{"id":5294,"date":"2025-08-06T12:28:04","date_gmt":"2025-08-06T12:28:04","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5294"},"modified":"2025-08-06T12:28:04","modified_gmt":"2025-08-06T12:28:04","slug":"sagantaan-seeftiineetii-lammiileen-gargaaramuurraa-gara-oomishtummaatti-ceesisuurratti-mariatame","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/08\/06\/sagantaan-seeftiineetii-lammiileen-gargaaramuurraa-gara-oomishtummaatti-ceesisuurratti-mariatame\/","title":{"rendered":"Sagantaan Seeftiineetii Lammiileen Gargaaramuurraa Gara Oomishtummaatti Ceesisuurratti Mari\u2019atame"},"content":{"rendered":"<p>Ministeerri Magaalaafi Bu\u2019uuraalee Misoomaa\u00a0\u00a0 raawwii sagantaa Piroojaktii seeftiineetii misooma magaalotaa kan bara 2017 magaalaa Adaamaatti gamaaggameera. Hojii dhabdummaa naannawa magaalaatti mul&#8217;atuufi hiyyummaa\u00a0 xiqqeessuuf gama mootummaatiin tarsiimoofi imaammanni bocamee gara hojiitti galameera. Kana keessatti Piroojaktiin misooma seeftiineetii magaalaa isa tokkodha. Ministir Deetaan Ministeera Magaalaafi Bu\u2019uuraalee Misoomaa, Faantaa Dajan, sagantaan\u00a0 misooma seeftiineetii bara 2009 magaaloota 11 keessatti kan jalqabame yoo ta&#8217;u, yeroo ammaa magaloota 88 keessatti dhaqqabamaa taasisuun danda&#8217;amuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Magaaloota kanneen keessatti lammiilee miiliyoonaan lakka&#8217;aaman fayyadamaa taasisuun danda&#8217;amu kaasaniiru.\u00a0 Sagantaan misooma seeftiineetii magaaloota adda addaatti raawwatamaa jiru kun, kutaalee hawaasaa jireenya gadaanaa jiraatan qabeenya horatanii\u00a0 jiruufi jireenya isaanii akka gaggeessaniif haala mijataa uumuu keessatti gahee olaanaa\u00a0 qabaachuu deetaan Ministirichaa\u00a0 himaniiru.<\/p>\n<p>Sagantichi lammiileen magaalootaatti hojiilee\u00a0 misooma wabii midhaan nyaataa mirkaneessan irratti hirmaachuun, galii mataa isaanii akka qabaatan gochuuf, aadaa hojii dabalataa jijjiiruun,\u00a0 aadaa qusannaa cimsuun,\u00a0 jireenya isaanii fooyyeessuufi fullee magaalootaa ijaaruun gumaacha guddaa taasiseera jedhaniiru. Bara baajataa 2017tti\u00a0 biyyattitti naannoolee filataman hundatti magaaloota 88 keessatti lammiilee kuma 699\u00a0 dameelee misooma garaagaraan fayyadamaa taasisuun danda&#8217;amuu dubbataniiru. Bara baajataa 2018 lammiilee biyyattii caalaatti fayyadamummaa isaanii mirkaneessuuf qaamoleen gahe qabeessoota tumsa taasisuun gahee isaanii akka bahatan obbo Faantaan waamicha dhiheessaniiru.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Ministeerri Magaalaafi Bu\u2019uuraalee Misoomaa\u00a0\u00a0 raawwii sagantaa Piroojaktii seeftiineetii misooma magaalotaa kan bara 2017 magaalaa Adaamaatti gamaaggameera. Hojii dhabdummaa naannawa magaalaatti mul&#8217;atuufi hiyyummaa\u00a0 xiqqeessuuf gama mootummaatiin tarsiimoofi imaammanni bocamee gara hojiitti galameera. Kana keessatti Piroojaktiin misooma seeftiineetii magaalaa isa tokkodha. Ministir Deetaan Ministeera Magaalaafi Bu\u2019uuraalee Misoomaa, Faantaa Dajan, sagantaan\u00a0 misooma seeftiineetii bara 2009 magaaloota 11 keessatti [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5295,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5294"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5294"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5294\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5296,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5294\/revisions\/5296"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5295"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5294"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5294"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5294"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}