faayidaa dachaa qabu kana kan ammayyummaan osoo hin booressin sirnaan dhaloota itti aanutti dabarsuun barbaachisaadha kan jedhu dhaamsa barruu keenyaati.<\/p>\n<p>Surraa Iddoosaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Miidhagina yeroo jedhamu, ulaagaalee hedduu qabaachuu kan maludha. Tarii Uumaan ganamumaan simbo-qabeettii \/qabeessa\/ taasisuun kan uumuufi inni biraan ammoo erga of baranii guddatanii booda faayawwaniifi dhimmoota miidhagina namaaf kennuu danda\u2019an hedduutti dhimma bahuun miidhaguun isaan ijoo dha. Yeroo hedduus akka biyya keenyaatti miidhaginaaf bakka guddaa kennuun kan dhiphattan warreen dubartootaa ta\u2019uun isaa beekamaadha. Gaafa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5237,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5236"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5236"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5236\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5238,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5236\/revisions\/5238"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5237"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5236"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5236"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5236"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}