{"id":5239,"date":"2025-07-09T12:49:19","date_gmt":"2025-07-09T12:49:19","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5239"},"modified":"2025-07-09T12:49:19","modified_gmt":"2025-07-09T12:49:19","slug":"itti-fayyadama-baajata-mootummaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/07\/09\/itti-fayyadama-baajata-mootummaa\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0 Itti Fayyadama Baajata Mootummaa"},"content":{"rendered":"<p><strong>\u00a0\u00a0<\/strong><\/p>\n<p>Baajatni galii mootummaafi gahee maallaqaa dhaabbilee adda addaaf\u00a0 hojii raawwachisuudhaaf kan ramadamuudha. Baajatni\u00a0 gibira biyya tokko, liiqaa, deggarsaafi baasii kan of keessatti hammatudha. Biyyi tokko mootummaa malee jiraachuu akka hin dandeenye, mootummaanis baajata malee jiraachuu hin danda&#8217;u.\u00a0 Baajanni kan barbaachiseefis tajaajila waloo kutaan dinagdee dhunfaa dhiyeessuu kan hin dandeenye uumuu yookiin guutuufidha.\u00a0 Baajanni imaammata biyya tokko raawwachisuuf kan dandeessisu meeshaa guddaa ta&#8217;ee akka tajaajilufi eenyummaa mootummaa biyya tokko sirritti madaaluufis gahee guddaa qabaachuu ni himama.<\/p>\n<p>Maddoota galii babal&#8217;isuuniifi baasii irratti to&#8217;annoo cimaa taasisuun, guddina biyya tokko fiduufis furtuu guddaa ta&#8217;uu in ibsama. Baajanni\u00a0 sagantaawwan mootummaan biyya tokko, karoora yeroo gabaabaa, gidduu galeessaafi dheeraan hojjechuuf qabaman, hojiitti akka hiikaman taasisuuf kan gargaaruudha. Baajatni mootummaan ramaduu diinagdee biyyaa tasgabeessuufis faayidaa olaanaa qaba. Kun kan ta&#8217;u garuu, baajanni Mootummaan ramadu qisaasama tokko malee faayidaa ummataafi kaayyoo ramadameef oolchuun yoo danda&#8217;ameedha.<\/p>\n<p>Baajanni ramadame haala karoora qabameefi qajeelfamaatiin kan hoganamu malee akka feetedhaan kan hojiirra oolu yoo ta\u2019e misoomaafi guddina biyyaa irratti gufuu guddaa ta&#8217;u danda&#8217;a. Baajanni bu\u2019uura fedhii misoomaa ummanni gaafatuun karoorafamee qisaasama malee hojiirra ooluun osoo irra jiraatuu yeroo tokko tokko haala barbaadamuun hojiirra ooluu dhabuun madda komii ummataa ta\u2019aa tureera, ta&#8217;aa jiras.\u00a0 Sababa baajata mootummaan hojii raawwachisuuf ramadu seeraan fayyadamuu dhabuun, piroojaktootniifi bu&#8217;uuraaleen misoomaa hedduun jalqabamanii osoo hin xumuramin waggaa dheeraaf turan lakkoofsaan xiqqaa miti. Gama biraatiin immoo dhuma bara baajatichaarratti dhaabbileen tokko tokko baajata mootummaa sababa hin malleen, fakkeenyaaf durgoo fakkeessanii haala hin malleen\u00a0 yeroo isaan qisaaseessan ni mul&#8217;atu. Biiroon maallaqaa naannoo Amaaraa gamaggama itti fayyadama baajataa bara baajataa 2017 kan ji&#8217;oota saddeet waajjiraalee garaagaraa waliin taasiseen, haalli itti fayyadama baajataa yeroorraa gara yerootti fooyya&#8217;aa jiraachuus, hanqinootni akka jiran gamaggamichaan mul&#8217;ateera. Raawwiin baajata idilee gaarii ta&#8217;us, haalli itti fayyadama baajata kaappitaalaa proojektootaa gadii aanaa ta&#8217;u ibsameera.