{"id":5300,"date":"2025-08-06T12:41:43","date_gmt":"2025-08-06T12:41:43","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5300"},"modified":"2025-08-06T12:41:43","modified_gmt":"2025-08-06T12:41:43","slug":"tola-ooltummaan-lammii-ofii-utubuudha","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/08\/06\/tola-ooltummaan-lammii-ofii-utubuudha\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0 Tola Ooltummaan Lammii Ofii Utubuudha"},"content":{"rendered":"<p style=\"padding-left: 40px\">Tola ooltummaan , faayidaa osoo hin argatiin kaka&#8217;umsa ofiitiin\u00a0 qaamni kamiyyuu osoo hin dirqisiisin, beekumsa qabaniin\u00a0 humnaafi maallaqqa qabanin namoota rakkatan\u00a0 gargaaruudha. Ofirra darbanii isa kaaniif yaaduu, warra dagataman yaadachuu,\u00a0 warra hirkoo dhabaniif hirkoo ta&#8217;uufi kan abdii dhaban immoo abdii itti horuudha.\u00a0 Tola ooltotni immoo\u00a0 hojii eebbifama kana\u00a0 yeroo hojjetan, sanyii, saala, bifaan, amantaa, afaaniifi siyaasaa\u00a0 bu&#8217;uura gochuun osoo hin taane namni nama ta&#8217;uu isaatiin qofa ulaagaa taasisuudhaan, walqixa tajaajiludha.<\/p>\n<p>Hojiin tola ooltummaa,\u00a0 waliin jireenyaafi tokkummaan\u00a0 biyyaa akka cimu, hariiroon hawaasummaa akka jabaatu, nageenyaafi waliigalteen biyyaa akka uumamu, kaayyoon misoomaas\u00a0 galma akka gahu, faayidaa qabu irratti hundaa&#8217;e aadaa akka ta&#8217;uufi\u00a0 tola ooltootni jaalala biyyaafi uummata isaaniif qaban gochaan akka ibsaniif kan bocame sagantaa biyyaalessaa akka ta&#8217;e ni himama.<\/p>\n<p>Sadarkaa idil addunyaatti tola ooltootni lakkoofasaan hedduu ta&#8217;an fedhii isaan qaban irratti hundaa&#8217;uun dameelee hojii garaagaraa irratti ni hirmaatu. Itoophiyaattis hawaasni hubannoo tajaajila\u00a0 tola ooltummaa irratti qabu baroottan duraa keessatti gadii aanaa turus,\u00a0 yeroo ammaa, lakkoofsi namoota tajaajila tola ooltummaa irratti hirmaatan daran dabalaa jiraachuu ragaaleen ni agarsiisu. Kutaaleen hawaasaa hundi\u00a0 hojii tola ooltummaarratti hirmaatanis, lakkoofsi dargaggoota tajaajila tola kennan garuu olaanaadha. Akka biyyaatti\u00a0 dargaggootni hedduun\u00a0 hojii tola ooltummaa garaagaraa irratti hirmaachuun dirqama lammummaa isaanii bahacha turaniiru, bahachaa jirus.<\/p>\n<p>Naannoo Amaaraa bulchiinsa sablammii Oromoo aanaa Jillee Dhummugaatti dargaggootni hojii tola ooltummaarratti\u00a0 bobba\u2019uun hawaasa isaanii tajaajilaa jiraachuu dubbataniiru. Dargaggoo Abduramaan\u00a0 Mohaammad, hojii tola ooltummaa gannaatiin namoota harka qalleeyyiifi dadhaboo ta&#8217;an gargaaruun dirqama lammummaa isaa bahachaa jiraachuu dubbateera.\u00a0 \u2018\u2019Hojii tola ooltummaarratti bobba\u2019uun namoota dadhaboo gargaaruun cinaatti boqonnaa sammuu namaaf kenna\u2019\u2019 jechuun himeera. Dargaggoonni yeroo isaanii iddoo hin taanetti dabarsanis hojii milkaawaa akkanaa kanarratti akka hirmaatan dhaamsa isaa dabarseera.<\/p>\n<p>Jiraataan aanichaa inni biroo dargaggoo Ahmad Adam, hojii tola ooltummaan namoota rakkatan gargaaruu, kan beela&#8217;aan nyaachisuun,\u00a0 kan dhukkubsatan yaalchisuuniifi kanneen mana dhabaniif mana ijaaruun gahee isaa bahachaa jiraachuu dubbateera.<\/p>\n<p>Jiraattuu aanaa Jillee Dhummugaa aadde Faaxumaa Waleen hojii tola ooltummaa kanarraa fayyadamoo ta&#8217;uu dubbataniiru.