{"id":5271,"date":"2025-07-22T11:07:22","date_gmt":"2025-07-22T11:07:22","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5271"},"modified":"2025-07-22T11:07:22","modified_gmt":"2025-07-22T11:07:22","slug":"jaarsolii-biyyaa-gaachana-nageenyaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/07\/22\/jaarsolii-biyyaa-gaachana-nageenyaa\/","title":{"rendered":"Jaarsolii Biyyaa: Gaachana Nageenyaa"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Qabeenya biyyi tokko qabdu isa guddaadha yoo jennee dhimma wal nama hin sobsiifnedha. Sababni isaas biyyoota aadaaf duudhaa hedduu qaban akka biyya keenya Itoophiyaa akka fakkeenyatti yoo fudhanne kabajniifi jaalalli akkasumas dhageettii isaan hawaasa\u00a0 keessatti qaban haalaan guddaadha. Dhimmi nuti irratti fuulleffanne eenyu laata jechuun keessan hin oolu. Isaanis dhugumatti biyya tokkoof qabeenya qaalii\u00a0 dorgomaa hin qabne dha, jaarsoliin biyyaa.<\/p>\n<p>Jaarsoliin biyyaa jaarraawwan darban keessa biyyattiif abdii turaniiru, har\u2019as akkasuma, egereen biyyattis harka isaanii keessa jiraachuun ishee waan hunduu itti walii galuu danda\u2019udha. Yeroo kana jennu sadarkaa umurii biraa keessa kan jiran biyya tokkoof faayidaa buusuu hin danda\u2019an jechuu osoo hin taane umuriin bubbuluun isaanii muuxannoo guddaa akka qabaatan taasisuun yaadni isaanii kanneen biroo irraa adda ta\u2019ee waan argamuufi. Hawaasa keessatti dubbatanii dhageettii kan qaban, haalaan kabajamoodha. Yeroo ammaa keessatti ammoo keessumatti baay\u2019ee kan barbaachisaniifi abdii guddaan irra kaa\u2019amee kan jiru dha.<\/p>\n<p>Sababoota adda addaan nageenyi biyyattii keessa jiru wayita boora\u2019utti, hojiin manaa jaarsolii biyyaa kana irraa eegamu haalaan jabaa ta\u2019ee kan mullatudha. Gahee jaarsoliin biyyaa nageenya keessatti qaban guddaadha kan jedhan Abbaa Gadaa Bulchiinsa Magaalaa Kamiseefi Barreessa Kaawunsilii Nageenyaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo, Ahimad Jawaar\u00a0 \u201cYeroo ammaa haala nagenyaan wal qabatee waamicha nageenyaa taasifnuun jijjiiramootni hedduun mullataniiru, mullachaas jiru\u201d jedhaniiru. Guyyaa gara guyyaatti ammoo rakkoolee walitti bu\u2019iinsaan uumaman qabeenya saamaman irratti, daangaafi dhimmoota biraan rakkoon yoo uumamu hatattamaan bakka sanatti argamna kan jedhan obbo Ahimad, yoo waraana ta&#8217;es keessa seenuun ni qabaneessina jedhaniiru. Aanota bulchiinsichaafi ollaa isaa hundatti argamuun hojii kana hojjenna jechuun yaada isaanii nuuf qoodaniiru.<\/p>\n<p>Adam Ahimad Abbaa Bokkuu Bulchiinsa Sablammii Oromoo yoo ta\u2019an, gaheen jaarsi biyyaa nageenya buusuuf qabu himamee xumuramuu hin danda\u2019u jechuun yaada isaanii nuuf qooduun eegalaniiru.\u00a0 Namoota liqaa maallaqa\u00a0 irratti wal dhaban, horii mana oofamtee nama jalaa fudhatamte, daangaa irrattis haa ta\u2019u nama wal ajjeesuuf qawwee walitti kaafate, meeqaan meeqa walitti fidnee araarsaa oolla, nageenya hawaasa keenyaa mirkaneessina jechuun yaada isaanii nuuf eeraniiru. Yeroo ammaatis jaarsoliin biyyaa kun dhugumatti rakkoo biyyattii keessa jiruuf abdii guddaafi waldhabdee furuuf gochaan kan agarsiisaa jiranidha.<\/p>\n<p>Obbo Daammanaa Taaddasee, Qindeessaa kaawunsilii Nageenyaa Bulchiinsa Sablammii Oromooti. \u201cBaroota dhihoo dura kaawunsilii nageenyaa jedhamuun kan hundaa\u2019e, hanga sadarkaa gadiitti Godinootaafi Aanota irratti erga gadi bu\u2019ee hojii eegalee haalli mijataan nageenya buusuuf uumameera jedhaniiru. Keessumaa ammoo kaawunsiliin nageenyaa kun jaarsolii biyyaa waliin tokkoomee hojii hojjeteen bu\u2019aan gurguddaan argamuu nuuf himaniiru. Akka Bulchiinsa Sablammii Oromoottis godinootaafi naannolee ollaa bulchinsichaa hedduu waliin hariiroon uumameera jedhiiru. Naannoo Affaar akkasumas godinaalee ollaa bulchiinsa Sablammii Oromoo gidduutti hariiroon gaarii uumamuu akka danda\u2019e obbo Daammanaan kaasaniiru.<\/p>\n<p>Dabalataanis lafa osoo hin qotamin agabuu bulaa ture kan godina Kaaba Shawaa heektaarri 156, hawaasa Bulchiinsa sablammii Oromoon qotamuu danda\u2019ameera jedhaniiru. Sababa maqaa qabsoon kanneen bosona seenan namootni 730 meeshaa hidhannoo guutuu waliin hawaasatti makamuu danda\u2019uu kaasaniiru. Hojiileen kunneen hundi bu\u2019aa jaarsoliin biyyaafi kaawunsiliin nageenyaa waliin ta\u2019anii hojjetanidha jechuun yaada isaanii nuuf eeraniiru. Itti Gaafatamaan Qajeelcha Aadaaf Tuurizimii Bulchiinsa Sablammii Oromoo,\u00a0 obbo Ahimad Ibraahim, hojiileen jaarsolii biyyaa Kanaan hojjetaman guddaa waan ta\u2019eef mootummaanis itti dhimma bahuu irratti argama jedhaniiru.Akka qajeelcha keenyaattis jaarsoliin biyyaa mootummaa waliin sirnaan haala qinda\u2019aa ta\u2019een akka hojjetaniif jabeessinee irratti hojjechaa jirra jechuun Obbo Ahimad Yaada isaanii nuuf qoodaniiru. Egaa aadaa keenya ganamaatti gargaaramuun rakkoolee keenya furachuun dhimma aadeefatamuu qabudha kan jedhus dhaamsa Barruu keenyaati, nagaatti.<\/p>\n<p>Surraa Iddoosaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Qabeenya biyyi tokko qabdu isa guddaadha yoo jennee dhimma wal nama hin sobsiifnedha. Sababni isaas biyyoota aadaaf duudhaa hedduu qaban akka biyya keenya Itoophiyaa akka fakkeenyatti yoo fudhanne kabajniifi jaalalli akkasumas dhageettii isaan hawaasa\u00a0 keessatti qaban haalaan guddaadha. Dhimmi nuti irratti fuulleffanne eenyu laata jechuun keessan hin oolu. Isaanis dhugumatti biyya tokkoof qabeenya qaalii\u00a0 [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5272,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5271"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5271"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5271\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5273,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5271\/revisions\/5273"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5272"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5271"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5271"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5271"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}