<\/p>\n<p>Naannoo Amaaraa bulchiinsa Sablammii Oromootti, baajataa haalaan fayyadamuu waliin wal qabatee bulchiinsi sablammichaa maal akka hojjechaa jiru gaazexaan Hirkoo, itti gaafatamaa qajeelcha maallaqqaa bulchiinsa sablammichaa obbo Abduu Muhee waliin turtii taasisteetti. Obbo Abduun Baajata mootummaan ramadu sirnaan fayyadamurratti kanaan dura hanqinootni\u00a0 akka turan himanii, yeroo ammaa hanqinoota turan irraa barachuun, rakkoolee gama itti fayyadama baajataa irratti mul&#8217;atan hambisuuf hojiileen hedduun hojjetamuu dubbataniiru. Jalqaba bara baajataa 2017\u00a0 karooraafi qajeelfama qulqulluufi ifa ta&#8217;e,\u00a0 bulchiinsa baasiifi galiidhaaf jedhuun qopheessuun, karoorawwan bahan akka raawwatamaniifi lafa akka qabatan gochuun hojjetamaa turu kaasaniiru.<\/p>\n<p>Karooraawwan murteessoo ta&#8217;an hunda, kan baajataa, kaffaltii, faayinaansii, bittaafi ijaarsa hanga Hagayya 30 akka xumuraman taasisuun, gara hojiitti galamuu dubbataniiru. Kanaanis baajatni \u00a0\u00a0waajjiraalee bulchiinsa sablammichaa keessa jiran hundaaf\u00a0 haala\u00a0 fedhiifi gahee isaaniin qoqqooduun gara hojiitti akka galan taasifamuu dubbataniiru. Raawwii baajatichaaf bu&#8217;uura kan ta&#8217;u haala rammadii baajata ta&#8217;uu kan ibsan obbo Abduun,\u00a0 bittaawwan ijaarsaaf oolan yeroodhaan hanga Fuulbana 30 tti bitamanii akka xumuraman gochuufi ijaarsi aanoota hunda keessatti hojjetamuuf karoorfamee Sadaasa tokkorraa kaasee, akka jalqabamu tattaaffiin taasifamaa tureera jedhaniiru. &#8220;Kanaaf immoo bu&#8217;uura kan ta&#8217;uu\u00a0 danda&#8217;u galiidha kan jedhan obbo Abduun,\u00a0 galiinis fooramiidhaan hogganamu qaba jenne hojjechaa turreerra &#8221; jedhaniiru. &#8220;Hojiiwwan haalduree eeraman hojjechuu keenyaan baajataa mootummaa haalaan fayyadamuu dandeenyeerra&#8221; jedhaniiru.<\/p>\n<p>Akka bulchinsa sablammichaatti piroojektootni kaappitaalaa 223\u00a0 ta,an jiraachuu kan eeran itti gaafatamaan kun, piroojektoota kaappitaalaa kunneen raawwachisuuf immoo\u00a0 baajata birriin biliyoona 2.3 ramadamuu hubachisaniiru.\u00a0 Koreen teeknikaa cimaan hundaa&#8217;uun\u00a0 piroojektoota kana raawwachisuuf yeroo yeroodhaan gamaaggama gaggeessuun deeggarsaafi hordooffi\u00a0 cimaa taasisuu himaniiru. Hojiilee hojjetamaa jiran irrattis daawwannaa adda addaa taasisuun, galteewwan adda addaa haala hojiile hojjetaman irratti kennuun, hordoffiin taasifamu eeraniiru. Kanaanis raawwiin\u00a0 itti fayyadama baajataa gama piroojetkoota kaappitaalaan jiru gara dhiibbeentaa 90 ol ta&#8217;uufi haala gaarii irra jiraachuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Bara baajataa kanaan baajata miindaaf ramadame dhiibbeentaa guutuun raawwachuun danda&#8217;amu himaniiru. Baajata raawwii hojiif ramadames dhiibbantaa 90 ol raawwachuun danda&#8217;amu hubachisaniiru. Haallii galii sassaabuu irratti sababa nageenyaan rakkoon mudachuu kan himan obbo Abduun,\u00a0 \u2018\u2019baajanni raawwii hojiif ramadame dhiibbeentaa dhibbatti akka hin raawwanne nu taasiseera&#8221; jedhaniiru. Kaappitaalli idilees raawwii gaariirra jiraachuu himaniiru. Baajataa kaapitaalaa jallisiif naannichi ramades dhiibbantaa dhibbaatti raawwachuu ibsaniiru. Haalli itti fayyadama baajataa bara kanaa haala gaariirra jira jedhaniiru. Kanaaf immoo hojii ooditii cimsuu, koree walitti qabamtootaafi kaffalamtoota akkasumas koree qabeenya qulqulleessuu jedhu qindeessuun hanga sadarkaa gadiitti deeggarsaafi hordoffii taasisuun qabeenyi kaayyoo qabameef akka ooluu taasisu danda\u2019uu kaasaniiru. Dabalataanis aanoleen bulchiinsa sablammichaa keessatti argaman hundi karoora gochaa baasuun, karooraan akka hogganaman gochuun, dhaabbileen faayinaansii hundi karoora gochaa,\u00a0 qajeelcha maallaqaaf galchuun,\u00a0 haala karoorichaa raawwachaa jiraachuu obbo Abduun ibsaniiru.