{"id":5260,"date":"2025-07-22T10:58:07","date_gmt":"2025-07-22T10:58:07","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5260"},"modified":"2025-07-22T10:58:07","modified_gmt":"2025-07-22T10:58:07","slug":"hidha-abdii-guddaan-irraa-eegamu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/07\/22\/hidha-abdii-guddaan-irraa-eegamu\/","title":{"rendered":"Hidha Abdii Guddaan Irraa Eegamu"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Addunyaa keenyarratti\u00a0 lageen biyya tokko irraa gara biyya biraatti daangaa qaxaamuruun ce&#8217;an hedduun jiru. Biyyootni Addunyaa hedduunis lageen daangaa ce&#8217;aa ta&#8217;an kanneen, geejjibaaf, humna maddisiisuu, misooma jallisii, dhiyeessi bishaan dhugaatii magaalootaafi dhimmoota biraaf yeroo isaan fayyadaman ni mul&#8217;atu. Walii galteen Jeneevaa akka lakkoofsa faranjootaa bara 1923 raggaasifameen, biyyootni lageen waliin qooddatan gidduutti wal dhabdeen yoo uumame, waldhabdeelee uumaman karaa mariin hiikuun, fayyadamummaa waloo hawaasummaafi diinagdee, waloon hojjechuun akka irra jiru ni daangeessa.<\/p>\n<p>Itoophiyaanis qajeelfama addunyaa bu&#8217;uura gochuun laga ishsee keessa kan maddu Abbayyaarratti, beekumsaafi maallaqa ofiitiin ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa erga eegalte waggoottan kudhanii ol ta&#8217;eera. Biyyattin qabeenya uumamaan badhaate osoo jirtu sirnaan fayyadamuu dhabuun, lammiileen ishee hiyyummaa keessa akka jiraatan taasiseera. Hiyyuummaa balleessuufi guddina diinagdee fooyya&#8217;aa ta&#8217;e fiduuf biyyattiin hidha haaromsa guddicha dabalate piroojektoota gurguddoo ijaaraa jirti. Hidha haaromsa guddichaa Abbayyaa irratti hojjetamaa jiru, Itoophiyaanootni garaagarummaan osoo isaan hin daangeessin maallaqa ofiin piroojeektii\u00a0 ijaaraa jiraniidha.<\/p>\n<p><strong>Ijaarsi hid<\/strong>hichaa akka hin milkoofne dhiibbaan hedduu\u00a0 biyyoota guddinaafi misoomuu Itoophiyaa hin jaallanneen taasifamaa turus, yeroo ammaa dhiibbaa biyyootni taasisan dandamachuun ijaarsi isaa sadarkaa xumuraarra gahee jira.<\/p>\n<p>Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad,\u00a0 Walga\u2019ii Idilee Mana Maree Bakka Bu\u2019oota Uummataa 42ffaa irratti, hidhni Haaromsa guddichi Itoophiyaanootni qabeenya ofiitiin waggoottan kudhani oliif ijaarsisaa turan, ijaarsisaa xumurame Fulbaana keessatti akka eebbifamu ibsaniiru. Dooktar Abiy Ahimad eebba hidhichaarratti biyyoota yaa&#8217;a gadii\u00a0 dabalatee Ijiptiifi Sudaan akka hirmaatan ni affeerra jedhaniiru.<\/p>\n<p>\u2018\u2019Hidhichi biyyoota yaa\u2019a gadiif kennaadha malee yaaddoo miti\u2019\u2019 kan jedhan Ministirri Muummee,\u00a0 ammatti qaamni hidhni guddichi haaromsa Itiyoophiyaa akka hin eebbifamne tattaaffii taasiisuu akka hin jirres ibsaniiru. Itoophiyaan misooma hunda waloon fayyadamuu malee qaama kamiiyyuu miidhuuf kaayyoo akka hin qabnes himaniiru. Hidhichi yeroo xumuramuus diinagdee biyyattii daran akka guddisuufi lammiilee hedduufis carraa hojii uumuu dabalatee, annisa elektiriikii dhaqqabamaa taasisuuf faayidaan isaa olaanaa ta&#8217;uu ni himama.\u00a0 Walitti hidhaminsa diinagdee biyyoota ollaa waliin jiru cimsuufis gumaacha olaanaa qaba.<\/p>\n<p>Hidhi haaroomsa guddicha Itoophiyaa, lammiilee biyyattiif carraa hojii uumuufi sharafa alaa argamsisuu akka danda&#8217;u jiraattootni garaagaraa dubbataniiru. Obbo Tasfaayee Bayyanaan bulchiinsa sablammii Oromootti jiraataa magaalaa Kamiseeti.\u00a0 Obbo Tasfaayeen akka ibsanitti, hidhni haaromsa guddichi Itoophiyaa, seenaa biyyattii kan jijjiire, tokkummaa sabaafi sablammootaa biyyattis kan mirkaneessedha. Gama carraa hojii uumuutiinis, dargaggootni misooma jallisii irratti akka bobba&#8217;aan taasisuun oomishaafi oomishtummaa dabaluun diinagdee biyyatti guddisuuf hidhichi gumaachaa olaanaa qabaachuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Dargaggoota gurmeessuun qurxummii akka horsiisan gochuufis hidhichi carraa guddaa kan uumu ta&#8217;uu kaasaniiru. Anniisni gahaa waan jiruuf warshaalee garaagaraa dhaabuun dargaggoota fayyadamaa taasisuufis xumuramuun hidhichaa daran murteessaa ta&#8217;uu obbo Tasfaayeen himaniiru.