\u00a0 Manni isaanii jalaa jigee, yeroo\u00a0 roobni roobu, bakka dhaqan dhabuun rakkachaa turuu kan himan aadde Faaxumaan, yeroo ammaa garuu manni isaanii tola ooltootaan ijaarame, rakkoon isaaniitiis waan furameef gammachuu isaaniitti dhagahame ibsaniiru.<\/p>\n<p>Aanichatti bara kana tola oltoota kuma 58 ol hirmaachisuun, kutaalee hawaasaa kuma 84 ol fayyadamaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu kan himan immoo\u00a0 itti gaafatamaa waajjira dargaggoofi Ispoortii aanichaa obbo Umar Ibraahimidha. Kanaanis lammiileen hedduu tajaajila tola ooltummaa kanarraa fayyadamaa jiraachuu himaniiru.<\/p>\n<p>Daraggoonni humna, yeroofi beekumsa isaanii utuu hin qusatin hojii tajaajila tola ooltummaarratti bal\u2019inaan kan hirmaatan yoo ta\u2019e, hawaasa bal\u2019aa fayyadamaa taasisuurra darbanii misooma biyyaa si\u2019eessuu keessattis gumaacha isaan irraa eegamu bahachaa jiraachuu isaanii hubachuu qabu kan jedhan itti gaafatamtichi\u00a0 keessattu kutaalee hawaasaa harka qal\u2019eeyyii gargaaruu keessatti gahee olaanaa waan qabaniif dargaggoonni bal\u2019inaan akka hirmaataniif waamicha dhiheessaniiru.Tajaajilli tola ooltummaa imimmaan haadhoolii, hedduu, abbootiifi namoota dadhaboo ta&#8217;an hedduu kan haqee ta&#8217;uus kaasaniiru.<\/p>\n<p>Bulchiinsa sablammii Oromootti bara kana namoota tajaajila tola ooltummaa kennan kuma 200 ol ta&#8217;an kutaalee hawaasaa hundarraa hirmaachisuuf hojjetamaa jiraachuu Qajeelcha dargaggoofi Ispoortii bulchiinsa sablammi Oromootti ogeessi hirmaannaa, fayyadamummaafi sosocho&#8217;insa dargaggootaa obbo Habtaamuu Lataa\u00a0 himaniiru. Kutaalee hawaasaa kana keessatti dargaggoota kuma 100fi kuma 35fi 756 hirmaachisuuf karoorfame gara hojiitti galamuu\u00a0 dubbataniiru.<\/p>\n<p>Kutaalee hawaasaa\u00a0 tola ooltummaa irratti hirmaachisuuf karoorfame keessaa jalqaba kanarratti tola ooltoota gara kuma 150 ta&#8217;an gara hojiitti galuun\u00a0 hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu himaniiru. Dameelee hojii 17tiin dargaggoota tajaajila tola ooltummaa kennan bobbaasuun hojjetamaa jiraachuu kan himan obbo Habtaamuun, hojiileen kunneenis, bolla biqiltu qopheessuu, manneen haaraa qaama dadhabdootaa gandoota 130 keessatti ijaaruu, akkasumas\u00a0 gandoota eeraman keessaa suphaa manneen 260 ta&#8217;an suuphuu, nageenya naannawa isaanii akka kabachisaniif poolisii naannawaa waliin ta&#8217;uun hojjechuu, walitti dhufeenya cimsuuf dargaggootni hawaasa ollaa waliin hariiroo jabeessuu\u00a0 hojii hubannoo cimsuu akka hojjetan\u00a0 taasisuu, barnoota gannaa barattootaaf kennuu, meeshaalee barnootaa barattootaaf walitti qabuufi dhiiga arjoomuun\u00a0 hojiilee ganna kanaa hojjechuuf karoorfamanii hojjechaa jiran ta&#8217;uu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Kanaanis kutaalee hawaasaa kuma 400 ol ta&#8217;an gosoota hojii garaagaraan\u00a0 fayyadamaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru. Hojii tola ooltummaa kanaanis baasii mootummaan baasuu qabu birrii miiliyoona 1tuqaa\u00a0 tokko ol ta&#8217;u\u00a0 akka bulchiinsa sablammiichaatti hambisuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.