{"id":5310,"date":"2025-08-08T13:21:58","date_gmt":"2025-08-08T13:21:58","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5310"},"modified":"2025-08-08T13:21:58","modified_gmt":"2025-08-08T13:21:58","slug":"barnoonni-idileen-duraa-cabiinsa-barnootaa-buuuraan-jijjiiruuf-gahee-qabu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/08\/08\/barnoonni-idileen-duraa-cabiinsa-barnootaa-buuuraan-jijjiiruuf-gahee-qabu\/","title":{"rendered":"Barnoonni Idileen Duraa Cabiinsa Barnootaa Bu\u2019uuraan Jijjiiruuf Gahee Qabu"},"content":{"rendered":"<p>Barnoonni yoomiifi eessattuu taanaan guddina biyya tokkootiif barbaachisaadha. Meeshaan guddichi guddina roga maraa\u00a0 biyyoota gurguddoo addunyaa kanaaf argamsiise barnootadha. Kunis milkaa&#8217;uu kan danda&#8217;eef dhaloota barnootaan gahoome horachuu danda&#8217;uunidha. Dhaadhannoon &#8221;barnoonni hundaaf&#8221; jedhu agarsiistuu tokkodha. Kana dhugoomsuuf manneen barnootaa idileen duraa babal&#8217;isuun murteessaadha. Haala amma jiruun qaqqabamiinsa isaan walqabatee jalqabbiin jiru tuffatamuu baatus, gahaadha sadarkaa jechisiisu irra hin hingeenye.<\/p>\n<p>Jiraataan magaalaa Kamisee obbo Ahimad Bashir, daa\u2019ima dubaraa isaanii yeroo isheen waggaa 4 guutturraa eegalanii walitti aansuun waggoota sadiif mana barnootaa idileen duraa magaalicha keessatti argamu barsiifachaa turuu himaniiru. Daa&#8217;imni isaanii bara barnootaa 2017tti barnoota idileen duraa waan xumurteef bara barnootaa haaraa 2018 ammoo mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa kutaa 1ffaa galchuuf qophii taasisaa jiraachuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Akka isaan jedhanitti, daa&#8217;imni isaanii turtii waggaa sadii keessatti barnoota sadarkaa umurii isheen walgitu argatteetti. Jiraatichi, yeroo ammaa daa&#8217;imni kun naannoo ishee hubachuu bira dabartee afaan dhaloota ishee kan ta&#8217;e Afaan Oromoo dabalatee sadarkaa umriisheen walgituun afaan Amaaraafi Ingiliffaa fayyadamtee wantoota naannawa ishee jiran haalaan kan ibsuu dandeessu ta&#8217;uu dubbataniiru. \u2018\u2019Maatiin guddina qaamaa sammuu, miiraafi hawaasummaa daa\u2019immaniif gahee olaanaa qaba\u2019\u2019 kan jedhan obbo Ahimad, daa&#8217;imman ganamumarraa aadaa barnoota barachuu akka gabbifataniifi gama hundaa cimoo ta&#8217;anii akka bahaniif maatiin hunduu gahee isaa bahachuu akka qabu hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>Bu&#8217;uuruma kanaan waliin gahiinsaafi barbaachisummaa manneen barnootaa idileen duraa irratti xiyyeeffatee gaaffii isaaniif dhihaateef &#8221;cabiinsa barnootaa akka biyyaatti mudate hundee irraa furuuf bu&#8217;uurra irraa hojjechaa jirra&#8221; jechuun itti gaafatamaan Qajeelcha Barnootaa bulchiinsa Sablammii Oromoo, obbo Indiris Ahimad dubbataniiru.\u00a0 Akka isaan jedhanitti, rakkoo kana furuuf karoora xiiqii qabatanii hojiitti seenaniiru. Isaan keessaa inni ijoofi hangafti manneen barnootaa idileen duraa babal&#8217;isuu ta&#8217;uusaa ittigaafatamichi himaniiru. &#8221;Kaayyoon waliigalaa mana barnootaa idileen duraa daa\u2019imman qaamaan, sammuun, miiraafi hawaasummaan cimanii mana barnootaa idileef akka qophaa\u2019an taasisudha&#8221; jedhaniiru. \u2018\u2019Lammii gama hundaan gahoome oomishuun kan danda&#8217;amu barnootaani kan jedhan\u2019\u2019 obbo Indiris, kana qabatamaan mul&#8217;isuuf ammoo daa&#8217;imman ijoollummaan mi&#8217;aa barnootaa akka qabaataniif mana barnoota idileen duraan walitti madaqsuu kan feesisu ta&#8217;uusaa dubbataniiru.<\/p>\n<p>&#8221;Daa\u2019imman umriin isaanii giddu-galeessaan waggaa 4 hanga 6 ta\u2019an waan hundaan akka guddataniif mana barnootaa idileen duraa keessatti deggarsi umriifi sadarkaa isaaniin walgitu taasifaamuutu irra jiraata&#8221; jedhaniiru. Kunis kan ta&#8217;eef, daa\u2019imman daangaa umrii kana keessatti argaman waa\u2019ee naannoo isaanii beekuufi odeeffannoo haaraa argachuuf fedhiin isaan qaban olaanaa ta&#8217;uusaa kaasaniiru. Kana hubannoo keessa galchuun bulchiinsichatti manneen barnootaa idileen duraa keessatti daa&#8217;imman carraa barnootaa akka argataniif sochii taasisaa turuufi jiraachuu dubbataniiru. Bakka