<\/p>\n<p>Jiraataan magaalaa Kamisee inni biraa obbo Maatiyoos\u00a0\u00a0 Imaanaa gama isaaniin, hidhi haaromsa guddicha Itoophiyaa yeroo xumuramuu carraa hojii bal&#8217;aa uumuun, hojii dhabdummaa xiqqeessuu keessaatti gahee guddaa qaba jedhaniiru. Warshaalee adda addaa sababa humna annisaan gara hojiitti hin seenne, kanneen sababa humna annisaan hojii dhaabanii turan,\u00a0 humna guutuun gara hojiitti akka galan taasisuun, hojii isaanii akka babal&#8217;isan taasisuun, dargaggooraaf carraa hojii hadduu uumuu dabalatee, oomishaawwan warshaalee guddisuun biyyattiin, saffisaan akka guddattuufi jijjiiramtu kan taasisuudha jedhaniiru. Haadhooliin aaraan rakkachaa turaniifis hidhni haaromsa guddichaa furmaataa fidee akk dhufu kaasaniiru. Hanqina sharafa alaa furuu keessattis gaheen inni qabu olaanaa ta&#8217;uu eeraniiru.<\/p>\n<p>Ogeessa diinagdee kan ta&#8217;an obbo Taamiraat Baalchaa, piroojeektiin guddaan biyyattiin qabdu keessaa hidha haaromsa guddicha tokko ta&#8217;uu kaasanii, hidhichi gaaffi uummataa hedduu ni deebisa jedhame yaadamudha jedhaniiru.\u00a0 Piroojektiin hidha haaromsa guddichaa kun humna uummataan, gargaarsa tokko malee ijaaramuun isaa pirojeektoota gurgguddoo addunyarra ijaaramaa jiran irraa adda taasisaa jedhaniiru.<\/p>\n<p>Hidhi guddaan biyyattiin ijaaraa jirtu kun yeroo xumuramu,\u00a0 uummatni miliyoonaan lakka&#8217;aamu ifaafi annisa ekektiriikaa akka argatu ni taasisa jedhaniiru. Itoophiyaa dabalatee, biyyootni ollaa humna elektiriikaa lammiilee isaaniif dhaqqabamaa taasisuu hin dandeenyee, tajaajila guddaa kan kennu ta&#8217;uus himaniiru. Adeemsa kana keessatti biyyootni Bahaa Afrikaa tumsa isaanii cimsuufi akka wal deeggaran taasisuu keessattis, humna guddaa kan ta&#8217;uudha jedhaniiru. Hidha haaromsa guddaa biyyattiin ijaaraa jirtu kun, annisa maddisiisuun alatti, gidduu gala dinagdeefi bashannanaa ta&#8217;uun, galii biyyattii daran akka dabalu kan taasisu ta&#8217;u obbo Taamiraat ibsaniiru.<\/p>\n<p>Damee qonnaa ammayyeessuun waggaatti yeroo lamaafi sadii\u00a0\u00a0 jallisii fayyadamanii oomishuuf hidhni haaromsaa murteessaa ta&#8217;uus dubbataniiru. Oomisha qurxummii gara alaatti erguun sharafa alaa argachuufis xumuramuun hidhichaa murteessaadha jedhaniiru. Jijjirama diinagde hunda galeessa biyyattii keessa fiduuf hidhni haaromsa guddichaa gahee qabaachuu ibsaniiru. Itoophiyaan kuduraafi muduraa sharafa alaan biyyoota biraa irraa bitachaa turuu kaasani, hidhni kun yeroo xumuraamu rakkoon kun guutummaan guutuutti akka furamuu kan taasisuufi Itoophiyaan oomisha kuduraafi muduraa ishee guddisuun sharafa alaa argachuuf ishee gargaara jedhaniiru.<\/p>\n<p>Hidhi haaromsaan kun yeroo xumuramu, lammiileen hedduu hiyyuummaa keessaa kan itti bahan, gaaffiin ibsaafi annisaa uummatni gaafataa ture furmaata kan itti argatu, hojii dhabdootaaf carraa hojiin hedduun kan itti uumamuufi abbootii qabeenyaa, humna annisaa guddaa barbaadaniif deebii gaha kan kennu ta\u2019uu ogeessi kun himaniiru.<\/p>\n<p>Rakkoo dhiyeessi annisaa akka furuufi lammiilee biyyattii hiyyuummaa keessaa baasuuf kan abdiin itti taasifame hidhni haaromsaa guddicha Itoophiyaa kun biyyoota ollaafis faaayidaa olaanaa qabaachuu obbo Taamiraat dubbataniiru. Xumuramuun hidhichaa, biyyoota naannawichaaf faayidaa siyaasaa, dinagdeefi\u00a0 hawaasummaa qabaachuu ogeessi diinagdee kun himaniiru.\u00a0 Hidhichi carraa hojii Itoophiyaanootaaf uumuun alatti lammiileen alaa gara Itoophiyaatti dhufan hojii akka hojjetan kan taasisuudha. Hidhichi fudhatamummaafi dhagahamummaa Itoophiyaas kan ol guddise ta&#8217;uus ogeesichi ibsaniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Addunyaa keenyarratti\u00a0 lageen biyya tokko irraa gara biyya biraatti daangaa qaxaamuruun ce&#8217;an hedduun jiru. Biyyootni Addunyaa hedduunis lageen daangaa ce&#8217;aa ta&#8217;an kanneen, geejjibaaf, humna maddisiisuu, misooma jallisii, dhiyeessi bishaan dhugaatii magaalootaafi dhimmoota biraaf yeroo isaan fayyadaman ni mul&#8217;atu. Walii galteen Jeneevaa akka lakkoofsa faranjootaa bara 1923 raggaasifameen, biyyootni lageen waliin qooddatan gidduutti wal dhabdeen [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5261,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5260"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5260"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5260\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5262,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5260\/revisions\/5262"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5261"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5260"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5260"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5260"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}