\u00a0 Aanooleen baasiin ji&#8217;atti baasan, kurmaana 2ffaatti baasiin isaan baasan, akkasumas ji&#8217;a jahaafi waggaatti baasanis karoora gochaa kanaan kan hogganamuudha jedhaniiru. Haata&#8217;u malee karoora gochaa kana waliin deemuuf aanoleen rakkataa jiran jiraachuu ibsaniiru. Kunis sababa rakkoo rakkoo nageenyaan akka ta&#8217;e hubachisaniiru.<\/p>\n<p>Baajata ramadame sirnaan fayyadamuu dhabuun, misoomni eegalaman akka itti hin fuufne, rakkoon bulchiinsa gaarii akka mudatu, malaamaltummaan akka babal&#8217;atuufi uummatni amantaa mootummaa irraa akka dhabu kan taasisuudha jedhaniiru. Baajatni kan ramadamu dhabbileen bara baajaticha keessatti hojii hojjechuu qaban akka hojjetaniifidha kan jedhan obbo Abduun, dhaabbilee baajata kennameef sirnaan hin fayyadamne, bajata hafe sana gara kaaznaa mootummaatti galii akka taasisan ibsaniiru. Dhuma bara baajaticha keessatti\u00a0 kanaan dura dhaabbileen garaagaraa baajata kennameef, sababa garagaraan qisaaseessaa turu kan himan itti gaafatamtichi,\u00a0 yeroo ammaa gocha kana hambisuuf dhaabbileen karoora gochaa baasanii, akka fayyadaman\u00a0 taasisuun hordoffi cimaan taasifamuu dubbataniiru. Dhaabbileen kana darbani argaman irratti tarkaanffiin irratti akka fudhatamu himaniiru.<\/p>\n<p>Itti aanaan itti gaafatamaa biiroo maallaqaa naannoo Amaaraa obbo\u00a0 Attaalaay Xilaahuun,\u00a0 baajatni hojiilee hojjetamaa jiran raawwachisuuf kan ramadamu ta&#8217;u ibsuun, qabeenya murta&#8217;aa kana sirnaan fayyadamani misoomsuuf qaamolee gahe qabeessoota itti gaafatamummaa qabaachuu dubbataniiru. Haalli itti fayyadama baajataa haala karoorfameef, kaayyoo karoorfamee akkasumas haalli itti fayyadama yoo sirnaan galmaa&#8217;u baate,\u00a0 rakkoon itti fayyadama baajataa jiraachuu kan agarsisuudha jedhaniiru.<\/p>\n<p>Baajata mootummaa haala karoorfameen fayyadamuu dhabuun, hojiin akka hin hojjetamne agarsisa jedhaniiru. Baajata mootummaan ramadu kaayyoo karoorfamee oolchuun, fedhii misoomaa ummataa yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufe sadarkaa sadarkaan guutuuf baajata ramadamu qisaasama tokko malee fedhiifi faayidaa ummataarratti hundaa\u2019uun hojiirra oolchuun murteessaa ta&#8217;uu hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u00a0\u00a0 Baajatni galii mootummaafi gahee maallaqaa dhaabbilee adda addaaf\u00a0 hojii raawwachisuudhaaf kan ramadamuudha. Baajatni\u00a0 gibira biyya tokko, liiqaa, deggarsaafi baasii kan of keessatti hammatudha. Biyyi tokko mootummaa malee jiraachuu akka hin dandeenye, mootummaanis baajata malee jiraachuu hin danda&#8217;u.\u00a0 Baajanni kan barbaachiseefis tajaajila waloo kutaan dinagdee dhunfaa dhiyeessuu kan hin dandeenye uumuu yookiin guutuufidha.\u00a0 Baajanni imaammata [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5240,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5239"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5239"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5239\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5241,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5239\/revisions\/5241"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5240"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5239"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5239"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5239"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}