{"id":5242,"date":"2025-07-09T12:52:51","date_gmt":"2025-07-09T12:52:51","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5242"},"modified":"2025-07-09T12:52:51","modified_gmt":"2025-07-09T12:52:51","slug":"faaydaa-waraqaa-eenyummaa-buaa-galmeessisaa-jiru","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/07\/09\/faaydaa-waraqaa-eenyummaa-buaa-galmeessisaa-jiru\/","title":{"rendered":"Faaydaa: Waraqaa Eenyummaa Bu&#8217;aa Galmeessisaa Jiru"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Itoophiyaatti tajaajilaafi tajaajilamtoota gidduutti wal amantaa, iftoomina ittigaafatamummaafi sadarkaa biyyaalessaatti sirni mijaawaa akka jiraatuuf Waraqaan Eenyummeessaa Dijitaalaa Biyyaalessaa hojiirra ooleera. Innis &#8216;faaydaa&#8217; jedhamuun beekama. Waraqaa Eenyummaa &#8216;Faaydaa&#8217; kanneen biroorraa wanti adda isa taasisu odeeffannoo teknoloojii baayoomeetiriikii fayyadamuun eenyummaa bu\u2019uuraa nama tokkoo haala adda ta\u2019een guutummaatti adda baasuun karaa danda\u2019amuun galmeessuun kan kaa\u2019udha. Keessumaayyu, odeeffannoowwan tekinoloojii fayyadamuun eenyummaa abbaa waraqichaa mirkaneessuuf gargaaran baay&#8217;ee of keessatti hammatudha.<\/p>\n<p>Waraqaan kun kan duraanii irraa garaagarummaa guddaa waan qabuuf lammiilee biyyattii biratti fudhatamummaa gonfateera. Manneen barnootaa dabalatee dhaabbileewwan tajaajila hawaasaa kennan keessatti tajaajilli kamuu waraqichaan akka kennamuuf daran irratti hojjetamaa jira. Lammiileen biyyattis hubannoo argataniin galmeessa waraqaa eenyummaa raawwachuun waraqaa eenyumaa isaa kana irrajireessaan ofharkaan gahachaa jiraachuu mirkaneeffanneerra.<\/p>\n<p>Bulchiinsa sablammii Oromootti, jiraataan magaalaa Kamisee obbo Ahimad Bashir &#8221;hubannoon argadheen waraqaan eenyummeessaa kun faayidaa hundagaleessa kan qabu ta&#8217;uusaa mirkaneeffadhee ulaagaa barbaachisaa ji&#8217;oota afur dura guutuun yeroo ammaa waraqicha baafadheen jira&#8221; jedhaniiru. Waraqaan eenyummaa duraan ture bakkaa bakkaatti qabatanii socho&#8217;uuf sodaa kan namatti uumu ture kan jedhan jiraatichi kan biyyaalessaa kun ammoo rakkoolee kanaaf kan biroon wal qabatanii dhufan furuuf gumaacha qabaachuu kaasaniiru.<\/p>\n<p>Waraqichi kan biyyaalessaa waan ta&#8217;eef kutaalee biyyattii hunda keessa bilisummaan socho&#8217;uuf carraa guddaa waan uumuuf walitti dhufeenya uummattoota biyyattii daran kan guddisu ta&#8217;uu isaa himaniiru. Duraan namni tokko waraqaa eenyummaa garaagaraa maqaasaatiin qabatee socho&#8217;aa turuu kaasanii, kan dijitaalaa kun daldalaafi kenninsa tajaajila hawaasummaa keessatti gochoota waliin dha&#8217;iinsaafi seer-alummaa maqsuu keessatti gumaacha qabaachuu eeraniiru.<\/p>\n<p>Bulchiinsa sablammii Oromootti itti gaafatamaan waajjira bulchiinsaa obbo Addisuu Barrihuun, waraqaan eenyummaa dijitaalaa faaydaa maqaa isaarraa akkuma hubatamu faayidaa hundagaleessa qabaachuu himaniiru. Akka isaan jedhanitti, waraqichi dhimmoota siyaas-dinagdeefi hawaasummaa keessatti sirna dinagdee biyyaalessaa uumuuf ni gargaara. Akkasumas, waraqaawwan eenyummaa biroo bakka bu&#8217;uun akka waraqaa eenyummaa bu\u2019uuraa tokkootti fudhatamuu kan danda\u2019u ta&#8217;uu isaa kaasaniiru. Obbo Barrihuun, dhaabbilee tajaajila hawaasummaa kennan adda addaa waliin walitti hidhamiinsa waan qabuuf tajaajiloota hundagaleessa kennuu danda\u2019a jedhaniiru.