{"id":5254,"date":"2025-07-22T10:52:04","date_gmt":"2025-07-22T10:52:04","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5254"},"modified":"2025-07-22T10:52:04","modified_gmt":"2025-07-22T10:52:04","slug":"dhaabbiilee-poolisii-ammayyeessuun-nageenya-uummata-naannichaa-mirkaneessuuf-hojjetamaa-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/07\/22\/dhaabbiilee-poolisii-ammayyeessuun-nageenya-uummata-naannichaa-mirkaneessuuf-hojjetamaa-jira\/","title":{"rendered":"Dhaabbiilee Poolisii Ammayyeessuun Nageenya Uummata Naannichaa Mirkaneessuuf Hojjetamaa Jira"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Dhaabbiilee poolisii ammayyeessuufi rifoormii hojjetamaa jiru bu&#8217;aa qabeessa taasisuun nageenya uummata naannoo Amaaraa\u00a0 mirkaneessuun barbaachisaa ta&#8217;u ibsameera. Qajeelch\u00a0 poolisii\u00a0 olaanaa waliigalaa naannoo Amaaraa raawwii hojii bara 2017fi xiyyeeffannoo kallattii bara baajataa kanatti mariin adeemsifameera. Maricharratti\u00a0\u00a0 ciminoota bara baajataa darbe mul&#8217;atan itti fufsisuuniifi hanqinoota jiran fooyyeessuuf hojjechuun akka barbaachisuu waliigalte waloo irra gahamuu ibsameera. Gaabasaa raawwii bara baajatichaa ka&#8217;umsa mariif kan dhiyeessan qajeelcha poolisii olaanaa waliigalaa naannoo Amaaraatti, itti gaafatamaan waajjiira addaa aqajeelchichaa gargaaraa komishinara Malaakuu Sisaay, milkaa&#8217;ina rifoormiif, koolleejjiin poolisii Naannoo Amaaraa gara Yuunivarsiitii koolleejjitti guddachuu, Qajeelch\u00a0 poolisii\u00a0 olaanaa waliigalaa naannoo Amaaraa itti waamamni isaa bulchaa olaanaa naannichaaf ta&#8217;u haala mijataa hojiif ta&#8217;u uumamuu, humni callisaas jabaachaa dhufuufi yakkoota malaanmaltummaa dursanii ittisuu irratti ciminoota bara baajatichaan galma&#8217;aan ta&#8217;u ibsaniiru.<\/p>\n<p>Gama biraatiin\u00a0 leenjiin gahaa ta&#8217;e jiraachuu dhabuu, hoggansa bakka bu&#8217;uu danda&#8217;u uumuu dhabuu, nageenya naannichaa guutumaan guutuutti mirkaneessuu dhabuufi hanqinni baajataa,\u00a0 bara baajatichaan rakkoolee turan ta&#8217;uu himaniiru. Qaamoleen maricharratti argamanis yeroo itti aanuutti\u00a0 riifoormiin eegalameefi hammatummaa seeraa cimsuu, faayidaawwan adda addaa kabachisuufi komii hiikuu, dhiyeessi loojeestiikii guuttachuufi Yuunivarsiitii kolleejjii poolisii naannoo Amaaraa cimsuun akka barbaachisuu kaasaniiru. Hojii olaantummaa seeraa kabachisuu fixaan baasuufi uummatni naannichaa boqonnaa akka argatu gochuuf hojjetamuu akka qabu hubachisaniiru.<\/p>\n<p>Ajajaan qajeelcha poolisii olaanaa waliigalaa naannoo Amaaraa, komishinar Zalaalam Mangistee, dhaabbiilee poolisii ammayyeessuufi rifoormii hojjetamaa jiru bu&#8217;aa qabeessa taasisuun nageenya uummata naannoo Amaaraa mirkaneessuun barbaachisaa ta&#8217;u himaniiru. \u2018\u2019Gaheen hojii poolisii inni jalqabaa nageenya hawaasaa kabachisuufi yakka ittisuudha\u2019\u2019 kan jedhan komishinar Zalaalam, hojii dhaabbaticha madaaluu hojjechuun itti gaafatamummaa itti kenname bahachuun akka barbaachisu hubachisaniiru. Humna qaamolee callisaa guddisuu, hojii haariiroo uummataa cimsuu, haala qabinsa miseensoota\u00a0 fooyyeessuu, naamusa poolisiifi walitti hidhaminsi izzii akka kabajamu taasisuun hojiilee ijoo yeroo itti aanuu hojjetaman ta&#8217;uus hubachisaniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Dhaabbiilee poolisii ammayyeessuufi rifoormii hojjetamaa jiru bu&#8217;aa qabeessa taasisuun nageenya uummata naannoo Amaaraa\u00a0 mirkaneessuun barbaachisaa ta&#8217;u ibsameera. Qajeelch\u00a0 poolisii\u00a0 olaanaa waliigalaa naannoo Amaaraa raawwii hojii bara 2017fi xiyyeeffannoo kallattii bara baajataa kanatti mariin adeemsifameera. Maricharratti\u00a0\u00a0 ciminoota bara baajataa darbe mul&#8217;atan itti fufsisuuniifi hanqinoota jiran fooyyeessuuf hojjechuun akka barbaachisuu waliigalte waloo irra gahamuu ibsameera. Gaabasaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5255,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5254"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5254"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5254\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5256,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5254\/revisions\/5256"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5255"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5254"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5254"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5254"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}