{"id":5257,"date":"2025-07-22T10:56:01","date_gmt":"2025-07-22T10:56:01","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5257"},"modified":"2025-07-22T10:56:01","modified_gmt":"2025-07-22T10:56:01","slug":"sirni-bulchiinsa-gibiraa-elektirooniksii-misoomee-hojii-irra-oole","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/07\/22\/sirni-bulchiinsa-gibiraa-elektirooniksii-misoomee-hojii-irra-oole\/","title":{"rendered":"Sirni Bulchiinsa Gibiraa Elektirooniksii Misoomee Hojii irra Oole"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Biiroo Galiiwwanii Naannoo Amaaraatti Daarektarri Barnoota Gibiraafi Komunikeeshinii obbo Taazzabaachaw Xaaseh akka jedhanitti, bara baajataa 2018tti kaffaltoota gibiraa sadarkaa \u201cC\u201d gibiraa kaffalchiisuuf hojiiwwan qophii dursaa hojjetamaa turaniiru. Hojiiwwan hojjetaman keessaa mootummaan naannichaa Yuunivarsiitii Baahir Daar waliin ta\u2019uun sirna bulchiinsa gibiraa elektirooniksii haaraa (e-TAS) jedhamu misoomsuun gara hojiitti galchuu dubbataniiru. Kanaanis kaffaltoonni gibiraa mana isaanii ta&#8217;uun gama bilbila harkaa isaaniitiin haala salphaa ta&#8217;een gibira akka kaffalan kan taasisu ta\u2019uu ibsaniiru. Sirnichi gibira sadarkaa \u201cC\u201d fi gibira kiraa kaffalchiisuun sirna sassaabbii gibira naannichaa kan fooyyessuu ta\u2019uu kaasaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Daarektarichi, odeeffannoo guutuu kaffaltoota gibiraa sirnicha keessa galchuun hammi maallaqa kaffalamuu qabu karaa moobaayiliin ergaan kaffalaa gibiraa bira akka gahu taasisa jedhaniiru.<\/p>\n<p>Kaffaltoonni gibiraa ergaan, erga isaan dhaqqabee booda karaa moobaayilaa baankiingii yookaan qaamaan baankiitti argamuun kaffaluu kan danda\u2019an ta&#8217;uu hubachiisaniiru. Akkasumas, qunnamtii hojjetaa galiifi kaffalaa gibiraa gidduu jiru salphisuun dadhabbii kan hambisu ta&#8217;uu isaaa himaniiru. Naannichatti bakkeewwan tajaajilli neetwoorkii argamu baay&#8217;ee keessatti tajaajilichi hojii irra oolee jiraachuu eeraniiru. Naannoolee neetwoorkiifi Baankiin hin jirretti gibirri akkaataa sirna duraan tureen kan sassaabamu ta\u2019uu kan ibsan daarekteerichi, bara dhufu naannawaalee hundaatti hojiirra oolchuuf hojjetamaa akka jiru himaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Waltajjiiwwan sochii qopheessuun gibirri kaffalamu misoomaaf kan oolu ta&#8217;uusaa hubachiisuun dhaadannoo \u201cGibira koo gammachuun nan kaffala\u201d jedhuun duula gaggeeffameen hojiin hubannoo qabsiisuu hojjetamuu himaniiru. Gibira haalaan sassaabbuun bu&#8217;uuraalee misoomaa barbaachisoo hawaasichaaf guutuuf kan gumaachu ta&#8217;uu eeraniiru. Kaffaltoonni gibiraa sadarkaa naannoo hanga gandaatti sirna kaffaltii gibiraa hubatanii akka kaffalan taasisuuf duulli hubannoo bal\u2019aan gaggeeffamaa turuu ibsaniiru. Kanaanis jijjiiramni dhufe mul&#8217;achaa jiraachuu kaasaniiru. Kaffaltoonni gibiraa sadarkaa &#8216;C&#8217; fi kaffaltoonni gibiraa kiraa hanga Adoolessa 3\/2017tti gibira isaanii guutummaatti kaffalanii xumuruu isaaniiti daarekteerichi ibsaniiru. Fakkeenyaaf: godina Goojjaam Bahaatti magaalaan Gindawayiin, aanaa Anadiidiifi aanaa Seedee akkasumas godina Walloo Kaabaa keessatti magaalaa Gaasheenaa, Filaaqit, aanaa Gaazoofi magaalaa Haaraatti sirnaan raawwatamee jiraachuu eeraniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Guyyoota kaffaltii jalqabaa afran keessatti kaffaltoonni gibiraa hundi sirnicha waan hin hubanneef, darbee darbee addaan cituun mudatee ture; ogeeyyiin illee sirnicha hin hubanne, garuu hojiin sirreeffama hatattamaa hojjetameera jedhaniiru.<\/p>\n<p>Daarekteerichi &#8221;uummanni sirna diriirfame irraa walaba ta\u2019ee, haala ammayyaa ta\u2019een, karaa baankii moobaayilaa yookaan qaamaan gara baankii deemuun gibira yeroon kaffaluutu irraa eegama&#8221; jedhaniiru. Kaffaltoonni gibiraa gibira dhoksuu irraa of qusachuufi komiifi ol iyyannoof odeeffannoo sirrii ta\u2019e akka qabaatan, dhaabbileen galiifi miiltoowwan hojii kanaaf amanamummaan akka tumsan hubachiisaniiru. Bara baajata 2017tti naannichatti birrii biliyoona 58 ol walitti qabamuus eeraniiru. Bulchiinsa magaalaa Baahir Daariitti Itti Gaafatamaan Qajeelcha Galiiwwanii Haayila Maariyaam Ishatee akka jedhanitti bulchiinsa magaalichaatti kaffaltoota gibiraa sadarkaa \u201cC\u201d fi kanneen biroorra gibira funaanuuf qophii bal\u2019aan taasifameera. Akkasumas, qajeelfamni hojii qooda fudhattoota dhimmi ilaallatuuf kennameera; Kaffaltoonni gibiraa yeroon akka kaffalan jajjabeessuufi waltajjii uumuuf hojiin hubannoo uumuu magaalota xixiqqaa keessatti hojjetamaa turuus ibsaniiru. Sirna haaraa hojiirra oole fayyadamuun gibira isaanii akka kaffalaniifis qophiin barbaachisaa ta\u2019e taasifameera jedhaniiru. Jalqaba bara kanaa irraa eegalee sochiin kun jajjabeessaa ta\u2019uus kaasaniiru.<\/p>\n<p>Kaffaltoonni gibiraa hundi sirna hojiirra oole fayyadamuun gibira isaanii yeroon akka kaffalanis itti gaafatanichi hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; &nbsp; Biiroo Galiiwwanii Naannoo Amaaraatti Daarektarri Barnoota Gibiraafi Komunikeeshinii obbo Taazzabaachaw Xaaseh akka jedhanitti, bara baajataa 2018tti kaffaltoota gibiraa sadarkaa \u201cC\u201d gibiraa kaffalchiisuuf hojiiwwan qophii dursaa hojjetamaa turaniiru. Hojiiwwan hojjetaman keessaa mootummaan naannichaa Yuunivarsiitii Baahir Daar waliin ta\u2019uun sirna bulchiinsa gibiraa elektirooniksii haaraa (e-TAS) jedhamu misoomsuun gara hojiitti galchuu dubbataniiru. Kanaanis kaffaltoonni gibiraa mana [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5258,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5257"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5257"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5257\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5259,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5257\/revisions\/5259"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5258"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5257"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5257"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5257"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}