<\/p>\n<p>Sirna daldalaafi kenninsa tajaajilaa keessatti hojmaatota seeraan alaa waraqaa eenyummaa isaa eenyummaa adda addaa mul&#8217;isuun raawwatamu malu kan maqsu ta&#8217;uus dubbataniiru. Akkasumas hojmaata dhaabbilee tajaajila kennanii ammayyeessuufi dijitaalessuun gochoota\u00a0 badaa ta&#8217;an hir\u2019isuuf gumaacha olaanaa qabaachuu dubbataniiru. Baankonni dabtara herreega haaraa baasuuf, teeleen siimii haaraa baasuuf waraqaa eenyummaa faaydaa gaafachaa akka jiran eeraniiru.<\/p>\n<p>Lammiileen kutaa biyyattii kamuu tajaajila sadarkaa biyyaatti kennamu haala hundagaleessa ta&#8217;een salphaatti akka argatan kan taasisuufi kutaalee biyyattii keessa bilisummaan socho&#8217;uun jireenya hawaasummaafi dinagdee isaanii akka geggeeffataniif haala kan mijeessu ta&#8217;uusaati kan dubbatani. &#8221;Kunis uummattoota biyyattii gidduutti hariiroo gaarii uumuun walitti dhufeenyi isaanii kan duraanii caalaa akka cimuuf ni tumsa&#8221; jedhaniiru. Dabalataanis, dhaabbilee barnootaa keessatti sirna waraqaa eenyummaa dijitaalaa adda baaftuu barattoota idilee taasisuuf hojjetamaa jiraachuu odeeffannoo qaban irraa nuuf qoodaniiru. Kunis carraaqqii damee barnootaa dijitaalessuufi ammayyeessuuf taasifamu kan tumsudha jedhaniiru. Waraqaan eenyummeessaa kun maalummaa barattootaa karaa walfakkeenya qabuun adda baasuuf kan oolu ta&#8217;uu kaasaniiru. Akka itti gaafatamichi jedhanitti, bulchiinsichatti hawaasni naannawaa magaalaa jiraatu dhibbantaan 99 waraqicha argachuuf galmaahuu danda&#8217;uu hubachiisaniiru. Hawaasa kutaalee baadiyyaa bulchiinsichaa itti fayyadamtoota waraqichaa taasisuuf hojii hubannoo dhimma kanarratti kennuuf gahe qabeessota waliin hojjechaa jiraachuu himaniiru. Lammiin kamuu akka lammii tokkootti kutaalee biyyattii keessa bilisummaan socho\u2019uufi tajaajiloota adda addaa si\u2019oominaan argachuuf bakka waraqaa eenyummaa argachuuf itti galmaa&#8217;amu deemuun ulaagaa barbaachisu guutuun waraqicha fudhachuun akka irra jiraatu hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Itoophiyaatti tajaajilaafi tajaajilamtoota gidduutti wal amantaa, iftoomina ittigaafatamummaafi sadarkaa biyyaalessaatti sirni mijaawaa akka jiraatuuf Waraqaan Eenyummeessaa Dijitaalaa Biyyaalessaa hojiirra ooleera. Innis &#8216;faaydaa&#8217; jedhamuun beekama. Waraqaa Eenyummaa &#8216;Faaydaa&#8217; kanneen biroorraa wanti adda isa taasisu odeeffannoo teknoloojii baayoomeetiriikii fayyadamuun eenyummaa bu\u2019uuraa nama tokkoo haala adda ta\u2019een guutummaatti adda baasuun karaa danda\u2019amuun galmeessuun kan kaa\u2019udha. Keessumaayyu, odeeffannoowwan [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5243,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[45],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5242"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5242"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5242\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5244,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5242\/revisions\/5244"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5243"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5242"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5242"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5242"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}