<\/p>\n<p>Manneen haaraa 46fi manneen\u00a0 qaama dadhabdoota\u00a0 31 suuphamus eeraniiru. Maaddii qoodachuu waliin walqabatees midhaan kuntaalaa kuma 1 fi 369 harka qalleeyyiif kennamuu kaasaniiru. Yerooma jalqabbii kana keessatti,\u00a0 baasii\u00a0 bulchiinsi sablammichaa\u00a0 baasuu qabu birrii miiliyoona 96 ol ta&#8217;u hambisuun danda&#8217;amus ibsaniiru.<\/p>\n<p>\u2018\u2019Hojiin tola ooltummaa, ganna qofaa miti kan hojjetamu\u2019\u2019 kan jedhan obbo habtaamuun,\u00a0 hojiin kun waqtii boonaas haala itti fufinsa qabuun hojjetamaa turuu himaniiru. Manneen qaama dadhabootaa ijaaruu, oomishaalee gahaan yeroon sassaabuu, qotuufi\u00a0 maaddii qooddachuun hojiilee tola ooltummaa boonaan akka bulchiinsa sablammichaatti hojjetamaa kan\u00a0 turan ta&#8217;uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Kanaanis hojiin tola ooltummaa\u00a0 akka bulchiinsa sablammii Oromootti haala itti fufinsa qabuun boonaafi gannaa hojjetamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.<\/p>\n<p>Hojii gaarummaa qabu hojjechuun yeroofi bakkaan kan daangeeffame miti jechuun hubachisaniiru. Tola ooluufi gaarummaa hojjechuun\u00a0 qalbii nama gammachiisu bira dabree biyya jaalalaan tokkoomte uumuu keessattis qooda olaanaa waan qabuuf ummata yeroo tokko tajaajillee kan dhaabnu osoo hin taane itti fufiinsaan tajaajiluudhaaf qophii ta&#8217;uu barbaachisa\u00a0 jedhaniiru. Haalli muxannoo tajaajila tola ooltummaarratti jiru yeroo irraa gara yerootti\u00a0 dabalaa dhufuu kan kaasan obbo Habtaamuun, tajaajilichaan hojiileen baajata mootummaatiin hin hojjetamne hedduun raawwatamaa jiraachuu ibsaniuru. Tajaajilli tola ooltummaa aadaa ta\u2019ee akka itti fufuuf hojiichi hirmaannaafi deeggarsa hawaasa bal\u2019aa gaafata jedhaniiru.<\/p>\n<p>Tola ooltummaan\u00a0 hawaasaafi hawaasaa walitti fiduun, hariiroon hawaasummaa akka cimu taasisuun, baasii mootummaa qusachuu, hawaasa humnaafi maallaqa hin qabne fayyadamaa taasisuufi\u00a0 garaagarummaa saboota gidduu jiru hambisuufis faayidaa olaanaa qabaachuu obbo Habtaamuun hubachisaniiru. Namni kamiyyuu lammii isaa hojjetee nyaachuu hin dandeenyeef\u00a0 deeggarsa taasisuufi hojii tola ooltummaa irratti gahee mataa isaa akka bahatu \u00a0obbo Habtaamuun waamicha dhihessaniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Tola ooltummaan , faayidaa osoo hin argatiin kaka&#8217;umsa ofiitiin\u00a0 qaamni kamiyyuu osoo hin dirqisiisin, beekumsa qabaniin\u00a0 humnaafi maallaqqa qabanin namoota rakkatan\u00a0 gargaaruudha. Ofirra darbanii isa kaaniif yaaduu, warra dagataman yaadachuu,\u00a0 warra hirkoo dhabaniif hirkoo ta&#8217;uufi kan abdii dhaban immoo abdii itti horuudha.\u00a0 Tola ooltotni immoo\u00a0 hojii eebbifama kana\u00a0 yeroo hojjetan, sanyii, saala, bifaan, amantaa, afaaniifi [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5301,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5300"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5300"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5300\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5302,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5300\/revisions\/5302"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5301"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5300"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5300"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5300"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}