aadaaniifi fedhiin barnootaa itti dagaage jirutti magaalota bulchiinsichaa garaagaraa keessatti waliigalaan manneen barnootaa idileen duraa sadarkaa isaanii eeggataniifi meeshaalee barbaachisoo barnoota daa&#8217;immaniif oolu guuttatan jiraachuu itti gaafatamichi kaasaniiru. As keessatti bara barnootaa 2017tti daa&#8217;imman kuma 20 ol carraa barnootaa argachuu kan himan obbo Indiris bara barnootaa haaraa 2018 &#8216;tiif immoo daa&#8217;imman kuma 26 galmeessuuf karoorfamuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Obbo Indiris, manneen barnootaa dursaa idileef xiyyeeffannoo kennuun dandeettiifi qabxii barattootaa fooyyessuun cabiinsa sirna barnootaa sadarkaa olaanaatti mudate bu&#8217;uurarraa furuuf shoora olaanaa qabaachuu addeessaniiru. itti gaafatamichi barnoonni hundaaf barbaachisaa ta&#8217;uu tuqanii, daa&#8217;imman naannawa baadiyyaa bulchiinsichaatti argaman hanga danda&#8217;ameetti qixa warra magaalaa barnoota dursaa idilee akka argataniif carraaqqiin taasifamaa jiraachuu dubbataniiru. Haata&#8217;umalee, naannawa baadiyyaatti manneen barnootaa dursaa idilee babal&#8217;isuun qabeenya guddaafi yeroo dheeraa waan barbaaduuf tumsa qaama hundaa kan ta&#8217;uu addeessaniiru.<\/p>\n<p>Barsiisonni dursaa idilee amala, dandeettii daa\u2019immanii dabalatee kunuunsa isaaniif godhamuu qabuufi sadarkaa gahumsa daa\u2019imman hubachuu akka danda&#8217;aniif gama qajeelchaafi naannootiin leenjii gahaa argachuu isaanii obbo Indiris kaasaniiru. Kitaabni deggarsaa daa\u2019imman dursaa idilee irraa baratan manneen barnootaaf gama qajeelchichaan dhihaachuu himaniiru. Kitaabileen kunneen daa&#8217;imman dagaagina qaamaafi sochii, raawwii hawaasummaafi cimina sammuu akkasumas afaaniifi herrega dabalatee naannoo isaanii sakatta\u2019uufi hubachuu kallattiiwwan hundarratti gahumsaafi bu\u2019aawwan daa\u2019imman irra gahuu qaban of keessatti kan hammate ta&#8217;uu eeraniiru.<\/p>\n<p>\u2018\u2019Guddinaafi barnoota daa\u2019immanii keessatti hirmaannaan maatiifi\u00a0barsiisotaa milkaa\u2019ina daa\u2019immanii shoora guddaa taphatanidha\u2019\u2019 kan jedhan itti gaafatamichi, barsiisonni mana barnoota idileen duraa daa\u2019imman kunuunsuufi barsiisuun barnoota idileef qopheessuuf hanguma fedhan itti gaafatamummaa olaanaa kan qaban ta\u2019anis itti gaafatamummaa isaanii seeraan bahuu kan danda\u2019an hirmaannaan maatiin daa\u2019immanii murtessaa ta&#8217;uu tuqaniiru.Maatiin daa&#8217;immanii barsiisota mana barnootaa idileen duraa wajjiin walta\u2019iinsaan yoo hojjatan daa\u2019imman mana barnootaa keessatti qofa osoo hin taane jireenya isaanii gara fuulduraa keessattis bu\u2019a qabeeyyii ta\u2019u jedhaniiru. Boru biyya kan dhaalu daa&#8217;imman har&#8217;a jiran waan ta&#8217;eef barnoota gahaa akka isaan argataniif hunduu tumsuu akka qabu hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Barnoonni yoomiifi eessattuu taanaan guddina biyya tokkootiif barbaachisaadha. Meeshaan guddichi guddina roga maraa\u00a0 biyyoota gurguddoo addunyaa kanaaf argamsiise barnootadha. Kunis milkaa&#8217;uu kan danda&#8217;eef dhaloota barnootaan gahoome horachuu danda&#8217;uunidha. Dhaadhannoon &#8221;barnoonni hundaaf&#8221; jedhu agarsiistuu tokkodha. Kana dhugoomsuuf manneen barnootaa idileen duraa babal&#8217;isuun murteessaadha. Haala amma jiruun qaqqabamiinsa isaan walqabatee jalqabbiin jiru tuffatamuu baatus, gahaadha sadarkaa jechisiisu [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5311,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[45],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5310"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5310"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5310\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5312,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5310\/revisions\/5312"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5311"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5310"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5310"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5310"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}